Forwarded from FAYYAA SAMMUU
fayyaa sammuu.pdf
1.1 MB
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Sodaa hawaasa (Social phobia).

Namoonni baay’een bakka namni baay'atutti argamuun yaaddoo sinitti ta'e sodaakeessan injifattanii akkuma nama kamiitti bilisa taatanii jiraachuu feetuu? Kaffaltii malee ji'a tokko keessatti bakka afuritti qoodee hojii manee siniif barreessa. Hiriyoota keessan ija laafan, nama fuulduratti uffachuu, nyaachuu, dubbachuu sodaataniif qooda.

Hoji manee guyyootan Kutaa 1ffaa.

1, Sanbata/Dilbata. Rifeensakee miicaadhu. Mana sagadaa deemii waaqeffadhu.
Sa'aatii booda bakka bashananaa kitaabakee fuudhii deemitii ta'ii dubbisi. Namoota daawwadhu.

2. Wiixata. Lafa namni itti baay'atu deemi ciree nyaadhuu. Bunakees dhugi.

3. Kibxata. Laaqanakee bakka namni baay'atu deemii nyaadhu.

4. Roobii. Ganama rifeensakee miccadhu. Sababa uumii nama haara waliin walbari. Bilbila isaa ykn ishee fudhadhu. Saala walfakkaata yoo ta'e bareedaadha. Deebistee hin bilbiliin.

5. Kamisa. Lafa gabaa deemii yoo bituu baattes waan sitti bareede gaafadhu. Hanga gatii madalawaa sitti himanitti mormi(karakari).

6. Jimaata. Hiriyoota kee duri lamaaf bilbili nagaa ho'aa gaafadhu.

#Hub:-Torban guutuu ganama ganama sochii qaama dalaguun dirqamadha.

Jimaata saa'aati booda yoo kana hunda raawwatte inbox naaf godhi.
Kutaa itti aanuutti dabarta.
Hiriyaa beektaniif qoodaa.
@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Ulfinakee affeelii nyaadhu.

Ati nama. Namni immoo qaamaan, sammuudhaan, hariiroo hawwaassummaan guddachuu qaba.
Anoo sanan baradhee akkamitti kanan hojjedhaa?
Sammuunkoo waan kana amanee fudhachuu hin danda'u.
Namoonni ollaakoo hiriyoonnikoo maal naan jedhuu?
Maatiinkoo iddoo akkasiitti miti kan isaan na eegan.
Ulfinakoo ofirratti eeggachuun qaba. Yeroo dabartuuf jedhee hojii fokkisaa akkasii hojjechuu hin qabu.
Ani akkasiim! Akkas naan jedhum! Natti orii'ani. Hiriyoonnikoo na jibbuum
Yoon kisaarehoo? Yoon du'ehoo? Lakki ulfinakoon eeggadha malee.

Na dhageessaa! Qalbiikee naaf ergistaa? Elaa Ulfinnikee boolla haa seenu. Maaliif akka awwaala dibamaa utuu keessikee dheebotuu, gubatuu duubaan of dhidhiibdaa? Hojjedhu hojiitu si jijjiira. Waan sammuunkee Itti amane addunyaa sammuukee keessaa isa bahuuf dhikkifatu. Karaa fokkisaas ta'u bareedaa. Ollaafi maatii miti ofiikee murteessi Itti seeni.
Nama gammachiisuu gonkumaa hin dandeessu beeki. Hangam of eeggatte guutuu ta'uu hin dandeessu. Namni hir'ina waan siin jedhu hin dhabu. Digiriikee dibbiriikee gilgiliikee mukatti fannisii daandii milkaa'inakeef murteeffatte irra adeemuu ammuma eegali. Fiigi ariifadhu. Balalii'i. Kufi gangaladhu. Daaraa keessas foqoqi awwaara. Dhagaas baadhu, dafqi, xuriin siihaa ajeessu.
Hiriyaa si kabaju utuu hin qabaatiin ulfinakoo! Ulfinakoo! Ulfinakoo hin jedhiin. Ulfinnikee qilee haa seenu, yoo feete affeelii nyaadhu. Ollaafi firri dibbee rukutee sitti haa caaranu. Ati hinaaftootaafi qeeqtota duubatti dhiisi galmakee qofaa suksukuu irraa ijakee hin buqqifatiin.

Boru gaafa sii darbu. Boru gaafa dhugaakee baramu, boru gaafa yaadakee hojiitti jijjiirte, Boru gaafa milkaa'innikee toora qabatee dhufu situ abbaa moo'ichaati. Ulfinnikee toora galee dhufa.
Maqaakeetu akka alaaba biyyatti boru farfama.
Utuu hin hojjetiin, hin milkaa'iin salphina malee ulfinni hin jiru.
Kanaaf eenyummaakee hojjechuun yaadakee milkaa'inatti jijjiiruuf ba'aakee hurqufii of ta'ii jiraadhu.

@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Coqorsa Abdii.pdf
1.3 MB
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
fayyaa sammuu.pdf
1.1 MB
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Things Fall Apart.pdf
858.2 KB
Share 'Things Fall Apart

Chinua Achebe
Forwarded from Guduunfaa📚
Firii(9).pdf
177 KB
Forwarded from Reading PDF (Getu Abera✟)
RICH_DAD,_POOR_DAD_FOR_TEENS_by_Robert_Kiyosaki_&_Sharon_Lechter.pdf
632.6 KB
Rich Dad & Poor Dad
👤 Robert T. Kiyosaki

📚 ENGLISH PDF
Page-121║Size-632KB
share💯share💯share
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺JOIN🔺
#Fayyaa_Gadaamessa_Keessatti!

Fayyaa eeggachuun erga dhalatanii booda qofa osoo hin taane gadaamessa haadhaa keessatti kunuunsa godhamuu qabus of keessatti hammata.
Miidhawwan garagaraa yeroo ulfaa haadha tokko irra gahan fayyaa daa'imaa irratti dhiibbaa akka dhaqabsiisan beekkamaadha. Wantoonni haati takka yeroo ulfaatti soorattu fi dhugdu akkasumas hojiiwwaan isheen yeroo sanitti hojjattu kan daa'ima sana rakkoo irraan geessisu yoo ta'e egeree daa'imichaas dhukkuboota qaamaa gargaraa, rakkoowwan xiinsammuu adda addaa fi dhukkuboota sammuutiifis saaxiluu danda'a.
Rakkoo dhufu kana hanbisuudhaaf kununsaa fi of eeggannaa barbaachisu gochuutu barbaachisa.

#Kununsaa_fi_Of_eeggannaa haati ulfaa takka gochuu qabdu:
√  Hanga danda'ameen soorata Viitaaminiidhaan badhaadhe soorachuuf yaaluu.
√ Alkoolii dhuguu irraa of qusachuu.
√ Sigaaraa aarsuun hin barbaachisu. Dabalaatanis eddoo sigaaraan itti aarfamu irraa of fageessuu.
√ Hirriba gahaa rafuu.
√ Of dhiphisuu fi aaruu dhiisuu.
√ Hojii ciccimaa isaan miidhuu danda'u irraa of qusachuu.
√ Foon dheedhii nyaachuu dhiisuu.
√ Qorichoota daa'ima gadaamessa keessa jiru irratti dhiibbaa dhaqqabsiisu danda'an kamuu fudhachuu irraa of qusachuu.
√ Wantoota akka bunaa fi shaayii baayyisuu dhiisuu.
√ Hordoffii Ulfaa itti fufiinsa qabu gochuu.

Abbaan manaa fi maatiin biroos gama barbaachisu hundaan haadha daa'ima garatti baattu cinaa dhaabbachuu qabu.

👉 Durisinee fayyaa keenyaa fi maatii keenyaa eeggachuun baasii humnaa olii kan yaala dhukkubichaatiif bahu jalaa nu oolcha. Yaaddoo fi cabiinsa qor-qalbii jalaas nu barara!
🍊Fayyaan keenya qabeenya nutti qabnu hunduma irra ni caala.

Fayyaa hin dhabinaa!!
#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namni tokko dhukkuba sammuu qabachuu isaa akkamitti beekuu dandeenya?

Namoonni dhukkuba qaamaa ( medical illnesses) yeroo dhukkubsatan akka dhukkubsatanii fi yaalli akka isaan barbaachisu ni beeku garuu warreen dhibee sammuu dhukkubsatan baay'een isaanii akka dhukkubsachaa jiran of irratti hin beekan ykn haalli isaan keessa jiran sun isaaniif mijaatadha. Kuni immoo isaan jaallatanii osoo hin taane amaluma dhukkuba sammuu gosa baay'eeti. Kanaaf namoonni yeroo hedduu namoota akkasii kanneeniif hubachuu dhiisuu malu.

#Agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu( warning sign of mental illnesses)
• Haalli nyaata fi hirribaa olka'uu ykn gadi bu'uu
• Nama irraa adda of baasuu
• Dalagaawwan duraan hojjatan dhiisuu
• Humni gadi bu'uu
• Mirri abdii kutachuu fi gargarsa dhabuu itti dhaga'amuu
• Araada garaagaraa irratti bobba'uu
• Salphaatti aaruu, burjaaja'uu,fi dhiphachuu
• Maatii fi hiriyoota waliin wal loluu
• Amala dhaabbataa dhabuu
• Sagalee nama birootti hin dhaga'amne dhaga'uu
• Wantoota nama birootti hin muldhanne arguu
• Waantoota dhugaa hin taane amanuu
• Ofii fi nama biroo miidhuuf yaaluu
• Hojiiwwaan guyyaa guyyaan hojjatan dalaguu dadhabuu fa'a.
#Furmaata: Mallattooleen kunniin agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu waan ta'aaniif yeroon gara mana yaala deemuun ogeessa yaala sammuu mariisisuun barbachiisaadha.

Fayyaa hin dhabiina!

#Roobsan_Karaa_Barii(Ogeessa yaala sammuu)

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka hiikutti namni tokko fayyaadha jechuuf dhukkuba qaama dhabuu qofa osoo hin taane, fayyaa sammuu, hawaasaa akkasumas haafuraa (spritual health) yoo qabateedha. Kennaan guddaan Waaqayyoo irraa argannee sammuudha.
Sammuu malee qaamni keenya kamiyyuu dalaguu hin danda'u!!! Namni talallii dhukkuba sammuuf fudhate hin jiru( no one is immune of mental illness).kana jechuun Namni kamiyyuu saaxilamoodha jechuudha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiheenya kana akka ibseetti namoonni gara biliyoona tokkoo dhukkuba sammuu gara garaaf saaxilamaa jiru. Isaan keessaa parsantaa 10% qofatu furmaata (treatment) argate. Namoota Afur keessaa tokkoo dhukkuba sammuu qabaachuu qorannoon adda addaa ni ibsu!!!

Fayyaa Sammuu hunda keenyaf!!!
Monenus Teshome Hordofa
Ogeessa fayyaa sammuu

#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
#Namni-tokko "sammuun dhibame" jechuuf dirqama qullaa buusuu qabaa? Hin qabu.

Dhibee sammuu wayita jedhamu huccuu ofirraa gatanii qullaa daandii irra fiiguu qofa kan itti fakkaatu ni jiraam! Namoota qullaa buusaanii daandii irra jiraatan kanaaf iyyuu namoonni gaaffii waliif dhiyeessan ni jiru. Fakkeenyaaf namni dhibee sammuu qabu tokko daandii irratti lubbuu isaa oolfachuuf konkolaataa jalaa yoo baqate, namni kun “Sobeetu malee utuu dhibameera ta’ee jalaa hin dheessu ture”, jedhuun.
Namoota muraasaan immoo yoo doorsifamee sodaate “Elaa, lubbuu isaa beekaam!” jedhuun itti ga’isuun kanuma jirtu.
Qullaa buusuun qalbii darbuu utuu hin taane mallattoo dhukkuba sammuu keessaa isa tokkodha. Yeroo baay’ee namoota yeroo dheeraaf dhukkubsataniifi battala dhibaman irrattis darbee darbee mul’achuu danda’a. Namoonni fayyaa ta’anii wayita akka malee aaran (danfan) uffata ofii isaanii ofirratti ciranii gatan, yookiin qullaa buusanis jiraachuu malu.
Haa ta’u malee qorannooleen garaagaraa akka ibsanitti, dhibee sammuu jechuun namni tokko dandeettii waan tokko hubatee raawwachuu, fedhii yookiin amala isaa duraa irratti jijjiiramni haaraan ifa ta’e yoo jiraatedha. Kana jechuun miiraafi dandeettii kanaan dura qabu yoo dhabe yookin yoo gad bu’e jechuudha. Jijjiiramni kunis hojii guyyaa guyyaa, jireenya hawaasummaafi walitti dhufeenya namoota waliin qabnu irratti rakkoo fidaa jira yoo ta’e sammuun miidhamaa jiraachuu agarsiisa.
Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf waan huccuu ofirraa baaseef qofa osoo hin taanee, ulaagaafi mallatoolee agarsiiftuu dhukkuba murtaa’ee tokkoo qabaachuuf dhiisuun adda baha.
Fakkeenyaaf giinga’uu, sireerratti fincaa’uun, araadaan qabamuu, miiraa saal-qunnamtii dhabuu yookiin humna ol qabaachuun, waanuma salphaaf dhiphachuunii fi wantoota biroo akka hawaasa keessatti akka fayyummaatti ilaalaman garuu mallattoo dhukkuba sammuu ta’an kaasuun ni danda’ama.

Kanaaf namoonni keenya ykn maatiin keenya yeroo jijjiiramni amalaafi of to’achuu dadhabuu kana malees rakkoo sammuu isaan muudatu gara ogeessa yaala sammuutti fudhachuun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha. Hanga qullaa buusanitti eeguun gaarummaa hin qabu. Namni hundiyyuu yoo yeroon yaalame fayyuu ni danda’a. Kana hundaaf hubannaa uumuun fayyaalessummaa dhuunfaa keenyaati.
Kana qofaa osoo hin taanee, namoonni dhibee sammuu qaban akka nama miidhaniifi hamoo ta’aniitti yaaduun ni jira. Garuu kan miidhaa geessisan namoota dhibee sammuu qaban muraasa qofa.

#join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhibee Malee Dhukkubsachuu (Somatic Delusion)

Namoonni dhibee gosa kanaa qaban osoo hin dhukkubin rakkina qaamaa akka qaban amanu.
Bocni qaama kootii sirrii miti jedhu.
Afaan koo foolii badaa qaba jedhu
Qaamni koo rifeensa fixate jedhu
Qaama koo keessa waatu deema jedhu.
Yoo tarii namni isaan ilaale foolii kootu nama jeeqa jira jechuun of dhiphisu.
Dhibee na ajjeesutu na qabate jechuun dhama’uu fi kkf
Sababa kanaaf yeroo hedduu mana yaalaa deemuun ilaalamuu jaalatu, garuu dhibee homaatuu hin qaban. Namoonni dhibee kana qaban yeroo baayyee rakkoo gara garaatiif saaxilamu. Qorannoo hin barbaachifne yeroo baay’ee qoratamu, qabeenyaa fi xiinsammuun isaanii ni miidhama. Kanaaf xiyyeefannaan ilaaluun yaalamuun dirqama ta’a.

Barnootaa waa'ee sammuu argachuuf.

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namoonni akkamitti araada keessatti kufuu danda’uu?
Miira ofii si’eessuu yookaan jijjiiruuf
Na gammachiisa jedhanii waan yaadaniif
Ilaalanii deebi’uudhaaf
Hojii isaaanii irratti xiyyeeffannoo argachuuf.
Dhiibbaa hiriyootaan/naannoon
Miseensa maatii fakkeenya fudhachuun
Hirriba ofirraa dhorkuuf.
Dhukkubbii irra fayyuuf (pain relief)
Miidhaa isaa irraatti beekumsa dhabuun
Bifa salphaa ta’een waan argataniif
Hariiroo namoota waliin qaban cimsuuf
Ofitti amanamummaa daran cimsachuuf
Nama gammachiisuuf yookaan hiriyoota isaanii waliin turuuf.
Jireenya isaanii keessatti irra deddeebbiin kuufaatii yoo galmeessan gadda isaanii araada keessa dhokfachuuf.
Miira saal-qunnamtii keenya dabala jedhanii waan yaadaniif.
Rakkoo maatii keessa jiru irraanfachuuf.

Kitaaba fayyaa sammuu keessaa kan fuudhame.

Tolasaa Burqaa Ogeessa fayyaa sammuu Xiinsammuufi hawaasummaa (MHPSS Officer)

Join.
@sammuukoof
@sammuukoof
Of Jalatti Fincaa'uu!( #Bedwetting)

Rakkoon kun sababa ujummoon fincaanii yeroo hirriba keessa jiran fincaan too'achuu dadhabuutiin dhufa. Daa'imman keessatti balinaan kan argamu ta'us darbe darbee dargaggoota fi nama guddaa keessattis ni mul'ata.

Rakkoo kana akkamitti hir'suu dandeenya?

√ Yeroo gara hirribaa deemuf jedhanitti bishaani fi dhangalaa biroos dhuguu dhiisu ykn xiqqeessu.
√ Alkoolii, Buna fi shaayii hirriba dura fudhachuu dhiisu.
√ Rafuu keenyan dura Fincaa'uu.
√ Wantoota yeroo hirribatti nu dhiphisan furuu.
√ Ofitti amanamumma cimsuu.
HUBANNOO:
Of Jalatti Fincaa'uun sababa dhukkuba biratiif akkasumas rakkoo xiinsammuutin wal qabatee nama muudachuu waan danda'uuf baayyee kan nu rakkisu taanan mana yaala deemani yaala barbaachisu fudhachuun gamnummaadha!

Fayyaa hin dhabiina

Join
@sammuukoof
Namni Sigaara Aarsu hin Dolloomuu.
Sababiin isaa Dafee Du'a.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
No one is immune to mental health struggles. It's a reminder that we all need to prioritize our mental well-being.

Dammaqsituun fayyaa sammuuf kennamu hin jiru.
Kanaaf hundi keenyi sammuu keenyaaf dursa kennuu qabna kan jennuuf.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Milkaa'inaafi kufaatii

Kutaa_2ffaa

Akka yaadnu kanatti addunyaa kana dhuunfachuu hin dandeenyu garuu tajaajillee darbina.
Kanaaf tajaajila kennitu keessatti Jagnummaadhaan warra kaan caaltee argamuu qabda. Waan ati hojjettu marti maamilakee gammachiisuufi ofitti harkisuu qaba. Yoos dorgomaa cimaa ta'uu dandeessa. Dorgommiin immoo dafqaa irra darbee hanga dhiiguutti wareegama si kanfalchiisuu mala. Kanaaf dorgommii dura injifachuuf abdii qabaachuu qabda. Yoo abdii qabaatte yaaddoof hin saaxilamtu. Nama biraaf hojjechuu irratti yerookee hin qisaasessiin. Dhugaa dubbachuuf ani ofiikoofan hojjedha.
Yoo ofiikoofan hojjedha ta'e milkaa'inni namoota biraas na gammachiisa. Sinis si gammachiisa.

👍👍👍kutaa 1ffaa dubbisuu hin dagatiin
Itti fufa.
Join 👇
@sammuukoof
2024/04/29 18:16:37
Back to Top
HTML Embed Code: