Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga guyyaa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosiin Nagaan geessan.

ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የስቅለት በዓል በሰላም አደረሳችሁ።

Happy Good Friday!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta. Namni si cina dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa karaa ati irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphachuu dandeessa.

Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin! Jireenyi gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki! Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira. Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira. Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Gufuu Daandii Kee Irraa Kaasi!
Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!

Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabbii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee  gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!

Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!

- Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!

- Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo!

-  Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu.  Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu!

- Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Of Gaggeessuu (Self leadership)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha. Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:
1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.
2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.
3. Of sissi'eessuu/ self motivation/
Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.
4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.
5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti #of_gaggeessuu kana guddisuuf #tooftaaleen fayyadan
1. Mul'ataa fi galma ofii haala SMART ta'een kaa'achuu
2. Yeroo keenya #matrix_of urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3. Bilchina miiraa ofii guddisuu
4. Nama har'aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Gorsa Gaarii !!!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Yeroo hojjechuu qabdutti yoo hin hojjenne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattaaffadhu! Yeroo qabdutti ciminaan fayyadami!

➲ Har'a humna qabda, dandeettii guutuu qabda, yeroo qabda... qabeenya guddaa har'a qabdu kana sirnaan yoo itti hin fayyadamne milkaa'ina siif ta'uu malu hanqatta!

➲ Wantoota gaarii ta'e hojjechuu fi mul'ata kee boriitiif si qopheessan barbaaduu qofa irratti xiyyeeffadhu! Gaarummaan ati har'a hojjettu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!

➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjetu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira.

➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu!

➲ Maaliif sitti fakkaata ofilaalleen (Daaw'itiin) konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali!

➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i! Karaa kee itti fufi!

➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala.

➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!

➲ Obboleessa koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:
➛ Kaleessa kee irraa baradhu!
➛ Har'a kee jiraadhu!
➛ Borii kee karoorsi!

Abrahaam Liinken Maal Jedhe:
⁃ Kaayyoo keetti cichi!
⁃ Har'a hin milkoofne jechuun bor hin milkooftu jechuu miti!
⁃ Har'a yoo hin taane bor ni ta'a!
⁃ Har'a yoo hin mijanne bor ni mijata!
⁃ Har'a yoo kufte bor ni mo'atta!
⁃ Har'a waan barbaaddu argachuu yoo baatte bor ni argatta.
⁃ Bor guyyaa birooti.
⁃ Waan inni qabatee siif dhufu hin beektu.

Eeyyee eeyyee dhugaadha hin beektu bor guyyaa birooti.

➲ Waanuma tokkottillee lubbuu kee hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame si hin dhabuutii.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
"The more you inspire, the more people will inspire you'' (Simon Sinek)
━━━━━━━━━━━━
❍ Hanguma namoota keessatti kaka'umsa uumte, namoonnis deebisanii si keessatti kaka'uumsa uumu.
❍ Fudhachuu hin dursin. Kennuu dursi malee. Kennuun fudhachuu dursuu qaba.
❍ Gaggeessaa ta'uu dura gaggeeffamaa sirrii ta'uu qabda.

Mee Gaaffilee Armaan Gadii Sirriitti
Hubadhu:


⓵. Osoo namaaf yaaduu hin beekin, akkamitti namni siif akka yaadu baruu dandeessaa?
⓶. Osoo nama kabajuu hin barin, akkamitti kabajamuu barbaaddaa?
⓷. Osoo namatti gaarummaa agarsiisuu hin barin, akkamitti gaarummaa nama irraa eegdaa?
⓸. Wanta ofii kee ta'uu hin dandeenye, namni biroon akka siif ta'u maaliif ajaja gabaabduu dabarsita?
⓹. Osoo ofii kee hin jijjiiramin paarlaamaa jijjiirama gabaasu maaliif hundeessita?
⓺. Teessoon kee dandeettii ati qabdu wajjin akka wal hin gitne osoo beektuu, maaliif namoota gaggeessitu irratti gooftaa ta'uu barbaadda?
⓻. Uffata jijjiirachuu fi sammuu ofii jijjiirachuun maaliif wal sitti fakkaate?
⓼. Banuu osoo qabduu maaliif cufta? Cufuu osoo qabduu maaliif banta? Maalif, daqiiqaa muraasa fudhattee akka gaggeessummaan kee dhaloota hadoochaa jiru hin hubattuu? Gaaffilee kanneenii fi kan kana fakkaatan deebisuuf nama qophaa'aa ta'uu qabda.

⩩ Of hin tuuliin akkasumas of hin kuuliin!
⩩ Gaggeessummaan of ta'uu fi nama of ta'e horachuudha.
⩩ Ka'uumsa qabaachuun ga'uumsa qabaachuu fida.

⁃ Ka'uumsi jalqaba kee yoo ta'e ga'umsi immoo galma (hiree) kee siif ta'a.
⁃ Ka'uun ga'uu miti.
⁃ Ga'uuf ka'uun dirqama.
⁃ Osoo hin ka'in ga'uun hin jiru.
⁃ Ka'uun ga'uu dursa.
⁃ Ka'uuf akka ga'amu beekuun ni dursa.

❍ Gaggeessaan osoo ka'uumsa isaa hin hubatin ga'uumsa isaa yaadu, gaggeessaan akkasii hantuuta boolla ishee hin beekne wajjin tokko. Boolluma banaa ta'e seenti. Gaggeessaan akkasiis iddoon inni ga'e hundumtuu galma isaa itti fakkaata.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Badhaasa birrii 1000.00 Marsaa 5ffaa Baankii Oromiyaa irraa!

Ergaa kana namootaaf affeeruun Badhaasa birrii kumaa marsaa 5ffaa badhaafamaa!

1. Dursa Liinkii armaan gadii tuquun https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=881749134
2. Itti aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Mallattoo Share fayyadamuun firaaf aantee keessaniif qooda
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif qoodaa!

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 fi isaa oliif warreen qoodaan Badhaasa Birrii 1000.00 badhaafamu.

5ኛው የ1000.00 ሽልማት ከኦሮሚያ ባንክ!

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የ5ኛ ዙር የ1000.00 ብር ተሸላሚ ይሁኑ!

1 - በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=881749134
2 - በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3 - Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4 - ወደ ቦቱ ይመለሱ
5 - Continue ሚለውን ተጭነው የመጋበዣ የሼር ምልክት ያግኙ
6 - መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ የ1000.00 ብር ተሸላሚ ይሁኑ!

አሁኑኑ ሼር ማድረግ፣ ይጀምሩ ቀድመው ያሸንፉ!
❍ Hiyyeessi tokko waggaa digdamaaf saantima argate hunda qusatee maallaqa sana hunda maatii isaaf mana ijaaruuf itti fayyadame. Dhuma irratti manni isaa ijaaramee qophaa’e. Sana booda guyyaan gaariin maatii isaa waliin mana haaraa isaa keessatti akka jijjiiramuuf filatame. Garuu guyyaa sana dura guyyaa lama hafeerun kirkirri lafaa uumamee manni isaa guutummaatti barbadaa'e. Hiyyeessi oduu kana yommuu dhaga'u, bakka manni isaa itti ijaarame osoo hin deemin dura gabaa dhaqee mi'aawaa garaa garaa bite. Bakka namoonni baay'een itti walitti qabaman ga'ee yaaddoo isaaf qaban ibse, sababiin isaas osoo achi jiraachuu illee hin danda'in mana isaa dhabe. Namoonni tokko tokko isa jajjabeessuuf yaalan. Garuu inni mi'aawaa kana baasee nama hundaaf raabsuu eegale. Namoonni achitti argaman hundi, kana arguun ajaa'ibsiifatan. Kana argee hiriyaan isaa tokko, "hin maraattee? Manni kee haaraan ijaarame jigee, galii umurii kee qisaasamee jiruun kunoo ati gammachuudhaan mi'eessituu raabsaa jirta!!" Jedhe. Namichi hiyyeessi kolfee "Ati gama hamaa/ Negetive side qofa argita waan taateef kana, kanaaf, gama gaarii arguu hin dandeessu. Har'a qofa manni jige sun gaariidha" jedheen. Maal osoo guyyaa lama booda jigeera ta'ee, yeroon ani duraanuu maatii koo waliin mana kana keessa jiraachaa jiru osoo yeroo sanatti kufee, ani, haati warraa koo fi ijoolleen koo hundi ajjeefamuu danda'u turan! Silaa yeroo sanatti kasaaraan guddaan hammam taʼa ture? #Kanaafuu_wanti_ta'e, gaarummaa qofaaf ta'e." Jedhe.

#Hubadhu: Yeroon akka waan hunda dhabneetti nutti dhaga'amu baay'eedha, garuu yeroo sanatti, yoo ilaalcha gaarii gara haala rakkootti qabaanne sana booda haala sana tasgabbii fi haala fooyya'aadhaan deal gochuu dandeenya. YEROO HUNDA HAALA KAMIYYUUF WAAQAYYO GALATOOMAA DHA.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.
❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati.

Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan:

❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti."
❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.
❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.

QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)

➊. Yeroon ni darba:
❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa.

➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.

➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in!

❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu!
❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!
➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!

➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.

"Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it"
(M. Scott Pek)

⁃ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.

❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Giraafiksii kana hojjechuudhaan ofiis fayyadamuu akkasuma online gurguruufis akkaataa hoji isaa hundumaa website kana irraa guutummaan nii argattu bakka itti gurguramu waliin jira, website isaa seenuf link gadii kanatu isin gargaara
👇🏿👇🏿
https://kbibleverse.com/ideogram/
https://kbibleverse.com/ideogram/
App Givvy Social dhuguma maallaqa nii kaffalaa?
Qajeelfama isaa website kana irraa fudhattanii bakka #Install jedhu xuquudhaan buufadhaa dursa garuu qajeelfama isaa Afaan Oromootiin barreeffamee jiru sana dubbisaa
👇🏿👇🏿
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
#Telebirr_Update_Godhadhaa

Dhaabbanni ethiotelecom tajaajila haaraa #Telebirr_Engage jedhamu kan maamiltoonni odeeffannoo bilisaan waljijjiiruu fi hariiroo hawaasummaa isaanii karaa Telebirr SuperApp cimsachuu danda’an jalqabee jira. Kana qofa miti tajaajila hedduu qabatee dhufaa waan jiruuf update godhachuudhaan fayyadamaa
👇🏿
https://g.kbibleverse.com/telebirr-engage/
https://g.kbibleverse.com/telebirr-engage/
$32 Yeroo Hundaa

App Givvy Social dhuguma maallaqa nii kaffalaa?
Qajeelfama isaa website kana irraa fudhattanii bakka #Install jedhu xuquudhaan buufadhaa dursa garuu #qajeelfama isaa Afaan Oromootiin barreeffamee jiru sana dubbisaa
👇🏿👇🏿
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
#Click gochuu qofaan hojii hojjechuu barbaddu taanan website kana seenaatii galmaa'a bilbila keessaniin ammuma eegaluu dandeessu #Install erga godhattanii booda
👇👇
https://tinyurl.com/5ay9ujaf
https://tinyurl.com/5ay9ujaf
App'wwan install godhachuun booda kanneen maallaqa kaffalan:
-Akkuma fb register gochuu
-Suuraa barbaaddan post gochuu
-Comment fi like gochuu
-Message namaf barreessuu fi kkf
Gochuu qofaan kan kaffaluudha.
Install
👇👇
https://app-earnings-link.com/givvySocial/f5qwtyven4
Free USD Mining
Kun hojiilee yeroo muraasaati. #Binance
#Download👇👇👇
https://bit.ly/3OflpUZ
https://bit.ly/3OflpUZ
Gatiin Ton coin tokko doolara 7 ol bahaa jira yeroo dhihootti doolaara 10 ni seena jedhamee eeggama.

Ton coin bilisaa tartiiba isiniif dhufu hordofuun kuffachuu dandeessu.

Hedduun kessan start qofa gootani dhaabattu Akkasitt isin hin fayyadu

1. Gaafii ida'uu deebisu
2. Chanaalii dhufu join ykn subscribe gochuu

https://www.tg-me.com/preton_drop_bot?start=094daae1-0e36-45c3-8c7e-7df898419598
Gatiin Ton coin tokko doolara 7 ol bahaa jira yeroo dhihootti doolaara 10 ni seena jedhamee eeggama.

Ton coin bilisaa tartiiba isiniif dhufu hordofuun kuffachuu dandeessu.

Hedduun kessan start qofa gootani dhaabattu Akkasitt isin hin fayyadu

1. Gaafii ida'uu deebisu
2. Chanaalii dhufu join ykn subscribe gochuu

https://www.tg-me.com/preton_drop_bot?start=094daae1-0e36-45c3-8c7e-7df898419598
Digital Marketing Tutorials
Waa'ee Digital gurgurtaa irratti leenjii adda addaa kennamu baasii malee barachuuf kan nu gargaaru website kanaadha, saboonni biroon maallaqaa gurguraa jiran kitaabolee kanaaf nu deggeran asi nii arganna
#Download👇👇👇
https://bit.ly/3OflpUZ
https://bit.ly/3OflpUZ
$10-$28 Guyyaatti

App Givvy Social dhuguma maallaqa nii kaffalaa?
Qajeelfama isaa website kana irraa fudhattanii bakka #Install jedhu xuquudhaan buufadhaa dursa garuu qajeelfama isaa Afaan Oromootiin barreeffamee jiru sana dubbisaa
👇🏿👇🏿
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
https://g.kbibleverse.com/givvy-social/
2024/05/14 01:16:52
Back to Top
HTML Embed Code: