Itti bilbilee haati tiyya dhukkubsattee qarshii 3000 Hospitaalatti naa fidi jedheen hiriyaa isaatiin.
Hiriyaanis Marhabaa nan dhufa jedhee bilbila cufe.
irraa ture,
deddeebi'ee itti bilbile, bilbilli hiriyaa isaa cufaa,aaree gaddee hiriyaa qabaachuurra dhabuu wayya jedhe,waa heddu dubbatee uf komate duraanuu anuma malee inni namaa miti jedhe.
Yeroo muraasa booda hiriyaan isaa hospitaala dhufe, akkuma argeen itti dheekkame, lole,hiriyummaa sobaa hin fedhu jedheen,yoo xinnaate bilbila kaastee rakkoo qaba qarshii hin qabu hinjettuu jedheen.
Hiriyaan isaa lafa laalaa bar jaalakoo hiriyaa kooโ€ผ
Abbaa qabeenyaa argadheefi nama beeku hunda liqii gaafadhee barbaadee dhabee jennaan Mobaayila kiyya qarshii 3000tti gurguree qarshii siif fedee dhufee bar, kanaaf bilbilli kiyya cufaa sitti tahe jedheen.
Eekaa.
jarjaraan Re'ee hin horu jedha Oromoon,jarjaraan waa hunda uf jalaa balleessuun sirrii miti,tasgabbii feesisa, addaan baafachutu dursa Obsa horachuutu kajeelama Obsaan aanan goromsaa dhugan.Obsi jannata Rabbii nama Horachiisa,gubbaa laaltee keessa namaa osoo hin barin waa hin murteessin,fageessii laali.
Nagaan oolaa bulaa.

โœSufiyan Osma

Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@amritemam1 @amirtemam1
Gara laaffessa koo
Kan hundaaf rahmatu
Nagayaaf Rahmanni
Sirra Haa jiraatu

ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…
ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡ ุฃุฌู…ุนูŠู†...

Halkan Keessan Salawaataan Shaa shaa godha bariisifadhaa

Nagaan Naaf bula!๐Ÿ˜
Halkan Gaarii!

@amirtemam1 @amirtemam1
Gammachuun Dhugaa Eessatti Argama ?


Ilmi Namaa Jireenya Gammachuu Jiraachuu hawwa,
Hawwii isaa kana galmaan gahuuf tattaafata. waliifi gadi fiigaa oola. Gariin Gammachuun maallaqa hedduu qabaachuu keessa jira, jedheetu maallaqa aragachuuf waliif gadii fiiga asiif achii walitti qaba, gariin ammoo aangoo qabaachuu keessa jira jedheetu, aangoof cinqama, Gariin ammoo mindaa gudda nyaachu keessaa argama jedheeti yaada.

Dhugaadha Isaan maartu jireenya isaan gammachiisu jiraachuf tattaafatan. Garuu wanti Isaan jala yaahan kun, yeroof isaan gammachiisa malee isaan faana hin turu. Gammachuun dhugaa kan isiin argamtu xaa'a rabbii keessatti Rabbiif ajajamuu Ibaadaan isatti deebi'u keessaa aragamtii.
Gammachuu har'aa qofaa osoo hin taanee,kan borus kan biyya lameenii.

Aara galfiin nafsii Ragga'iinsii qalbii kan isiin argamtu xaa'a rabbii keessatti Isaaf ajajamuu waan inni irraa dhorkee dilii irraa fagaachuu Ibaadaa jabeessuu keessatti argamti.

Nabiyyiin Keenya ๏ทบ Akkas jedhan." Bilaaliin Waamanii Yaa bilaal kahi Salaataan ara nu galfachiisi"jedhan. Aargalfii qaamaafi Qalbiiti.
Gammachuun Raahan Rabbiif ajajamuu keessa jirti.
Gammachuun, Tasgabbiin,Ragga'iinsi Kan argamu yoo jidduun keetiif jidduun Rahmaan Nagaa taheedha. Daangaa rabbii yoo eegdedha. Dhiphinni, Gaddi,Hiraarun Yoo daangaa rabbii cabsanii, isaan wal dhaban dhufti, nama dhaalti.

Salaata Rabbiin Dirqama sirratti godhe, shanan Yeroo isii eegii salaati. Arraba kee Zikrii aadaa taasisiifi,Quraanatti saahibomi, Qalbiin Kee Tasgabbii aragattee Gammachuun Guutaamti. Of gahaa nama taata hiraarif ciniqii irraa bilisa bata.

โ€ขโ”ˆโ”ˆโ€ข โ€ยฐโ€ข๐ŸŒนโ€ขยฐโ€โ€ขโ”ˆโ”ˆโ€ข

JOIN Godhiโ†“ โ†“ โ†“
โžฅhttps://www.tg-me.com/Ibn Temam Official/com.amirtemam1
ุฅู†ุง ู„ู„ู‡ ูˆ ุฅู†ุง ุฅู„ูŠู‡ ุฑุงุฌุนูˆู†
Aalimni guddaan sheek abdussamad Gara aakhiraa godaanaan.

Kaafiraaf Muslima Osoon jennee, xiqqaafi guddaa Osoon jenne, hunda nama dandii irratti itti dhufee ofitti qabanii adda keessa dhungatu turan. Abbaa jaalalaa ๐Ÿ˜ฅ๐Ÿ˜ฅ๐Ÿ˜ฅ

Amiir ati amiira maaliitii ? Amiirummaa kee yoom argina ? Gaaffii isaan yeroo na argan maraa na gaafataniidha.

Rabbiin qubsuma keessan jannataa haa taasisu.
Arraba kee tooyadhu
Luugama itti tolchii
Darbachuu keen dura
Jecha kee gingilchi

Miidhaan isaa guddaa
Kan nama madeessuu
Akka jecha hamaa
Hin jiru kan nama laalessu

Waa jechuu keen dura
Mee adda baafadhu
Of keessa naanneessii
Gingilchii qulleeffadhu

Jechi si keessa bahu heedduu si dhabsiisa
Onnee silaa siif duutu du'a kee hawwisiisa
Yeroo tokko buunaan qalbii Isaa irraa
Si arguus hin fedhu siif hin kennus gurra

            Adaraa eeggaadhu
                 hamilee nama si jaalatuu
   Yeroo tokko dhabnaan
                      deebitee hin argattuu

โœAmmuurii ~  (November 20/2020)

Join @amirtemam1 for more !
Akkasitti hin hafuu
Barri rakkoof gidiraa
Hunduu darbuuf taha
Abshiraa yaa firaa

Ummata keenya walloof Rabbiin Haa kadhannu.

@amirtemam1 @amirtemam1
Forwarded from Muaz Yakub Official
๐Ÿƒ โ”„โ”‰ใ€Šโ˜†๐ŸŽ€โ˜† ใ€‹โ”‰โ”„๐Ÿƒ ๐Ÿƒ โ”„โ”‰ใ€Šโ˜†๐ŸŽ€โ˜†ใ€‹โ”‰โ”„๐Ÿƒ
  โœSheekul Islaaam Ibnu Teemiyaan akkas jedhu:~

             "Gaachanni guddaan qalbii ilma namaarraa shayxaanaafi jeequmsa isaa ittisu zikriidha. Qalbii rabbiin yaadachuudhaan ijaaramte shayxaanni itti seenuu sodaata. Ilmaan aadam gaafa zikriirraa gara galanii qalbii jaraa ona taasisan karra guddaa shayxaanaaf ofitti banani jechuudha."

Dhaamsa qalbiif dawaa ta'an qur'aanaaf hadiisa ammas jechoota salafaarraa kan fudhataman channel telegram kiyya haaraya #join gochuun hordofuu dandeessu.
                    #Muaz_Yakub_Official
          ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
                     https://www.tg-me.com/muyaka_1
                     https://www.tg-me.com/muyaka_1
                     https://www.tg-me.com/muyaka_1
Obboleeyyan keessaniifis share gochuu hin dagatinaa.
๐Ÿƒ โ”„โ”‰ใ€Šโ˜†๐ŸŽ€โ˜† ใ€‹โ”‰โ”„๐Ÿƒ ๐Ÿƒ โ”„โ”‰ใ€Šโ˜†๐ŸŽ€โ˜†ใ€‹โ”‰โ”„๐Ÿƒ
Sooma Arafaa!!
 
Dilii Waggaa darbeetiif Kan ganaa dhufuu Namarra haqa.
Wiixata boru (zulhijjaa) 9  july 19

โ€ขIrra hedduun keenya guyyaa arafaa Qophii ayyaanaatin yeroo of dhabsiifna (busy) taana.
Guyyichi garuu guyyaa guyyoota hunda caaluudhaa guyyaa kadhaan namaaf, qeebalamudha. Guyyaa zirkriitti jabaataniidha, guyyaa Ibaadaadhan dabarsuu qabnu guyyaa milkiitii. Nabiyyiin keenya ๏ทบ

akkas jedhan. "Dilii ykn yakkaa waggaa dabreetif kan ganaa dhufuu nama irraa haqsiisa jedhan" (Bukhariifi Muslim)

โ€ขWarri rabbiin isaanif laaffisee waamicha owwatan Dirree Milkii,Dirree Arafaa (Aradal arafaa) dhaabbatu. Warri Rabbiin Bara kana hiree keenya hin goone ammoo, akka bakka sanaa dhaabbannuf Akka Milkoofnu yaadaafi Muraadni keenya akka guutu, kaayyoon keenya hundi akka galma gahu, Ibidda jahannamaa Jalaa akka nagaa baanutti Soomnee Rabbiin Haa kadhannu.

Warra Guyyaa boruu ibidda jahannama jala bilisa baafaman keessaa rabbii nu haa godhu.

Toltuun Hundii Sadaqaadha jedhan rasuullii ๏ทบ
Obboleeyyan keetiif Share gochuun Saddaqaadhu.

Karaa Telegraamiitin Yaadachisa garaa garaa jechoota beektoota hojiilee argachuuf Chaanali keenya join godha. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/Ibn Temam Official/com.amirtemam1
ุนู† ุนุจุฏ ุงู„ู„ู‡ ุจู† ุนู…ุฑูˆ ุจู† ุงู„ุนุงุต ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ู…ุง ุฃู† ุงู„ู†ุจูŠ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ู‚ุงู„ : ( ุฎูŠุฑ ุงู„ุฏุนุงุก ุฏุนุงุก ูŠูˆู… ุนุฑูุฉ ุŒ ูˆุฎูŠุฑ ู…ุง ู‚ู„ุช ุฃู†ุง ูˆุงู„ู†ุจูŠู‘ูˆู† ู…ู† ู‚ุจู„ูŠ : ู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู„ู‡ ูˆุญุฏู‡ ู„ุง ุดุฑูŠูƒ ู„ู‡ ุŒ ู„ู‡ ุงู„ู…ู„ูƒ ุŒ ูˆู„ู‡ ุงู„ุญู…ุฏ ุŒ ูˆู‡ูˆ ุนู„ู‰ ูƒู„ ุดูŠุก ู‚ุฏูŠุฑ ) ุฑูˆุงู‡ ุงู„ุชุฑู…ุฐูŠ ( 3585 ) ูˆุญุณู‘ูŽู†ู‡ ุงู„ุฃู„ุจุงู†ูŠ ููŠ " ุตุญูŠุญ ุงู„ุชุฑุบูŠุจ " ( 1536

hadiisa Abdallaahii ibnu Amri irraa odeeffame kanaan nabiyyiin keenya(Alyhissalaatu wossalaam) akkas jedhan
"Irra caalaan du'aa'ii du'aa'ii guyyaa Arafaati, irra caalaan du'aa'ii aniifi nabiyyoonni na duraa jennee " Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wohuwa alaa kulli shay'in qadiir"

Hadiisni kun sadarkaa guyyaan Arafaa qabuufi sadarkaa kalimaan tawhiidni qabuufi jechi tawhiidaa kun du'aa'ii isa irra caalaafi jabaa ta'uu Isaa argisiisa.

Kanaaf namni rabbiin isaaf laaffisee dachii Arafaa dhaabates ta'ee kan hin dhaabbatinis guyyaa arafaa, guyaa sadarkaa guddaa qabu kanatti fayyadamuun khayrii hojjachuun haa dabarfannu.

Rabbiin nama khayrii guyyaa kanaa iraa fayyadamu nu haa taasisu. kalimaa tawhidaa kanas qabiyyee isii nama sirriitti hubatee, isii irratti jiraatee isii irratti du'u nu haa godhu.

โœ Abduljawaad Tamaam

https://www.tg-me.com/Ibn Temam Official/com.amirtemam1
โ˜†Iid Mubaarakโ˜†

Baga Rabbiin Ittiin nu gahe Kan bara dhufuutiinis nu haa gahu. Ayyaana Gammachuu kan milkii siniif haa ta'u.

แŠฅแŠ•แŠณแŠ• แˆˆ1442แŠ›แ‹ แ‹’แ‹ต แŠ แˆ แŠ แ‹ฐแˆ“ แ‰ แ‹“แˆ แ‰ แˆฐแˆ‹แˆ แŠ แ‹ฐแˆจแˆณแ‰ฝแˆ!

๐ŸŒนุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุงูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุฃุนู…ุงู„ุŒ ูƒู„ ุนุงู… ูˆุฃู†ุชู… ุจุฎูŠุฑ ๐ŸŒน
@amirtemam1 @amirtemam1
Bahriin biyya duniyaa kun Walitti qabamee ibbidda jahannam irraa waa xiqqoo hir'isuu hin danda'u, Garuu, Imimmaan ijji kee sodaa rabbiitiif buustu xaphiin tokkoo ibidda jahannam jalaa Bilisa si baasti.
Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/Ibn Temam Official/com.amirtemam1
Yaa Kan akka isaa
Dubartiin hin deenyee
Bareeda akka isaa
Ijjillee hin arginee

Rahamata Aalamaaf
Kan rabbiin si ergee
Hunda namaa kabajee
Kan mirga isaa eegee

Yaa kan jaalalli isaa
Nagaa Namaaf laatu
Nagaafi Rahmanni
Sirra Haa Jiraatu

Rabbiin nu haa godhu
Nama dhugaan si jaalatu
Warra bor firdawsiin
Ollaa kee jiraatu

Yoo isaan jaallatte Salawaata irratti buusi Dogna Hin ta'in! Tokkicha ati isa irratti buuften rabbiin kudhan sirratti buusa.

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ู‘ู ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ูุญู…ุฏโ™ก
#Share Godhi

Kara telegraamiitinis Jirra liinkii kana Chuqaasaa
Join godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ 
https://www.tg-me.com/Ibn Temam Official/com.amirtemam1
โ™กุงู„ุญู…ุฏ ู„ู„ู‡โ™ก
Seenaa Ajaa'ibaa, Gorsa irraa fudhanne, Aadaa taasifannu boru ittiin milkoofnu.

โ– Dubbisii obboleeyyan keetif share godhi.

โ˜†Guyyaa Tokko Manguddoon umriin isaa waggaa 78 ta'e dhukkubsatee dadhabiin kufee isa fuudhani gara hospitaalaa deeman, hospitaala Yoo gahu Haakimtichi baayye waan dadhabee jiruuf oksijiini saati 24f fudhachu qaba jechuun oksijiini itti godhan.
Saatii 1 booda itti wayyaa'e of bare, sana booda Haakimtichi dhufee Naga'e kaffaltii itti kenne manguddicha kanatti.

Nagahee san harkaa fuudhee laalee mataa isaa lafatti gadi qabee imimmaan ija isaa irraa gadi roobse, Haakimtichi rifatee maal taatee kafaluu hin dandeessu ? Jechuun gaafaten.
Manguddichis lakkii ani kana kafaluu dadhabeeti miti kan boo'e, kan kanaa olii kafalu nan danda'a, Kan ana boochise Tola rabbiin koo natti ooleedha, Waggaa 78 Hafuura nagaa baafataa qilleensa qulqullu fudhataa Homaa nan kafalchiisne jedheen.

Haakimtichis Haasaa manguddoo kanaatiin ijji isaa imimmaan roobsuu eegalte Waliin bo'e.
Qilleensa qulqulluu argattu kana itti kafalta osoo nuun jedhamee akkam taana?
Tola rabbiin nutti oolee lakkoofne hin fixnu osoo beeknee silaa arrabni keenya isa faarsuuf galata galchuu irraa yeroo tokko hin dhaabbattu.
"ุงู„ุญู…ุฏู„ู„ู‡ ูˆุงู„ุดูƒุฑ ู„ู„ู‡"
Share Gochuu hin dagatin.
Jaallewwan koo Qaqqaalii Ummanni muslimaa hunduu baga Rabbiin Baatii Ramadaanaa qalqalloo khayriitin isin gahe. Rabbiin ramadaana nu dhaqqabachiise Qanannii guddaa nutti oole. rabbiin haa galateeffannu. tola inni nutti oole dagachuu hin qabnu. Carraa guddaa arganne kanatti haa fayyadamnu. Nama irraa fayyadamu malee warra dhaqqabatee kahee kasaaru rabbiin nun taasisin. Kan Iimaanni keenya keessa dabalu, kan dilii keenyaaf dhiifama itti argannu, kan abidda jahannamaa jalaa ittiin nagaa baanu rabbiin nuuf haa taasisu.

Social media hir'isuun ibaadaa haa jabeessinu.
Sahuurii nyaadhaa isa keessa barakaatu jiraa. Rasuul ๏ทบ

#KennaaRamadaana1

@amirtemam1@amirtemam1
Maasha allaah ๐Ÿฅฐ๐Ÿฅฐ
Salaata taraawiih naannoo kibbaa magaalaa halaabaa masjiida nuur
ุชูŽุณูŽุญู‘ูŽุฑููˆุงุ› ูุฅู†ู‘ูŽ ููŠ ุงู„ุณู‘ูŽุญููˆุฑู ุจูŽุฑูŽูƒูŽุฉู‹.
Sahuurii nyaachuun faayidaa hedduu qaba jedhu ulamoonni. Qaama jabeessa,si'aayina kenna, akkasuma sahuurii nyaachuun dhaamsa ajaja ergamaa rabbii fudhachuu ibsa . Saati sana kahuun ille ibaadaaf zikriif nama gargaara. Akkasuma sahuuri nyaachuun yahuudaaf nasaaraa faalleessuu faadha jedhu. Kanaaf ๐ŸคŒ lama taatus haa fudhannu.
@amirtemam1
Waa 4 Ramadaana keessaa Eega sooma waajibaati itti jabaachu qabnu๐Ÿ‘‡
โ—‡Dhaabbii salaata halkanii (taraawih)
โ—‡Qur'aana qara'uu
โ—‡Masjidatti galuu (oolmaa keenya achitti caalchisu)
โ—‡Sadaqaa kennachuu ( nyaata nyaachisu namoota fursiisuufi kkf)

Rabbiin nuuf haa laaffisu . Du'aayidhan illee wal haa yaadannu ๐Ÿคฒ
@amirtemam1
2024/04/28 23:39:16
Back to Top
HTML Embed Code: