Telegram Group & Telegram Channel
Qaamolee miiraa to'achuu:
Qaamolee miiraa to'achuu jechuu qaamolee miiraa keenyaa waan badaa irraa to'achuun,gara waan gaarii hojjachuutti geessu jechuudha.
Qaamoleen miiraa keenyaa yeroo hundaa to'achuun akkuma jiruutti ta'e caalaatti immoo ta'ii yeroo sooma raawwatamuu of keessaas ni qaba.Abbootni keenya waa'ee kana akkas jechuun barsisuu.
Baahitaawwii Teewoofaan lubbuu nama mootiitti,foon immoo Masaraa mootummaatti fakkeessa.
Masaraan mootummaa Kun foddaa shanii fi balbala tokko of irraa  qaba.Foddaawwan shan kun qaamota miiraa shanan bakka bu'a.Balbalichi immoo sammuudha.Diinni Karaa foddaa fi karaa balbalaatiin yoo ta'e malee eessanuu seenuu hin danda'u .Isaan Kun yoo cufaman diinni seenuu hin danda'u.
Foddaawwan(qaamota miiraa) kanaan daldalaan cubbuu diyaabiloos,shaakalawwan garaagaraa fi miirawwan lubbuu gammachiisan fida.Kanarraa kan ka'es lubbuun gammachuu hunda fudhatti.Isa booda gammachuu kana akka waan gaarii fi akka galmaatti lakkaa'uu jalqabdi.Karaa kanaan dubbiin jijjiirame lubbuun Waaqayyoon barbaaduu dhiistee gammachuu barbaaduu jalqabdi.

Namni tokko jireenya afuuraa gonka jalqabuu barbaada yoo ta'e duraa duuba jireenyaa isa sirrii adeemsisuu jalqabuu qaba.Kunis gammachuudhaan liqimsamuu irra boqonnaa Waaqayyoo biraa barbaaduudha.Qabsoon isaa rakkisaa fi dheeraa ta'us yeroo tokko tokko murtii kana murteessina.Waggootaaf of gammachiisuu keessa erga jiraatanii booda;lubbuu amala badaa kana irraa adda baasuun rakkisaa fi waggoota kan gaafatuudha.Namni tokko wantoota karaa sirriidhaan rawwachuuf miira isaa bituun barbaachisaadha.
Miirri tokkoon tokkoon isaa gammachiisaa ta'uu ykn ta'uu dhiisuus danda'a.Lubbuun wantoota nama gammachiisanitti gammaduu fi araada godhachuu dandeessi;turtiin booda yeroo hunda gammachuuwwan kana hawwuu jalqabdi. Karaa kanaan tokkoon tokkoon qaamota miiraa keenyaa lubbuun keenyaa hawwiiwwan hedduu fi barteewwan gadi-dhiisuudhaaf rakkisoo ta'an akka bartu taasisuu.Fedhiiwwan kunneen lubbuu keenya keessatti ukkaamamanii turuudhaan carraa ittiin wanta hawwinu irra deebinee argannu yommuu argatan ni kaka'u.Miirrii kun yeroo yoo kaka'e Qulqulluun Yaa'iqoob akka dubbate irra deddeebiin hidhamuutu dhufa. "Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu ni dhala;cubbuunis erga raawwatamee du'a ni dhala." (yai 1:15).Kanaanis raajiin Raajicha Ermiyaas raawatame."Duuti gara foddaa keenyaa qaqqabeera;galma keenyattis ol lixe."(Erm 9:21).Kana jechuun duuti karaa miirota keenyaatin gara lubbuu keenyaatti seena jechuudha.
Miira ofii bituun faayidaa dachaa lama waan qabuudha.Miirota keenya kan eegnu wantoota miidhoo ta'aniif bitamuu fi fudhatamuu irraa qofa miti.lnumaayyuu tokkoon tokkoon uumamaa fi wantoota barbaachisoo ta'aniin miirri keenya akka booji'amuu fi harkisamu gochuus qabna.Miirota keenyaan uumama dinqisiifachuu danda'uu qabna jechuudha.

Soomni keennawwan waaqayyoo dhala namaf keenne keessaa tokkoodha.

tg-me.com/DooniiNoh/1919
Create:
Last Update:

BY Caffee Mooraa-Jimmaa

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/DooniiNoh/1919

View MORE
Open in Telegram

Caffee Mooraa Jimmaa Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Importantly, that investor viewpoint is not new. It cycles in when conditions are right (and vice versa). It also brings the ineffective warnings of an overpriced market with it.Looking toward a good 2022 stock market, there is no apparent reason to expect these issues to change.

Caffee Mooraa Jimmaa from us

Telegram Caffee Mooraa-Jimmaa
FROM USA