Telegram Group & Telegram Channel
''SEEXANAAF YEROO HIN QABU''

Barsiisaan barattootasaaf gaaffii lama sa'atii tokko keessatti hojjettanii akka xumuraniif qorumsa qopheesse. Barattoonnis kutaa qorumsaa seenanii taa'umsa isaanii qabatanii qorumsa eeggachaa jiru. Barsiisaan qorumsa fudhatee gara daree qormaataa seene.Ajajni qorumsichaas himamee waraqaan qorumsaa kennameefiira. Barsiisaan sa'atii itti jalqaban qabatee ''Jalqabuu dandeessu'' jedhee itti hime.

Gaaffiin 1ffaa waa'ee Waaqayyoo waan beektu barreessi kan jedhu yoo ta'u lammaffaan immoo waa'ee Seexanaa waan beektu barreessi jedha. ''Gaaffii tokkoof daqiiqaa 30'tu kenname'' yemmuu jedhu osoo sa'atiin isaan jalaa hin dhumiin dafanii barreessuudhaaf barattoonni ariifachaa jiru. Daqiiqaan jalqabaa 30'n dhumuusaa barattoonni dhaga'an gaaffii lammaffaa hojjechuu eegalaniiru, waan sammuu isaaniitti dhufe ariitiidhaan barreessaa jiru. Barsiisaanis kan dhuunfaa dhuunfaa isaanii akka hojjechaa jiran naanna'ee ilaalaa jira.
Barsiisaanis 'Xumuruuf daqiiqaa 10'tu isin hafa'' jedhe. Xumurreerra kan jedhan barattoonni baay'een waraqaa deebii isaanii barsiisaatti kennanii ba'aa jiru, kaan immoo irra deebi'anii deebii isaanii dubbisaa jiru. Kan hin xumurre immoo daqiiqaa hafte sana fayyadamanii xumuruuf ariifachaa jiru. Daqiiqaa kudhanii booda '' Sa'aatiin isiniif kenname waan xumurameef dhaabaa'' jedhe barsiisaan. Waraqaa deebiis naanna'ee funaanuu eegale. Barataa tokko bira yemmuu ga'u ammallee osoo deebii barreessuu argee ''Sa'atiin dhumeera yemmuun siin jedhu hin dhageessuu jedhee'' waraqaasaa irraa butee fudhate.
Barattoonni baay'een gaaffii lamaansaaf waan deebii ta'a jedhan barreessaniiru. Barataan kun garuu gaaffii tokkooffaaf(isayyuu hin xumurre) qofa deebii kenne. Barsiisaanis dinqisiifannaadhaan ''Maaliif gaaffii lamaniif deebii hin guunne'' jedhee gaafate.  Baratichis '' SEEXANAAF YEROO HIN QABU'' 🤷‍♂ waa'ee waaqayyoo qofayyuu barreessee fixuudhaaf sa'atiin kenname ga'aa waan hin taaneef osoo hin xumuriin na dhaabsistan jedhe jedhama.

Dhugaadha dubbiin waaqayyoo osoo dubbatan, dhaggeeffatanfi barreesssan kan hin dhumneefi kan nama hin nuffisiisne icciitii guddaadha. Hamma barbaanne osoo yeroo kennineef iyyuu seensumasaarra osoo jirruu sa'aatiin dhuma. Jaalala jechasaan, addunyaa hin dabarre keessatti fudhatamna. Kana gochuudhaaf immoo Seexanaafi dhimmoota isa waliin walqabataniif yeroo hin qabu jechuu qabna.Yeroon alatti wanti hojjetamu waan hin jirreef cubbuu irraa fagaanne jechuudha mitiiree?. Seexanaaf yeroo kennuu dhiisnaan immoo isa jibbine jechuudha. Yoomis taanaan namni waan jibbe tokkoof yeroo hin qabaatu. Hojii osoo dhabeyyuu waan jibbe waliin walquunnamuu dhiisuudhaf sababa uumee irraa fagaata mitii?. Kanaaf seexanaaf yeroo kennuu yoo hin barbaadne isa loli. Kan nama ajaa'ibsiisummoo seexana waliin walloolte taanaan namaafi Waaqayyoo kee waliin jaalalaan jiraatta. Sa'atii 24 keessaa kan seexanaaf ta'u dhabne jennaan cubbuu hojjechuudhaaf sa'aatii hin argannu.

Yeroo nuuf kenname deebisnee waaqa nuuf kenneef akka kenninu hubannoo nuuf haa kennu.

Kan hiike Ilma Mikaa'el

Jimmaa

tg-me.com/DooniiNoh/1920
Create:
Last Update:

BY Caffee Mooraa-Jimmaa

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/DooniiNoh/1920

View MORE
Open in Telegram

Caffee Mooraa Jimmaa Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Export WhatsApp stickers to Telegram on iPhone

You can’t. What you can do, though, is use WhatsApp’s and Telegram’s web platforms to transfer stickers. It’s easy, but might take a while.Open WhatsApp in your browser, find a sticker you like in a chat, and right-click on it to save it as an image. The file won’t be a picture, though—it’s a webpage and will have a .webp extension. Don’t be scared, this is the way. Repeat this step to save as many stickers as you want.Then, open Telegram in your browser and go into your Saved messages chat. Just as you’d share a file with a friend, click the Share file button on the bottom left of the chat window (it looks like a dog-eared paper), and select the .webp files you downloaded. Click Open and you’ll see your stickers in your Saved messages chat. This is now your sticker depository. To use them, forward them as you would a message from one chat to the other: by clicking or long-pressing on the sticker, and then choosing Forward.

The global forecast for the Asian markets is murky following recent volatility, with crude oil prices providing support in what has been an otherwise tough month. The European markets were down and the U.S. bourses were mixed and flat and the Asian markets figure to split the difference.The TSE finished modestly lower on Friday following losses from the financial shares and property stocks.For the day, the index sank 15.09 points or 0.49 percent to finish at 3,061.35 after trading between 3,057.84 and 3,089.78. Volume was 1.39 billion shares worth 1.30 billion Singapore dollars. There were 285 decliners and 184 gainers.

Caffee Mooraa Jimmaa from us

Telegram Caffee Mooraa-Jimmaa
FROM USA