Telegram Group Search
اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته.
Obboleeyyan keenya qaqqaalii channel kana irratti Gaafi Fi Deebii isinf gaad dhisna namni baraddan like kana godha kan hin barbanne ammi dis like godha
#Dhageessaa

Wanti hunduu qooda Rabbiitiin ta'a. gammachuu fi gaddas, umrii fi Rizqiis Rabbumatu gabricha isaatiif qoode.
... Wanti siif murtaa'e laafinna keetiif sijalaa hin hafu, wanti siif hin murtaayin jabeenya keetii fi tattaaffii ati gooteef jecha siin dhufu.
📖 Qur'aana

Qur'aanni furtuu barakaa guyyaa keetii siif ta'uu qaba. Barii keetis qur'aanaan saaqadhu, dhiha keetis qur'aanaan goolabadhu.
💕اجعل القرآن مفتاح البركة في يومك ، وافتتح به صباحك واختم به ليلتك* .

Rabbiin anaa fi isiniifis barakaa qur'aanaa, carraa qur'aana dubbisuu fi haffazuu, carraa qur'aanaan buluu fi keeyyata isaa xiinxalluu,...Akkasumas carraa isaan dawaa godhachuu nuuf haa hiru... #Aaamiin...Aaamiin.
نسأل الله أن يرزقنا بركة القرآن وتلاوته وحفظه  والعمل به  وتدبره  والشفاء به  .... آمين آمين" ...
Namni tokko waggaa 21tti eebbifame, garuu hojii gaarii argachuuf waggaa 6 eege.

Namni tokko barnoota hin qabu ture, garuu umurii 21tti miliyeenara ture.

Namni tokko waggaa 20tti fuudhe, garuu waggaa 5 booda hiike.

Namni tokko waggaa 30tti fuudhe, garuu jaalala bara baraa argate.

Hin harkifanne,Daftees hin jirtu. Yeroodhaan jirta.

tahii rabbii gaafa dhufte walitti siif qajeelti waan ta’eef rabbi waan yaaddee karoorsite fiixaan siif haa baasu 👌
Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: " Abbaa manaatii fi haati manaa jaalalaan hoggaa  wal - laalan Rabbiin rahmataan isaan ilaala." 🤍🕊

SAHIH BUKHARII 6:19 TIRMIDHII.
Dubartii Ajnabii waliin kophaa bahuun akka seera shari'aatti hin hayyamamu,
➡️ Mana keessa kophaa waliin taa'uuu
➡️ Karaa gubbaa kophaa waliin deemuu
➡️ Bilbilaan waliin Haasawuu.

Ergamaan rabbii ﷺ akkas jedhu:
Gurbaan tokko intala takkaan kophaa bahee sheyxaanni sadaffaa(❸ffaa) isaanii tahu malee hin taane.
#Dhaamsa_Rasuulaa

Nabiyyiin keenya (SAW) akkana jedhan ;
قال النبيُّ ﷺ:👇
(...Waan Rabbiin siif qoode jaaladhu, irra dureessa namaa taataa...)
وارضَ بما قسم اللهُ لك تكن أغنى الناس.
👉 Kanaafuu hiyyoomattus, rakkattus; bakka yaadde sana hanqattus; hanga yaadde sana argatuu baattus; hunduu qooda isaa waan taateef, ufitti aartee Rabbii keetiin wal hin dhabin.
Samii Torbanii Ol Dhaqee Dhufee Harka Qalleeyyii Wajjiin Nyaata
Seelanarras ni rafa
🥛صلى الله عليه وسلم
💎 Umama keysaa kan akka Ergamaa Aalamaa{ SAW} eenyu jira⁉️ ⭕️
#Masjida_koo

Ummanni Islaamaa biyya keenya keessatti yeroo masjidni diigamu; yeroo qur'aana fi masjidni jumlaadhaan gubamu; akkasuma yeroo Rasuulli arrabsamus ta'ee dhimma Islaamummaa kanaaf bahee falmachuu hin danda'u. wanti guddaan inni dalage jedhamu, erga wanti hundi dhalatee booda:
👉 Nama dhimma kanaaf miidhame, ykn qaamni madaa'e yoo jiraate buufata fayyaa geessee waldhaanuu...🫢
👉 Du'aa'iima goonaa maal goona ree jedhaatuma deemu....(irra laafaa iimaanaati kuni)....🫢
👉 Masjida diigame/gubate ijaarraa jedhee qarqaarsaaf mallaqa sassaabuu.....🫢
Kana goonaan Allaah.!...baqqaa namni hanga keenya qabsaawe hin jiru. yoomuma uf yaadanna laata....

Hirriba jabaa keessa jirra Rabbiin nu dammaqsu malee.
Rabbiin akka nuti karaa gadi dhiisne beekee nu mokkoraa jira. Yaa Rabbi diiniidhaan nun mokkorin....
#Sabaahalkeyri

🤲 Rabbiin ganda bareedumni ishee hin jijjiiramne,
kan qananiin achi keessaa nama jalaa hin dhumne,
kan gaarummaa fi tolinni isii nama jalaa hin hatamne sanitti walitti nu haa qabu.
Aaaaaamiin Yaa Allaah
#Waraana_hin_injifatamne....!

Yeroo humni keenya laafaa ture sanas, kadhaadhaan/Du'aa'iidhaan injifanne. Yaadadhaa gaafa "mataa nurraa qabi" jennee zaalimni mataa qabamte sana.
Muslimoonni onnee dhugaa, qalbii qulqulluu qaban. Du'aa'ii waraana caaltu, tan darbannaan bakka geettu qaban.
Na dhageettuuu....! Onneen teessan ta dhugaa suni, kadhaan keessan gaggaariin suni... waraana guddaa osoo waraanni addunyaa guutuun irratti bobba'eelleee, injifachuu fi cabsuu hin dandeenyeedha. Waraana keessan kanatti akkamitti amanuu dhabdan...!, waraana addunyaa sodaachisu osoo qabdan maaf waraana miskiina kana sodaattan....!
Jabaadhaa mee bakka jirtanitti.
لا تَنسُونِا منَ دعَواتَكمَ ♡
"Namni rabbiif jecha jaalatee jibbee, rabbiif jecha kannee dhoorkate iimaana guuttatee jira"
Rasuul {ﷺ}
#Uf_danda'uu

Araboonni akkana jettee mammaakti:👇

" ما حك جلدك مثل ظفرك "
👉 " Wanti hanga qeensa keetii gogaa kankee/bakka si hoosise siif hooqaa inuma hin jirre.."
Kana jechuun namni dhimma kankee si caala itti dhimmamee siif xumuraa hin jiru.
Jechamni kuni namoonni walirratti irkachuu fi wal abdachuu dhiisanii dhimma isaanii matama isaaniitii akka xumurataniif jedhama.
Bekan@#$03
#Jijjiiramni_kee_eessaa_eegala?
Jijjiiramni namummaa keetii kan eegalu:

1) Amantii Kee jabeeffachuu,
2) Amala kee sirreeffachuu,
3) Namoota si wajjiin jiraataniif kabaja qabaachuu...
4) lubbuu tanteetiif bakka qabaachuu fi,
5) Jette jettee/oduu guuruu irraa uf qusachuu irraa eegala.
6) Akkasuma namoota yaada Negative heddummeessan irraa fagaattee jiraachuudha...

@Ibroo

share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Subhaanallaah uumaa Rabbii...

🐌#Snail/Gaafa baaftuun Afaan ishee keessa ilkaan 25000 oltu jira jedhan.
Dandeettii waggaa sadihii ol walitti aansitee rafuu Rabbiin kenneef....
ما فعل الجليل فهو جميل....

National geography
Bareedaa akka asheetaa
Xaliila akka bishaanii
Arjaa akka duumessaa
.
Nabi Muhammad irratti salawaata buusaa....
Yaa Rabbi.... humna hin qabanii.. atummaan humna nuu tahiif
اللهم ارحم ضعفنا يا رب💔
#Baga_gammaddan
(warroota bakka hundatti post gaarii Share gootaniif)
هنيئًا لأهل المنشورات الصالحة..
👇
Ergamaan Aalamaa (SAW) akkana jedhan:
"Namni karaa qajeellumaatti nama yaame, ajrii hanga nama isa hordofee sanaan qixa argata. osoo kan isaanii jalaa hin hirdhatin".
قال الرسول (ﷺ) من دعا إلى هدى كان له من الأجر مثل أجور من تبعه، لا ينقص ذلك من أجورهم شيئاً.
Waan ati share goote tokko hanguma namoonni irraa fayyadaman heddummaataniin... mindaan keetis heddummaata.
2024/04/26 07:28:02
Back to Top
HTML Embed Code: