Telegram Group Search
꧁┃‒ GORSAFβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
♻️ SHARE ♻️

DUUDHAALEE JIREENYAA
Principles of Life
α‹¨αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αˆ˜αˆ­αˆ†α‰½

1. Of Fudhachuu (simachuu)
πŸ‘‰ Self Acceptance
αˆ«αˆ΅αŠ• αˆ˜α‰€α‰ αˆ
2. Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu
πŸ‘‰ Living for life purpose
αˆˆαˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αŠ αˆ‹αˆ› αˆ˜αŠ–αˆ­
3. Dorgommii irraa fagaachuu
πŸ‘‰ Avoiding competition
αŠ¨α‹‰α‹΅α‹΅αˆ­ αˆ˜αˆ«α‰…
4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu
πŸ‘‰ Positive Thinking
α‰€αŠ“ αˆ›αˆ°α‰₯
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
πŸ‘‰ Being willing to learn
αˆˆαˆ˜αˆ›αˆ­ αα‰ƒα‹°αŠ› αˆ˜αˆ†αŠ•
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
πŸ‘‰ Walking with wisdom
α‰ αŒ₯α‰ α‰₯ αˆ˜αˆ˜αˆ‹αˆˆαˆ΅
7. Gamna (qaxalee) Ta'uu
πŸ‘‰ Being Intelligent
α‰₯αˆαˆ… αˆ˜αˆ†αŠ•
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
πŸ‘‰ Taking no offence easily
α‰ α‰€αˆ‹αˆ‰ αŠ αˆˆαˆ˜α‰€α‹¨αˆ
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
πŸ‘‰ Leading a life with gratitude
α‹¨αˆαˆ΅αŒ‹αŠ“ αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αˆ˜αŠ–αˆ­
10. Waan gaariidhaaf (Fooyya'aadhaaf) deemuu
πŸ‘‰ Going for the best
αˆαˆ­αŒ‘αŠ• መፈለግ
11. Yeroo hubachuu
πŸ‘‰ Understand the timing
αŒα‹œα‹αŠ• αˆ›α‹ˆα‰…
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu
πŸ‘‰ Accept what you can't change
αˆ˜αˆˆα‹ˆαŒ₯ α‹¨αˆ›α‹­α‰½αˆ‰α‰΅αŠ• αˆ˜α‰€α‰ αˆ
13. Waraana kee filadhu
πŸ‘‰ Chose your Wars
α‹¨αˆšα‹‹αŒ‰α‰΅αŠ• αŒ¦αˆ­αŠα‰΅ መምረαŒ₯
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu
πŸ‘‰ Forgiving all and avoiding vengeance
αˆαˆ‰αŠ• α‹­α‰…αˆ­ αˆ›αˆˆα‰΅αŠ“ α‰ α‰€αˆαŠ• αˆ˜α‰°α‹
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
πŸ‘‰ Preserve in suffering
α‰ αˆ˜αŠ¨αˆ« α‹‰αˆ΅αŒ₯ αˆ˜α…αŠ“α‰΅
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
πŸ‘‰ Pure joy and rest
αŠ•ααˆ… α‹°αˆ΅α‰³αŠ“ αŠ₯αˆ¨αα‰΅
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
πŸ‘‰ Value inner beauty
αˆˆα‹‰αˆ΅αŒ₯ ዉበቡ α‹‹αŒ‹ αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
πŸ‘‰ Being humble and not despising others
α‰΅αˆα‰΅ αˆ˜αˆ†αŠ•αŠ“ αˆŒαˆŽα‰½αŠ• αŠ αˆˆαˆ˜αŠ“α‰…
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
πŸ‘‰ Being disciplined in life
α‰ αˆ΅αŠ αˆ΅αˆ­αŠ α‰΅ αˆ˜αŠ–αˆ­
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
πŸ‘‰ Giving and receiving
αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅αŠ“ αˆ˜α‰€α‰ αˆ
21. Onnee kee hordofi!
πŸ‘‰ Follow your heart (Instinct)
ልα‰₯αŠ• αˆ˜αŠ¨α‰°αˆ
22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu!
πŸ‘‰ Give due honor
ክα‰₯ር αˆˆαˆšαŒˆα‰£α‹ ክα‰₯ር αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅
23. Cimanii kadhachuun!
πŸ‘‰ Pray seriously
α‰°αŒα‰Ά αˆ˜α€αˆˆα‹­


πŸ“œ January 08/2023 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
DAFII SHAN GODHII β¦πŸƒπŸΎβ€β™€οΈβ©

Hiriyyaan ati qabdu...!
Ana wajjin lama taanan
Anaaf sin dhufee...!
Waliiti nu buusnaan

Mallattoo hin qabuuga
Hiriyyummaan keenya...!
Waliitti kaffaallee hin qabnu
Nuti lamaan beenya...!

Egaa sitti himeera...!
Hin fedhuu hiriyyaa gantu
Kan tokko isheen geenye...!
Kun nan hafiini hundaa hartu

Yoo kana maleemmoo...!
Hin jiraattuu taate....!
Dafii diigi amma...!
Isaa waadaa galtee...!

Dafnnee wal geggeesina
Taane afaan nadhii...!
Osoo aduun sittii hin dhi'iin
Dafii Shaan Godhii...⁩⁦!πŸƒπŸΎβ€β™€οΈβ©β¦



πŸ“œ January 11/2023 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Rakkoofi gidiraan
Narratti daraare...!
Dachee sin jibbe
Iyyeen si abaare...
😒
Gaaf tokko haqan qabutu
Dhugaa kootu ifa ta'a ...!
Gaaf tokko rakkoo obsee
Bakka yaada koon ga'a...!

Gadameessa miixuun eeleef
Tarii barii ilillee in dhufaa...!
Gameessa haqa beelaa'ef
Barri dhiphuu in lufaa...!

Jedheen ifa keen argaa
Yaadni koo na joorsaa...!
Suuraa keetu natti ife
Abjuu keessa na soora...!

Gaaf gaaf gaaf-tokkottin
Kuunnoon quba qabaa ...!
Har'a irra bortuu caalee
Si argaan gaggabaa...!

Kaleessaaf eelli koo
Madaan caba kiyya ...!
Godaannisa qaama koo
Kulkulasaan iyyaa...!

Sirraa abdii hin muru
Bor dhuftaa keen abdadhaa...!
Gaaf tokko kiyyaafan
Har'allee siif jiraadha...!

Irbuu Keef daandii kaayyoon
Imaala kaachaa akka joobiraa...!
Dhugaa kee faarfachaa
Kunoo daandii keerran jira...πŸ’



πŸ“œ January 24/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
꧁┃‒ Dubbisa 26FFAAβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“š β€’ SHARE β€’ ♻️ SHARE ♻️


Jaalalli Keenya Itti Fufiinsa Akka Qabaatuf

➊ Obsa qabaachuu : Jaalalleen kee fedhii isaan ykn isheen ala waan barbaaddu akka siif godhu ykn gootu hin dirqisiisin. Wanti hunduu yoo fedha abbatiin ta'e bareeda obsaan eegi hin jarjariin.

βž‹ Wal hubachuu : Haala kam keessattu waan jaalalleen kee siin jedhu/jettu amani. Jaalallee kee akka amantu yoo itti agarsiiste kan caaluuf siif amanamuuf caraaqxi ykn carraaqaa ti; amani.

➌ Dhiifama waliif gochuu : Dogongora tokkoo waliif irranfadhaa. Jaalala keessatti walitti bu'uun waanuma jiru; dhiifaman dogongora tokkoo irraanfatanii jaalaala itti fufsiisun ammoo mallattoo bilchinaati. Dhiifama yoo walii godhan immoo lapheerraa ta'uu qaba. Sun akka faayila cufamee gara mana galmeetti deebi'e jechuudha . Booda muufiin biraa yoo dhufe illee kan darbe walitti kaasuun jaalala qabbaneessa waan ta'eef; sanirra of qusachuu barbaachisa. Faayila cufame itti hin baniin.

➍ Waliif Yaaduu : Waan qabanii fi waan danda'aniin wal gargaaruu; waan hin qabnee fi hin dandeenye immoo wal hubachuun barbaachisa. Furtuu konkoolaataa jaalallee keef kennuuf hin dandeessu ta'a; garuu sheen nama si hubattu taanaan hanguma humna kee kennaa xiqqoon ati itti yaaddee kennituuf baay'ee ishee gammachiisa. Kanaaf, waan humna kee olii gochuufis liqii fi cinqii keessa hin galin, kanuma humni kee danda'u godhiif.

➎ Wal quba qabaachuu : Jaalallee ofii waliin yeroo yerootti wal arganii waliin haasa'uu fi taphachuun ni barbaachisa. Yoo qaamaan wal irraa fagaattan immoo yeroo yerootti waliif bilbiluu fi ergaa gabaabaanis ta'u nagaa wal gaafachuu fi jaalala waliif ibsuu barbaachisa. Asitti wanti hubatamuu qabu warri wal irraa fagoo inni naaf haa bilbilu ykn isheen naaf haa bilbilu jettanii wal hin eegina; ykn immoo mee na haa yaaddu jettee jalaa hin badiin, na yaaddi jettee irranfatamuus dandeessaatii.

➏ Waliif amanamuu : Waadaa walii keessan eegaa. Jaalalleewwan qaamaan wal irraa fagaatan inni ykn isheen na dhiisee ykn dhiistee nama biraa waliin jaalalaa eegalee ykn eegaltee ta'a yaada jedhuun yeroo baay'ee ni qoramu. Kanarras kan ka'e bakka jirtutti atis nama biraatti madaquu dandeessa. Kanan si gorsu garuu yaada sobaa akkasii sammuu kee keessa deeddebi'u qoladhu; waadaa jaalallee keef galte yaadadhu. Amanamuun ofiifi amanamiif.

➐ Oduu gar-gar sin baasu hin dhaggeeffatin : Namni gar-gar sin baasuuf waa'ee keessan oduu dharaa baay'ee odeessuu danda'a. Namoonni akkasii immoo baay'een isaanii takkaa hojii hin qaban oduu malee ykn ammoo isinitti inaafu; si harka fudhachuuf ta'uu mala. Kanaaf itti bari. Rakkoon illee yoo jidduu keesaan jiraate isinumti walitti deebi'a rakkoo keessan furaa malee oduu jette-jettee dhaaf karra keessan hin baninaafii. Jalalaan waliin isin haa tursiisuu!



πŸ“œ February 06/2023 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Si beekuuf si eegeera...!
Si beekuutti of deegeera...!

Atin baramtu...!
Atin argamtu....!
Atin qabamtu...!
Atin dhabamtu...!

~|~Si argeera garuu~|~

Gumaata jaalalaa
Sirraa hin qooddanne...!
Si beekaaf sin beeku
Dhaqees hin hooddanne...!

Ammas homaan jedhu!
Homaas sin gaafadhu
Ati qofaan jiraadhu!

~|~Garuu~|~

Isan ittiin si jaalladhee πŸ’
Onneekoo naaf laadhu!πŸ₯Ί


πŸ“œ February 13/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾Daraartuu B


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee...!
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee...!

Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa...!
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa...!

Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa dhiigaa...!
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa...!

Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu...!
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...!


πŸ“œ February 22/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Nama miti, nama garaa
Nama miti, nama baraa...!
Halagaa miti, isa gamaa
Firas miti, isa gamanaa...!

Bara keessaa bara kana
Gaaddidduukeetu si gana...!
Yeroo aduuf ibsaan jiru
Faanasaa sirraa hin jijjiru...!

Garuu gaafa utuu deemtuu
Millakeen dukkana seentuu...!
Dukkanichatti of haqataa
Gaaddidduunkee si baqata...!


πŸ“œ February 29/2024 πŸ•‘
✍🏾Waadaa Getachoo
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Bura-burree bifa sagalii
Addunyaa amala dhibbaa...!
Yeroo walfakkaataatti
Baattuu jaalalaaf jibbaa...!

Gola nama rakkisu
Iftis dukkannis dhaalee...!
Wanta ijikee adda hin baasne
Sagaltamayyuu ilaalee...!

Wanta amma harkaanuu qabdee
Booda immoo hin qabne nafa...!
Maraammartoof fuggisoo
Jiruun addunyaa fafa...!

πŸ“œ March 10/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
꧁┃‒ Dubbisa 27FFAAβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“š β€’ SHARE β€’ ♻️ SHARE ♻️


⬇️ Amaloota JAALALA Dhugaa ⬇️


β—ˆ Kan akka jaalalaa jaalatamuu fi faarfamuu waan jiru hin fakkaatu. Hundi jaalachuu fi jaalatamuu fedha. Bineensotaa fi allaattiis dabalatee. Jaalalli gammachuu qaba. Jaalalli, seeraan hin qabamu taanan, gadda, kufaatii fi cabiinsa hamilee hamatti nama geessuus danda’a. Gammachuu guddatti kan nama geessu jaalala dhugaati. Miidhaa fi hubaatii irraas kan nama tiksu isuma jaalala dhugaati. Humni jaalalaa danuu ta’uu isaati kan kun hundi argisiisu. Amaloota jaalala dhugaati wabiin isaa onnee ta'eedha.

➊ Jechoota kana sadan bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin qabiin fayyadamuu!
1 ) β€œ Sin jaalladha ”
2 ) β€œ Galatoomi ”
3 ) β€œ Dhiifama ”

βž‹ Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa’uu dhiisaanii kallattumaan walitti haasa’uu.

➌ Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii keessatti 100% wal amanuu.

➍ Jaalalli dhugaan gocha. Jaalalli dhugaan waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hin taane quba qabaadhu.

➎ Amanamummaa, iftoomina, wal hubachuu fi waliin haasa’uun dirqama. Icciitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin qabu.

➏ Jaalalli dhugaa nama hin hubu. Jireenya keessatti walitti aaruun, mufannaa fi wal hubachuu dadhabuun jira. Bakka jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebi’aa mul’atanii miti, garuu jaalalli dhugaa ilaalcha gaarii waliif qabaachuun madaalama.

➐ Lafa jaalalli dhugaa jirutti maqaa wal ballessuu fi wal yakkuun hin jiru. Yoo haasoftu jechoota β€˜akka natti fakkaatutti’ ykn β€˜akka amantaa kootti’ ykn β€˜akka yaada kootti’ jedhanitti dhimma bayuu yaali. Waan dhibbaan dhibbatti hin beekne namatti hin fe’in. Jechaa fi shakkiidhaan wal hadheessuun ganda jaalalli dhugaa jiruttii hin heeddumatan.

βž‘ Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif kabajuu fi jaalachuu qabu. Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii, waliif danda’anii jiraatu.

βž’ Jaalalli dhugaan kaayyoo fi kaka’umsaan guutamuu qaba; akka nama dhuunfaattis ta’ee akka walootti. Lameen wal jaalatan yaadaa fi karoora isaanii bakkaan ga'uu irratti wal deeggaruu fi waan waahilli isaa jireenya keessatti fedhu gargar baasee hubachuun deggarsa kan bira dhaabatuudha.

❿ Jaalalli danda'aadha, gaarummaas ni argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu wanta oftuulummaa jedhamu of keessaa hin qabu


:¨·.·¨:
`·. ❣️ Jaalalalii Dhugaan Darbanna Xiqqaan Kan Addaan Ba'an Osoo Hin Taanee ; Halli Kamiyyuu Kan Addaan Nama Hin Fagessineedha!



πŸ“œ March 23/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Akkan si jaaladhutti
Atis jaalannaan ana...!
Kiraatti natti eerumi
Waliin ijaarra mana...!

"JAALALLI jaamaadha"
Erga jedhee namuu...!
Ulaagaa baay'iftee
Nan aarsini lamuu...!

Binnee hin argannu
Jaalalli qaaliidha...!
Dhabaaf adda baanaan
Bor sumaaf qaaniidha...!

Nu lachuu reefuma
Bilchaachuuf bargannaa...!
Boruuf rabbiin qabna
Hojjannee arganna...!

Wal ta'anii guddachuun
Dhirsaaf niitii seerumaa...!
Umriin taa'ee sin eegu
Hin baqatin eeruma...!

Hedduun si jaaladha
Ati qooda kiyyaa...!
Maatii keen gaafadha
Ergee jaarsa biyyaa...!

Siree irrattis ta'u
Golaaf lafa gabaatti...!
Anuu sin kunuunfadha
Akka ilmoo dhabaatti...!

Dhugaan yoo na jaalatte
Sababa hin fidinii...!
Sin fuudha, natti eerumi
Adaraa hin didinii...!


πŸ“œ April 05/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
πŸ“ Hammuma onnee sobaatiin namootatti dhiyaachaa deemtu namoota onnee qulqulluudhan si jaallatan irraas fagaachaa deemta!🀝

Isiin Jaalatamtoota ❀️🫢


πŸ“œ April 05/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Yoo tolte firaaf toli
Halagaaf hin caraaniin...!
Yoo lolte finnaaf loli
Haadhookee hin waraanin...!

Karra haqaa banii
Dhugaaf of wareegi...n
Warra raqaa ganii
Dhiigaan dhugaa eegi...!

Dhugaa diinni sarme
Lafeekeen soroorsi...!
Copha imimmaan harmee
Dhiigakeetiin qoorsi...!

Jirma jabaa ta'i
Tasa harka hin laatiin...!
Ilma sabaa ta'i
Gandaaf hin jiraatiin...!

Yoo akkana hin taane
Dhiisi waliin dhahuu...!
Yoo siin dabni hin kaane
Dhiisi daba dahuu...!


πŸ“œ April 08/2024 πŸ•‘
✍️ Waadaa Getaachoo
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Erga Dubbistee Booda Group Hundatti ♻️ SHARE ♻️
Gochuun Lubbuu Fi Miidhama Obbooloota kee Baraari.

1). Miidhaa Bilbilaa/Mobile

➑️ Dhukkubni ijaa β€œEye Macular” jedhamu yeroo durii namoota umriin isaanii gara dulumaa jiru irratti mul’achaa ture . Yeroo dhiyoo as garuu dargaggeessa fi Dargageettii umriin isaanii 18-35 gidduu jiru β€œEye Macular” kan jedhamuu, dhukkubni ija nama jaamsu Danda'u Kun Heedduminaan Qabachaa Jira, Namoonni Heedduun Dhukkuba Kanaan Rakkachaa Jira
Sababni Guddaan Dhukkuba Kanaa
- Namoonni baay’een halkan ibsaa(Ifa) ergaa Dhaamsanii Booda , Mobile Isaanii Fayyadamu jedhu. Dukkana keessa daqiiqaa 30’f mobile keenya fayyadamuun, rakkoo keessa nu galchuu qofa osoo hin taanee Cancer (Kaanserii Ijaaf) nu saaxila.
kanaaf yeroo bilbila Fayyadamtan ifa keessa fayyadamaa, Sa'atii dheeraaf walitti aansitanii hin fayyadaminaa, Ifa ykn brightness bilbila keessanii xiqqeessaa fayyadamaa.


πŸ“œ April 11/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️

πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
2) . Dhukkubbii Mormaa fi Dugdaa:-

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Saaynsiin akka jedhutti namni gadi jedhee moobayillii fayyadamu(wa dubbisuuf ykn barreessuuf) nama morma isa irratti meeshaa 12kg ulfaaltuu rarrafate/batuun wal-qixa. kun ammoo suuta suutan maashaa mormaa fi dugda osoo nutti hin beekkamne akka citan taasisa. Haala kanaan yeroo dheera booda dhukkubbi mormaa fi dugdaaf nu saaxila. Namoonni baay’een yeroo amma dhukkubbii dugdaan rakkachuurrati argamu. Kanaaf jechas yaalii hin barbaachisneef(operation) godhu.Dhukkubbii dugdaaf sababoonni baay’een jiraatanis kunis sababa akka ta’uu danda’u haa beeknu.

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Maddaa waantan dubbisee irraa


πŸ“œ April 11/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
3) . Jarmii Dhukkuba Fidaniif Madda Ta’uu Danda’a

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Haala nama aja’ibuun qorannoon akka mul’isuutti moobayiliin namoota hedduu qulqullumaadha harka 18tiin mana fincaaniiti gadi. sababni isaas namni harka isaa yoo dhiqatuu, moobayilii dhiquu garuu hin danda’amu. Sila kana ta’eef yeroo garagaraati harka xuraawaan moobayilii tuttuquun keenya hin oolu.kun ammoo jarmiiwwan(baakteriyaan) deebisani dhukkuba nutti fidan akka irratti wal horan taasiisa.
Harkuma bilbila keenya tuttuqneen osoo hin dhiqatin nyaata sooranna.

4) .Carraa kaansariin qabamuu keenya dabala

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Qorannoo godhameen guutumatti adda baasuun dadhabamus yeroo heddu moobayillii fayyadamuun kaansariiwwan sammuu,ijaa,dhiigaa,cidhaanii fi kaansarii xannacha hanchuufatiif akka nama saxilu qoratootni ni dubbatu.


β¦πŸ”§ Maddaa waantan dubbisee irraa


πŸ“œ April 14/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌

☒️ #JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ
Gaafa aariin mimmiroftu
Natti gamuuf sisirrooftu...!
Harka jibban na haleeltu
Narraa cituu gaaf kajeeltu...!

Sababa kee sassaabbattee
Obsi sirkaa gabaabbattee...!
Anaan loluuf ija baaftu
Haasan jirre lafaa kaaftu...!

Summii jechan na waraantu
Madoo malee gaaf caraantu...!
Gaarummaa koo gaaf faaltu
Eenyummaa koo gaaf haaltu...!

Akkamittan si amanaa...?
Ati ana ; ofin ganaa...?

YEROOS
Onneen koo ishiin gowwaa...!
Of-mooksitee buutu bowwaa...!

AN GARUU
Balaqqeessa ija keetii
Dukkana koo ibsa seeti...!
Madaa baattee si kiiftee
Waraanamtee siif dhiifte...!



πŸ“œ April 15/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾 Ogeetii Hirphaa

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Eenyumtuu iddoo kee bu'uu hin danda'u!

Namoonni tokko tokko si hin barbaadu jedhanii deemaniitu yeroo kan akka kee dhaban si obsuu hin dandeenye jechuun lammata gara jireenya keetitti deebi'uuf yaalu!

Yeroo tokko tokko namoonni ati onnee qulqulluudhan jaalattee fedha keetin gowwoomtef si tuffatanii deemanii yeroon isaan fakkaattaa akka keetillee hin arganne nii jira!

Jaalala dhugaa keessatti yeroo ati fedha keetin gowwaa taatuf nama anatu irra beekadha jedhuuf onnee kee hin kennin!

iddoo si hin maddaalle deemtee gatii kee gadi hin buusin. Wanti hunduu yoo iddoo isaatti argame nama hawwata. Eenyumma keettin boonun deemsa kee itti fufi. Yeroo sana jireenya milkaa'aa jiraatta.

πŸŒ„ Halkan mi'ooftu isiniif hawweera 🀝


πŸ“œ April 16/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Imimmaan koo kalee
Jaalalaaf Harcaasee...!
Har'a xiiqii kuuseen
Jibbatti facaasee...!

Sanyiin kee kaleessa
Biqilchuuf dharra'ee...!
Har'a akka haramaattan
Buqqisuuf rarra'ee...!

Jedhee utuun siif himee
Tarii natti dhiigdaa...!
Marxoo hirbuu keenyaa
Hiikkattee immoo diigdaa...?

πŸ”§TARII πŸ”§
Michuummaa koo dhiistee
Qofummaan firoomtaa...?
Jibba kiyyaan dhiigdee
Hammeenyaan warroomtaa...?

πŸ”§TARII πŸ”§
Karaa keenya kalee
Yaadannoof marmaartaa...!
Biyyoo dachee sanaa
Hirquudhaan hammaartaa...!

πŸ”§TARII πŸ”§
Guyyaa gaafa sanaa
Yaadattee abaartaa...?
Moo garaa dhiifamaan
deebistee na maartaa
😞


πŸ“œ April 16/2024 ⏲️
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾Marsii D Faajjii

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
πŸ”΅ Namoonni baayyeen namaaf amanamuu dadhabuudhaan dhumasaani gaabbiidhaan guutu ; kun immoo jireenya keenya keessatti miidhama guddaa qaba!

πŸ”΅ Yoomuu namaaf amanamaa/tu ta'i. Yoo miidhamtes dhuma keetu gaarii ta'a! Gaafa namni si gane sun gatii guddaa kaffalu teessee ilaaluun akka ati waan hundumaatti amanamtuuf si gargaara!

🚫Namaaf Amanamuun Waan Hundumaarra Gaariidha!

πŸŒ„ Galgalli Keessan Haa Miidhagu!


πŸ“œ April 28/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
2024/04/30 09:53:58
Back to Top
HTML Embed Code: