Ji’a sagal qofa gidduutti Hanna bu’uuraalee humna elektrikaa Itoophiyaa irratti taassifameen maallaqa tilmaamaan Birrii miiliyoona 200tti siqutu bade.

Tajaajilli Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa ji’oota sagal darban keessatti bu’uuraalee elektirikaa fi hanna humna elektirikaatiin walqabatee kasaaraan maallaqaa tilmaamaan Birrii miiliyoona 200tti siqu akka isa mudate beeksise.

Kasaaraan kun kan qaqqabe miidhaa fi hanna sarara raabsaa humna elektirikaa, tiraansifoormeeroota, keebiliiwwanii akkasumas lakkooftuu jijjiiruu, hanna humna elektirikaa fi hojii hojjettoota dhaabbatichaa jeequun ta’uu tajaajilichi beeksiseera.

Kanarraa kan ka’e miidhaa fi hanna tiraansifoormeroota raabsaa, sarara elektirikii utubaa sibiilaa, keebilii, fi bu’uuraalee elektirikii biroo qofa fe’u irraa kan ka’e kasaaraan maallaqaa birrii miiliyoona 52 ol dhaabbaticha akka qaqqabe himameera.

Tajaajilichi namoota dhuunfaa yakka akkanaa raawwatan irratti galmee 208 banuun tarkaanfii seeraa fudhachaa jiraachuu hime.

Kanneen keessaa dhimmoonni 27 murtee kan argatan yoo ta’u, yakka kan raawwatan hidhaa cimaa ji’a 2 hanga waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 25 hanga kuma 50 ta’u itti murtaa’eera jedhe.

Uummanni bu’uuraalee misoomaa irratyi yakki akka hin raawwatamne akka eegu akkasumas namoonni dhuunfaa bu'uraalee misoomaa irratti miidhaa geessisanii fi hanna raawwatan adabbii malu akka argataniif qaamota seeraa fi nageenyaaf akka eeruu kennu dhaabbatichi waamicha dhiyeessee jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Yuunivarsiitii_Wallaggaa
#Komii
#Remedialexam

Yuunivarsiitii wallaggaa mooraa guddicha keeysatti barattootni season 1ffaa qoramu jiran gaafa guyyaa kaleeysaafi Guyyaa arraas irra deddeebiin ifaan dhaamuun akkasumaas rakkoon system mudachuun sa'aan qormaataa akka jalaa gubate dubbatan.

Barattoonni Yuunivarsiitichaa rakkoon uumamaa jiru kun xiinsammuu keenya irratti yeroo qorumsaatiin dhiibbaa geeysisaa jira jedhan.

Kanaafuu qaamni dhimmi kun ilaallatu guyyoota qorumsaa hafeef rakkoon akkanaa akka hin mudanneef furmaata osoo itti kennee barbaanna jedhan.

Yadaaf qeeqa akkasumas komii qabdan barattoonni karaa @Abdii_SabaaSupport dhiheessaa

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Eid_Al_Adha
#Baga_Geeysan

Hordoftoonni amantaa islaamaa kan guutuu adunyaa irra jirtan baga ayyaana iida arafaa hijraa 1446ffaa nagayaan geeysan.

Guyyaa Arafaa jechuun guyyaa 9ffaa ji'a Hajjii (Zul-Hijjah) dha. guyyaa Hajjii keessatti hirmaattotni (hujjaaj) dirree Arafaa keessatti walitti qabamani du’aayi fi ibaadaa godhan. Guyyaan kun Sadarkaan isaa baayyee guddaadha. hujjajjoonni Zuhrii irraa jalqabee hanga Magriibaatti dirree arafaa keeysa turuun rabbi isaanii kadhachaa ooluun dabarsu. Namoonni Hajjii hin baane ammoo soomanuu, istighfaara, Qur’aana qara'uun, sadaqaa kennuu fi k.k.f godhuun dabarsu.

Guyyaan arafaa kun islaamummaa keeysatti guyyaa guddaafi kabajamaa taheedha. Iidni arafaa guyyaa itti Nabi Ibraahim ilma isaa Ismaa'il akkuma rabbiin ajajetti wareegaaf qopheeysuun amanamummaa rabbii isaaf qabu itti rabbii isaatti agarsiiseedha.

Kanaafuu guyyaan kun guyyaa itti firaafi aalii ollaa akkasumaas namoota diidagdeen dadhaboo tahan ofitti waamuun nyaachisanii obaasanii jaalalaa walitti agarsiisaa guyyaa dabarsaniidha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa guyyaan iida arafaa kun kan gammachuu kan jaalalaa fi tokkuummaa akka tahu hunda keeysaniif hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

Yadaaf qeeqa akkasumas komii qabdan barattoonni karaa @Abdii_SabaaSupport dhiheessaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Yuunivarsitii Wallaggaatti hiriirri nagaa taassifame.

Yuunivarsitii Wallagaatti Ayyaanni Arafaa kabajamuu dhabuu sababeeffachuun barattoonni Yuunivarsitichaa hiriira nagaa taassisan.

Erga Pirezidaantiin Yuunivarsitichaa jijjiiramee as kabaji Yuunivarsitichi amantaaf qabu hirratee jira kan jedhan barattoonni “guyyaa harraa Yuunivarsitii biyyattii mara keessatti Ayyaana kabajamee ooleefi moorichattillee kabajamaa ture kabajuu dhabuun xiinsammuu keenya miidheera” jedhan.

Iyyata isaanii kanas bifa viidiyoo armaan olii irratti mullatuun hiriira taassisuun dhageessifataniiru.

Sababa rakkoon kun mudateef Yuunivarsiticha qunnamuuf yaaliin miidiyaa @Abdii_Sabaa taassise hin milkoofne.

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

Yadaaf qeeqa akkasumas komii qabdan barattoonni karaa @Abdii_SabaaSupport dhiheessaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Hariiroon Tiraampii fi Maask hammaachuudhaan arrabsoo fi wal doorsisuurra gahe


Waldhabdeen Pirezidaantii US Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi dureessa addunyaa kanaa Elon Maask gidduutti uummame, ittuu hammaachaa dhufuudhaan amma sadarkaa wal arrabsuu fi wa doorisuurra gahuun himameera.

Waldhabdeen hogganaa addunyaarratti humna guddaa qabuu fi dureessa addunyaa kana gidduutti uumame ijoo dubbii addunyaa ta’aa jira.

Torban tokkoo oliif Maask labsiiwwan Tiraamp mallatteessaa turan, keessumaa baasii ilaalchisuun dabarsan mormuudhaan qeeqaa tureera.

Kamisa darbe hogganaa Jarmanii waliin Waayit Haawusitti yeroo wal argan, Tiraamp waa’ee mufannaa Maask irratti qaban ifatti dubbataniiru.

Deebii kanaaf Maask fuula X isaarratti itti duuleera. Ragaa dhiyeessuu baatus Tiraamp faayiloota hin gadhiifamne kan yakkamaa saalqunnamtii du'aan boqote Jeffrey Epstein waliin walqabatan keessatti akka mul'atu agarsiisa jechuudhaan barreesse Maask.

Tiraamp akkuma kana irra deddeebiin deebii deebisaniin, Maaskiin ''maraatee'' bulchiinsa kana akka gadhiisu gaafatame jedhan.

Akkasumas, kontiraata mootummaan dhaabbilee Maask waliin qabu akka kutu doorsisaniiru.

Lola kana gidduutti gatiin aksiyoonaa Tesla (Dhaabbata Maask konkolaataa Elektirikaa omishu) dhibbeentaa 14n gadi bu'uudha kan himame.

Waldhabdeen kun kan uumame erga Maaskiin torban darbe aangoo mootummaa isaa ifatti gadhiisee booda ta'uun eerameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Yuunivarsitii Wallaggaatti hiriirri nagaa taassifame. Yuunivarsitii Wallagaatti Ayyaanni Arafaa kabajamuu dhabuu sababeeffachuun barattoonni Yuunivarsitichaa hiriira nagaa taassisan. Erga Pirezidaantiin Yuunivarsitichaa jijjiiramee as kabaji Yuunivarsitichi…
#Yuunivarsiitii_Wallaggaa_Damee_Naqamtee

Yuunivarsiitii wallaggaa dameen naqamatee laaqana iidaa guyyaa arraa qopheeyse.

Yuunivarsiitii wallaggaa damee naqamtee Guyyaa kaleeysaa iida arafaa sababeeffachuun sagantaa laaqanaa barattootaaf osoo hin qopheeysin hafe.

Barattootniis hiriira bahaa turuun isaanii akkuma yaadatamu miidiyaan Abdii sabaas Taatee Yuunivarsiitichatti mudate gabaasaa turre. Kaleeysa hoggansi moorichaa barattoota wajjiin erga mariyatan booda guyyaa arraa haala kana fakkaatuun sagantaa laaqanaa barattootaaf dalaganii jiru.

Kun waan irraa baratamuu qabuudha. Komii barattootaa fudhattanii sirreeyfama godhuu keeysaniif galatoomaa !

Yadaaf qeeqa akkasumas komii qabdan barattoonni karaa @Abdii_SabaaSupport dhiheessaa

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Tiraamp hookkara to'achuuf Eegduu Biyyaalessaa bobbaasan.

Pirezidantiin US Ameerikaa Donaald Tiraamp magaalaa Loos Anjalasitti Eegduuwwan Biyyaalessaa 2,000 bobbaasaa jiru.

Kunis godaantota eeyyama yookiin ragaa jireenyaa hin qabne to'achuuf sochiin eegalame hookkara kaasuu isaatiin kana to'achuuf Eegduuwwan Biyyaalessaa bobbaafamuudha kan himame.

Magaalaan Loos Anjalas, keessumaa bakki hookkarri kun itti hammaate ammoo bakka garri caalu hawaasi Laatiinoo argamutti ta’uudha kan eerame.

Poolisoonni Loos Anjalas imimmaaneessituu dhukaasaa mormitoota bittinsuuf yaalaa jiru jedhameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Atileet Galatee Burqaa abbaa warraa isheetiin qabeenya qabdu guutuu saamamuu himte. Atileetiksii keessatti maqaa guddaa kan horattee fi meedaaliyaa hedduu kan badhaafamte atileetiin tun, har’a maatii ishee waliin karaatti bahuuf akka jirtu dubbatte.

Abbaan warraa ishee Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam yeroo ammaa ajjeechaaf akka ishee barbaadu himte Atileet Galateen gaaffii fi deebii Gammadaa Olaanaa waliin gooterratti.

Sababa cubbuu narratti dalagame kanaaf anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Dabni isheerratti dalagame dirree atileetiksiirraallee manatti ishee hambisuu eerte.

Atileetiin colleen kun qabeenya dafqaa fi beekkamtii ofiitiin horatte sababii abbaa manaa ishee kanaa dhabdee harka duwwaatti hafte.

Daa’imummaa isheetti abbaan ishee du’aan irraa kan boqatee fi harka haadha isheetti kan guddatte Atileet Galatee Burqaa, carraaqqii haadha isheetiin milkooftee addunyaatti beekamuu himatti. Haati ishee qaama miidhamtuu ta’uu himti.

Maqaa fi qabeenya hedduus kan horadhe bu’aa bayii obsa fixachiisaa hedduu keessa dabreeti jetti Atileet Galatee Burqaa.

Luka duwwaa shaakaltee jirti. Dhiiga tufaa shaakalaa yeroon turte jira. Shaakalarratti bubbeen yeroo itti na fudhatee mana jalatti na kuffise nan yaadadha jetti.

Badhaasaa fi kennaa dadhabbii fi beekkamtii ofiitiin argatteenis qabeenya hedduu horatte. Manneen 11 magaalota adda addaa keessatti horatte. Konkolaattota shan horatte. Qabeenyawwan kanneen irra caalaa bultii dhaabbachuun dura dhuunfaan akka horattellee dubbatti.

Bu’aa bayii hedduu ceetee fiixee addunyaa maratti kan beekamte Atileet Galatee Burqaa Baatii, har’a garuu jireenya qananii atileetonni akka ishee milkaawan jiraatan dhamdhamaa jirtu. Dafqi ishee dafqa bilaashaa ta’ee lafatti badeera. Saamamtee jirti.

Jireenya ishee kan gaaga’e Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam namni jedhamu, kan gaa’ela waliin ijaarratte, horataalee koo hunda na saame jetti. Namni kun nama taaksiidhaan ishee deddeebisaa ture ta’uu himti. Boodarra horatanii osoo waliin jiraachaa jiranuu namumti kun gaa’ela akka hin barbaanne himachuun qabeenya ishees saamuuf murteeffatee wal hiikkaa mana murtiitti dhiyeeffatee ishee irraa adda bahe.

Manneen isheen horatte 10 irraa fudhate. Kaan yoo dhuunfatu kaan firaa fi aantee isaatti gurgurate. Konkolaattota shan isheen qabdu keessaa afur ni gurgurate. Mana tokkichaa fi konkolaataa tokkicha isheedhaaf hafes irraa hirachuuf mana murtii dhaabee itti murteeffachiise.

Akka ogummaa isheetiin baatee shaakaltee hin hojjetanneef immoo ajjeechaaf ishee doorsise.

“Dhimma kana gadi baatee dubbatta taanaan lubbuu keetin balleessa” jechuun itti dhaadate. Sababa kanaan shaakala ispoortiis ni dhiifte. Qabeenya isheef hafellee gurgurtee kunoo amma karaatti bahuufi akka jirtu boochee himatti.

Atileetiin qaaliin biyyaaf oolmaa hagas gahu oolte Atileet Galatee Burqaa, cubbuu narratti dalagame kanaan anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Biyyi dhugaa koo naaf haa laalus jechuun himatti.

Atileet Galatee Burqaa Baatii, Atileetii dhalootaan Oromiyaa, godina Arsii Lixaa, Kofalee yoo taatu, atileetiksii fiigichawwan fageenya giddu-galeessaa fi fageenyawwan dheeraatiin beekamtuu fi badhaasawwan meedaaliyaa hedduu gonfattee dha. Yeroo ammaa sababa nama jireenya ishee bifa kanaan golgoleessee fi doorsisa isaa dirree atileetiksii irraa fagaattee jirti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
ODUU: Tiraamp hookkara to'achuuf Eegduu Biyyaalessaa bobbaasan. Pirezidantiin US Ameerikaa Donaald Tiraamp magaalaa Loos Anjalasitti Eegduuwwan Biyyaalessaa 2,000 bobbaasaa jiru. Kunis godaantota eeyyama yookiin ragaa jireenyaa hin qabne to'achuuf sochiin…
ODUU:

Loos Anjalasitti duulli godaantota irratti eegalame cimuudhaan gara hookkaraatti ceehee qabeenyi manca'e

US Ameerikaa, bulchiinsa Kaaliifoorniyaa, magaalaa Loos Anjalasitti sababa duula godaantota irratti eegalameen hookkarri cimeera.

Duulli godaantota irratti eegalame kun ammoo cimaa deemuudhaan gara hookkaraatti ceehee qabeenyi manca'eera.

Eegdonni Biyyaalessaa Pirezidaant Doonaald Tiraamp bobbaasan namoota duula kana mormuuf ba'an irratti gaazii imimmaanessu dhukaasuun rakkoo daranuu hammeessan.

Mormiin kun ammas itti fufuun hanga handhuura magaalattiitti babal'ateera.

Hookkara kana keessa konkolaattonni gubataniiru, qabeenyis manca'eera.

Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Newisoom, gochi Tiraamp itti jiran ''seeraan ala'' jechuudhaan akka isaan himatanis akeekkachiisaniiru.

Gaavin Newisoom, rakkoon daranuu akka hammaatu gahee ol’aanaa gumaachuu fi ibiddarratti boba'aa dabalaa jiru jechuudhaan Tiraampiin qeeqaniiru.

Eegdonni Biyyaalessaa gaaffii bulchitoota naannoleetiin kan bobbaafaman ta’ullee, Tiraamp garuu kana fedhiidhuma isaaniitiin akka raawwatan Gaavin Newisoom eeraniiru.

Jiraattonni, abbootiin qabeenyaa, akkasumas daawwattoonni magaalattii keessa jiran of eeggannoo akka cimsan poolisiin akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Odeeffannoon barnootaa akka isin hin dabarreef @Abdii_Sabaa_University hordofaa!

@Abdii_Sabaa_University irratti odeeffannoo barnootaa qofa hatattamaan kan argattan ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Iyyaafannoo

Mucaan suuraa irratti mullatu kun godina Harargee lixaa aanaa daaroo labuutti kan dhalate yoommuu ta'u gaafa Waxabajjii 1/10/2017 ganama keeysaa naannoo sa'aa 3:00 akka bade maatiin dubbatu.

Mucaan kun yeroo manaa bahe uffata suuraa irratti mullatu kana akka ofirraa qabu maatiin isaa ni dubbata. Kanaafuu namni daa'ima kana arke karaa bilbila suuraa irra jiruun qunnamtanii maatii isaatiif eeruu akka kennitaniif isiniin jenna. Galatoomaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaa ji’a sadii booda gadhiifamee jira.

Du’a jaalallee isaa kan turte shamarree Qananii Addunyaan shakkamee ji’a Bitootessa darbe poolisii magaalaa Finfinneen kan to’atame Artist Andu’aalam Gosaa Kibxata, Waxabajjii 10, 2025 waaree booda wabiidhaan hidhaarraa gadhiifamuu abukaatoon isaa hime.

Abukaatoon isaa Obbo Liiban Abdii akka jedhanitti, qorannoon poolisii gaggeessaa ture erga xumurameen booda Abbaan Alangaa guyyaa 15 kennameef keessatti himata waan hin banneef ol’iyyannoo qaama bilisa baasuu  gaafataniin maamilli isaanii wabii qarshii 50,000n gadhiifameera.

Haata’u malee galmeen guutummatti cufamuu akka hin mirkanoofne himan. “Abbaan Alangaa guyyaa kennameef keessatti himata hin banne, yookaan bu’aan qorannoo poolisii himata banuuf gahaa mitii jedhee galmee hin cufne. Kanaaf murtiin abbaa alangaatu eegamaa jira” jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2025/06/11 11:52:08
Back to Top
HTML Embed Code: