Telegram Group & Telegram Channel
SOOMA NANAWWEE

👉Irra deebiin kan maxxanfame.

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen 🙏

Baga sooma Nanawween nagaan isin gahe, nu gahe 🙏

"Akkamitti akkas of gattee rafta? Ka'ii Waaqayyo kee waammadhu" Yonas 1:6.

✍️ Dubbiin kun kan inni dubbatame ajajaa markabaa/doonitiinidha. Kan inni itti dubbatame immoo raajicha Yoonaasitti.

✍️ Yoonaas ajaja Waaqayyo isaaf kenne akka inni gara Nanawweetti deemun namootni Nanawwee cubbuu isaanitiif gaabbii akka galan kakaasuuf ture. Garuu ergama Waaqayyo itti kenne kana dhiisee gara ofii barbaade gara Tarseesitti imaluuf ka'e. Sababa kanaafis Waaqayyo danbalii cimaa itti kaasuun akka Doonittiin raafamtu taasise.

✍️Namoonni Doonittii keessa jiran yeroo dhiphatanii waan Doonii keessa jiru hundaa gara galaanatti darbatanii, gara Waaqayyoottis iyyanii kadhachaa fi boo'aa turan Raajichi Yoonaas garuu rafaa ture. Dhiphina isaan keessa turan argaa fi dhagahaa hin turre, hirriba cimaa keessa waan tureef. Garuu, Doonii raafamaa jirtu keessatti hirribni nama raffisu kun hirriba akkamiiti laata?...

✍️ Namoonni Doonii sana keessa meeshaa hunda gara galaanatti erga fixanii boodas raafamichi dhaabachuu waan dideef, Dooniin tun kan raafamuu dandeessef sababa eenyutiini jedhanii carraa yoo buusan, carraan Yoonaas irra bu'e. Isaanis Yoonaasin "Akkamitti akkas of gattee rafta? ka'ii Waaqayyo kee waammadhu" jedhanii dammaqsanii kaasan.

✍️ Dhugumayyuu yeroon isaa yeroo itti of gatanii rafanii? Galaana gubbaarra deemutti jiruu bar! Mee yeroo Ammaa kanahoo yeroo itti rafuu qabamuudhaa? Miti,
✓yeroo itti waaqayyoon waammataniidha malee.
✓Yeroon yeroo cubbuu baatanii Doonii keessa itti rafan miti, yeroo gaabbiin gara waaqayyootti itti deebi'an malee.

✓ Yericha yeroo qulqulleettii Mana kiristaanaa iddoo daldala siyaasaa godhatan osoo hin taane, yeroo badiinsa hoolota isaatif itti boo'ani malee.
✓Yeroon kun yeroo itti hirribni nama qabee itti of gatanii rafan miti, yeroo kamiyyuu caalaa kan dammaqanii, gaabbii galanii, fooniif dhiiga Gooftaa fudhatanii itti qophaa'anii jiraatani malee.

✓Yeroon kun yeroo itti rafan osoo hin taane, yeroo mudhii hidhatanii(kadhannaadhan) hoolota Waaqayyoo sababa Afaan isaanitiin jecha sagalee waaqayyoo dhagahuu dhabanii, Mana kiristaanaa keessaa baqatan itti barbaadaniidha malee.

(Akkam akkas of gattee rafta?Ka'ii Waaqayyo kee waammadhu Yonas 1:6)

✍️...Ilaalaa! Yoonaas Waaqayyo iddoo hunda jiraachuu osoo beekuu Waaqayyo jalaa baqachuuf gara ofii barbaadetti deemuun isaa dogongoraa fi madda rakkinaa ta'uu isaatin battalumatti osoo asiif achi hin jedhin ofirratti murteesse. Har'a Doonii kan taate qulqulleettiin Mana kiristaanaa raafamuutti kan jirtu sababa eenyutiin ta'inna laata?

☑️ Mana kiristaanaa keessa aangoo eebbisuu baatee, garuu gara ergama isaa kan hin taane namoota abaaruu hojii isaa kan godhate ishee keessa rafaa kan jiru hin jiruu?

☑️ Hojiin isaa fayyina namootaaf dhama'uu osoo ta'ee jiruu, namoonni fayyina irraa fagaachuu fi Mana Waaqayyoo keessaa gara badiisatti yeroo yaa'an osoo Ijaan arguu fi dhagahuu kan ishee keessa rafaa jiru hin jiruu?

☑️ Dhimma badiisa hoolota Waaqayyoo irra dhimmi dhuunfaa fi daldalli siyaasa isaanii isaan dhiphisee Mana Waaqayyoo keessa kan rafan hin jiranii har'a?

☑️ Mee Lallabaan wangeelaa yoo waltajjiitti bahe kan inni lallabutti jiru maalidhaa? jaalaladhaa? tokkummaadhaa? gaabbii akka galaniif uummata dammaqsuudhaa?  Lallabaan wangeela mootummaa waaqayyoo saba hin amannetti akka lallabee mootummaa waaqayyootif geessisuuf ergamni itti kenname har'a ergamicha baatee kan hojiin isaa, lallabnisaa waan biraa tahe, kan Mana kiristaanaa keessa rafe hin jiruu?

✍️ Egaa kun hunduu Doonii/Mana kiristaanaa keessa rafanii osoo jiranii Doonittiin akkamittiin hin raafamturee? ergamni ishees kana mitihoo, akkamittiin raafamuu diddiree? Kan hundeeffamte kaayyoo siyaasaaf itti fayyadamuuf mitihoo, maaliif hin raafamturee? Eegdota hoolota kooti jedhee kan isaan muude tiksoonni hirriba cimaa ishee keessatti rafaa waan jiraniif maaliif hin raafamturee?

tg-me.com/DooniiNoh/1917
Create:
Last Update:

BY Caffee Mooraa-Jimmaa

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/DooniiNoh/1917

View MORE
Open in Telegram

Caffee Mooraa Jimmaa Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Telegram announces Anonymous Admins

The cloud-based messaging platform is also adding Anonymous Group Admins feature. As per Telegram, this feature is being introduced for safer protests. As per the Telegram blog post, users can “Toggle Remain Anonymous in Admin rights to enable Batman mode. The anonymized admin will be hidden in the list of group members, and their messages in the chat will be signed with the group name, similar to channel posts.”

For some time, Mr. Durov and a few dozen staffers had no fixed headquarters, but rather traveled the world, setting up shop in one city after another, he told the Journal in 2016. The company now has its operational base in Dubai, though it says it doesn’t keep servers there.Mr. Durov maintains a yearslong friendship from his VK days with actor and tech investor Jared Leto, with whom he shares an ascetic lifestyle that eschews meat and alcohol.

Caffee Mooraa Jimmaa from us

Telegram Caffee Mooraa-Jimmaa
FROM USA