Jiruun Qokkee Na Qabe
Umurii maleen cabee
Kan naaf birmatun dhabe
Maashaatu na dadhabe
~
Ameessa kootu gu'e
Haamileetu na bu'e
Mee maal qaba yoon du'e!
~
Jettee kan abdi kuttu
Mataakee buuste teesse
Sii bari'aa abshiiri
Gaafa guyyaan ke geesse!
~
Ta'anii rakko faarsuun
Furmaata hin ta'u beekii
Hanguma teesse kaatu
Galma keetti akeekii
~
Hegereef carraqqadhu
Hin dhiphatin kan kalee
Caa godhii tarkaanfadhu
Of hin buusin mogolee
~
Cimiitii goota ta'ii
Maleen ta'in dabeettii
Kan sirkaa faffacatee
Nii galti harka keettii..!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Gama TikTokiitin hordoftoota kuma dhibba tokko (100K) seenee waanin jiruuf ammas #like #share #follow gochuun akka na jajjabeessitan abdiin qaba naaf Jiraadha πŸ₯°πŸ™

πŸ”₯πŸ”₯πŸ”₯πŸ”₯πŸ”₯πŸ”₯

https://vm.tiktok.com/ZMYL34p5F/
Haalaaf yeroo ilaaltee
Tasan kutatiin abdii
Yeroon kun of keessaa
Wanta baayyee qabdii
~
Abdii kan kee kuttee
Maaf boollarra teessaa
Murannoo qabaannaan
Eessayyuu ni geessaa
~
Nama abdatte irraa
Har'a dhabdus bu'aa
Bor si darbuuf jiraa
Maaloon hawwiin du'aa!!!
~
      @AmenaTeferi✍️✍️
~
Hongeen na dararee
Yoo burqaako cufee
Na dhiiftee darbitaa
Yoon Beela'ee kufee..
Rakkoo irraaf jalaa
Dandamatte baataa
Beelako hubachuun
Tarii sitti ulfaataa.....
dhaggeffachu diddee
oduu alaaf keessaa
Wabii gaafa dhippuu
Naaf ta'u dandeessa...?
Kennaa maaltu didaa
Jirra hunda baachaa!!
Gatii kamuu kaffalee
Rakkina hunda obsee
Har'as akkuma kalee
Qalama kiyya cobsee
~
Kamiifu garaan hiruu
Haqarraa of adabaa
Dhalootaf galaa jiruu
Walaloo nan katabaa..!
Inni ormaa naan iluu
Firri kiyyas na nyaataa
Ka'ee nama baqadhee
Qofaa jiraadhu laataa..
~
Garaanko nan obsituu
Ergan xumuree yaalii
Maaluma na gorsituu
Furmaatni kiyya maalii
~
Hunduu jireenya koo
Qorquuf na falfalaa
Beenyaa caba kootii
Eenyuu naa kaffalaa!
~
Jedhee gaddaa turuun
Qalbii yoon banadhuu
Rabbii jabaan qabaa
Abbaan amanadhuu..!πŸ‘
~
@AmenaTeferi✍️
~
Innichin beela baasee
Akka rakkon hin miinee
Afaanni kee kaleessaa
Har'a maaf na ciniinee..
~
Jabaadhun jedhe malee
Gaafa ati kuftee cabdee
Akka waanan gammadee
Har'a maaf na adabdee
~
Sitti himuu nan gaafatuu
Oolmaa koo atuu beektaa
Gaarumma kiyya dhiiftee
Baduu koo maalif eegdaa
~
Na dhageessaa inaaftuu
Hanga dandeesse morii
Aduun kun dhiiten haftuu
Gaabbuudhaf jirta boriii.....!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Xumure gaafan jedhuu
Ammas na didee kufaa
Jireenyatu na dheessee
Yaaddoon natti gulufaa
~
Gidiraa keessa bahuuf
Gad taa'ee faloo falee
Furmaata innin jedhee
Rakkoo natti dabalee..
~
Garuu natti marmaaruun
Kan rakkoon na garafuu
Borii kootu guddaadhaa
Gadi jechaa hin hafuu.....!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Bakka fedhiiko ga'uuf
Halkaniif guyyaa labaa
Akkan kolfee qasa'uuf
Sababa danuun qabaa
~
Gurri koo nii dhaga'aa
Sagalee adda baasaa
Afaan koo nii haasa'aa
Miilli lafaa na kaasaa
~
Qaroon kan koo argitee
Waan kamiifu ragaadha
Harkis rakkoo darbitee
Qalbiin kiyyas nagaadha
~
Wanta hundaarra caalaa
Kanin kokkolfuuf biyyaa
Sababni gammachuuko
Rabbiin qabaachu kiyyaa!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Hanqina koo lakkaa'ee
Balbala diinaaf banaa
Bara darbes nan boo'aa
Baranas akka kanaa
~
Madaa qaama kootii
Garaa keessa dhoksee
Waraansa akka malee
Danda'uudhaan obsee
~
Godaannisan qoorree
Sossobuudhan yaalaa
Bara baayyeen boo'ee
Kolfeen immoo ilaalaa
~
@AmenaTeferi✍️
Rakkoon na darartee
Kanin dafqa cobsuu
Baayyee na marartee
Onneenko sin obsuu
~
Karaa fagoo imalee
Obsee kanin labuu
Sin jaalladhe malee
Dantaa biraan qabuu
~
Garaa kiyya raasee
Maaltu na naasisaa
Gatii kamuu baasee
Kan koon si taasisaa
~
Gufuu hundeen ciraa
Dhiitee karra cubbuu
Mirgaan dhufaan jiraa
Abdiin kutiin lubbuu..!
Fala koo natti himaa!
~
Na mararsiifachuun
Jettee wanta dhibbaa
Ishee na jaallattuu
An argaasheen jibbaa
~
Haqa yoon itti himes
Tasa dhugaan seetuu
Isheen jaalladhemmo
Argaa koo hin feetuu
~
Onneetu nan taphata
Akka mucaa daa'imaa
Ogeessotni jaalalaa
Fala koo natti himaa...!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Tulluu qaxxaamuree
Laga addaan hiraa
Yaaddoo nutti furee
Daandii diinaa ciraa
Haqako naaf eeguun
Shiraaf daba diigaa
Dadhabu suksukuun
Yoo danda'e fiigaa
~
Fagaatus karaan koo
Didee warra cubbuu
Haa ga'u Nagaan koo
Akkam jirta lubbuu...?
Na jaallatta sin jaalladha
Hunduu beekaa
Fuulla kan kee ilaaleetan
Kolfuun seeqaa
~
Natti himadhu siifan guutaa
Wanta feetuu
Jiruu kiyyaaf bar dawaadha
Simboo keetu
~
Miidhagni sitti hin hafnee
Kanaaf boontaa
Abaaboo koo foolii gaarii
Naaf arjoomtaa
~
Si jaallata onneen kan koo
Siif of laatee
Ammoo garuu si amanuun
Natti ulfaatee....!
~
@AmenaTeferi βœοΈπŸ™
~
Jaalala kiyya beektaa
Kan onneeko na jiruu
Haalaaf yeroo ilaaltee
Narran fagaatin tiruu
~
Halkanis taanan bariin
Waanin jirre dubbataa
Jaalalaan nan darariin
Siinis bor ni mudataa
~
Qabbanaf si abdanaan
Gubde na bobeessitaa
Jaalala koo qulqulluu
Maalumaf booressitaa
~
Mudaa kiyya kafanii
Kanin sitti himadhuu
Onneeke anaaf banii
Jaalalan na simadhuu!
~
@AmenaTeferi ✍️
Forwarded from Firans ART ✏️ (Firans FG)
||Waloo Amena

Fakkiifi Suuraa Orijinaalii Walbiratti!πŸ₯° ✏️
Ilaalaa yaada kennaa! πŸ™

||Bifa kanaan Frame isaa waliin namootni fakkii barbaaddan!
πŸ‘‡
0939966994
Firans Getachew

ChannelπŸ‘‰ @Fgart11
2024/05/22 15:38:25
Back to Top
HTML Embed Code: