I have no word (jecha hin qabu).


Taa xender Bluetooth godheef

Taa Hawaii Nokia godheef

Taa Telegramni facebooka godheef

Taa jawar Ethiopia godheef

Taa OMN midia Ethiopia godheef

Taa gahardoollan city godheef.

Taa morinoon united godheef

Taa Fikreen jimmaa university godheef

Taa Telegramni na godheef


☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️☔️

@Sdgroupdaawa

For more,join us @Mahiralioffers
Barannee jijjiiramuutu
Kunoo Diina gubee
barnoota hindhaabin
Yaadhaloota qubee

Yoo baranne malee
Hin dandeenyu mo'achuu
Kanaaf danada'uu qabdu
Miira of to'achuuuuuuuu

Barnoonni bilisummaa booda
Jechuu kana dhiisaa
Kuni garbummaa Kenya
Durii sanatti nudeebisaa

Yoo hardha baranne
Biyya Kenya bulchinaa
Yoos shira diinaas cirree
Gurras itti duuchinaaaa
#haabarannu!!!!!!!
@sdgroupdaawa

for more jion us @Mahiralioffers
#Naafis obboleettiidha.

Qullaa deemuu erga
Nabiin keenya abaaree
Ijaaba uffachuunkoo
Sana nabaraareeeeee

Du'een bada malee
Hin mulqadhu hijaba
Iddoosaa natti ha hafu
Barumsichan dhaaba
Jechuudhaan kana taate
Obboleettiin Kenya durbaa

Nurraa kaasi yaarabbi
Mootii gabroomfataa
Kan hijaba nurra basuf
Nudhorku barnootaa

Hijaabni kabajaa Kenya
Baafachuu hin dandennu
Shamara muslimaa
Kabaja hin dhorkinu

Waan fedhe dhufa male
Barnootas hin dhaabnu
Duuniyaa hardhaatiif
Milkii borii hin dhabnu
# share it
Hedduu tuffatamne!!!
@ utuu iyyuu dandeenyuu callisuun.....
sitti haadhagahamu.
Yaa obboleewwan muslimaa.
Hijaaba baafattan malee hin barattanii maaltu fide?
Qeerroof qarreen muslimaa......
# jirtuu.......????????????????
Rabbiin iyyuu dhala namaa kana kabajee uume warri nama salphisuuf deeman haasalphatan
Gaafa bofti mataa raasu
Abbaa itti tahuuf dafqa namaa
Gaafa lootuun sihidduuf
Qoqqottu dhaabaa manaa

Gaafa ririmi boolla qottu
Gumbii sobaa ijaaruuf
Gaafa duumessi sobaa
Rooba fakkaatee xuwaaru

Boolla qotuun maal godharee
Yoon baasin mootii rirmaa
Galaanni gaafa roobu
Baatee deema jirma

Gooftaan aangoo qabu
Dirmataan abbaa haqaa
Duumessa nurraa kana
Isatu nurraa saaqa

Dursanii tokko tahuun
Humna guddaa qabaa
Kana sana osoon jenne
Dafaa harka walqabaa

Rabbi nurran kaahin
Dhiibbaaf dhibee namaa
Kan nudhiibu kan nu miidhu
Nurraa kaasu hamaa
/ aamiin yaarabbi
"Sittan hima baraa"!!!!
Gaafa bishaanni irraanolee yaa'u
Gaafa miilli mataa hooqu
Gaafa dafqa abbaa tokkootti
Gariin abbaa itti tahuuf foqoqu

Gaafa dabeessi kaleessaa
Goota of fakkeessuuf lallabu
Garboomaan waggaa 100
Si garboomsuuf labuu

Gaafa yakkamaan si yakkee
Qabee si ukkaamsu nama nagaa
Gaafa gurrikee gadda malee
Dhagahuu didu aagaa

Ragaa tahi baraa
Bara kaaniif dhaamtaa
Nuti ifakee barbaannaa
Dukkanakee deebistee
Maaliif nurkaa dhaamtaa???

Gaafa kan hin saalfanne
Nudhaabuuf deemu
Gabaa salphinaa
Utuu salphina keenya hin argin
Kan jaraa yoom arginaa?

Wanni taane kuni
Yoomuun badu garaa
Ati nuuf galmeessii
Ol nuuf kaa'i baraa
Fake_News ❗️

Botiwwan soba garagaraatiin akka hin sobamne, baankii akkanaa, biiroo akkanaa jechuudhaan namoonni nama gowwoomsan hedduun jiru.

Yoo nama hanganaati share gootan qarshii hanganaa argattu, bitcoin fa'a jechuudhaan nama gowwoomsuu barbaadu. Wantoonni akka sanaa hedduun isaanii soba, maamila erga isinirraan argatanii booda hojii ofii itti fufuudhaaf karoorfataniiti inumaa tibba kana fa'a biroo eeggumsa fayyaa, biiroo barnootaa fa'a jechuudhaan kijibu, keessa darbaniis tibba kana boti biiroo barnootaati kan galmee onlinedhaaf qophaa'eedha jechuudhaan nama burjaajessu, kanaaf maatiwwan keenya oduu akkanaa akka hin amanne osoo hin hubatinis share gochuudhaaf hin sardaminaa, namoonni wanta akkanaa hujjanis yoo jiraattan dhiisaa faaydaa hin qabu ummanni keenya safuu qaba amantii qaba, waan warri safuu hin qabne hojjatu ilaaltani hawaasa keenya hin burjaajessina.

Asumaanis warri beeksisa hojjettan chanala gubbatti hin sobinaa, safuu hin balleessina wantuma sirrii qofa post godhaa. Galatoomaa...
11,Unchangeable Fashion (Faashina Hin Jijjiiramne)
If We Look This World If We Are Imagine There Is Only One Thing Unchangeable Fashion Hammamis Yoo Ture Kan Hin Jijjiiramnee Yoomillee Qajeelaa Kan Hin Micciiramnee Kaleessas Yoo Ta'e Har'aa Fi Borullee Saayinsii Guddatus Badus Haa Tolullee Yoomis Islaamummaan Bakkaa Hin Jijjiiramuu Buris Itti Fufaa Dalga Hin Micciiramuu
Adawwiin Jijjiiruf Shira Meeqa Footii Taabba Meeqa Baatee Wanta Meeqa Gootii Dharti Miila Hin Qabduu Maalin Taabba Baatii Waa Tokkollee Fidduu Ofumaaf Dhamaatii Kan Filee Nuuf Kenne Rabbii Aalamaatii
Maalif Fagoo Yaaddaa.....
Maalif Fagoo Yaaddaa Karaa Irra Ciiftee Faashina Hardoftaa Sunnaa Kee Gadhiiftee
Kaayyoo Kee Wallaaltee Asiif Achi Joortaa Humnaaf Qabeenya Kee Maaf Alagaa Soorta
Raajii Dubara Ammaa.......
Hanga Jilbaa Murtee Huccuu Jalaa Olee Waa Saalfin Hin Jiruu Gad Baafte Mogolee Dubbii Bara Kanaa Wallaalle Waan Isaa Huccuu Jalaa Bahee Sarbaan Calaqqisaa Dhiirtis Kana Ilaalaa Qalbii Gad Lakkisaa Dubbiin Kun Akkami Maal Jettu Yaa Firaa Silas Yoom Nu Dhibe Kan Jara Kaafiraa Tokko Tokko Jiruu Kan Maqaan Musliimaa Qalamaan Fokkiftee Hidhiin Ishee Diimaa Wayaashee Ol Buttee Kinoo Hanga Jilbaa Gaafa Duubaan Ilaaltu Qaamni Alaa Sirbaa
Kaafira Baafattee Hiriyaa Jaalalaa Mudhiitti Rarraatee Tasa Hin Baatu Jalaa Isa Ofii Dhiiftee Ormaaf Garaa Laattee Halaalli Osoo Jiruu Kan Haraama Nyaattee Dhiisi Yaa Obbolii Maalif Akkas Taataa Qabsoon Jallinaa Kun Eessa Gahuuf Laataa Fedhiidhan Moo'amtee Maalif Qalbii Cabdaa Faashina Himmoofne Islaamummaa Qabdaa
Hundaa Itti Dhiisii Hundumaa Tuffadhuu Mallattoo Musliimaa Jilbaaba Uffadhu Gaaf Faashina Dhiifte Hundumaa Tuffattee Gaafa Bareechitee Qaama Keetti Uffattee Abdii Sirraa Qabnaa Abdii Sirra Keenyaa Silaaltee Gammaddii Gaafas Qalbiin Teenyaa Garuu..................
Uffachuun Kee Qofti Kophaatti Ga'aaree Jilbaaba Uffatteen Iimaana Ta'aaree Uffattee Miidhagdee Musliima Fakkaachuun Halkan Jijjiirrattee Orma Faana Kaachun Kaaffee Keessa Teessee Dhiira Faana Nyaachuun Akkamitti Laaltaa Wanti Kun Sirriidhaa Kan Si Dogongorse Qalbi Moo Birriidhaa Gaaf Ati Bareeddee Uffattee Gad Baatuu Qalbiin Koo Abdiidhan Yoo Si Faana Ilaaltuu
Kabajamtuu Namaa Kan Hundumaa Caaltuu
Osoon Akkas Jechaa.............
Qalbii Koo Sossobee Abdiin Jiraachisuu Biddeena Jaalalaa Abjuudhan Nyaachisuu Gaaf Tokko Waa Argee Waan Nama Yaachisuu Osoon Karaa Deemuu Raajin Na Mudatee Keessa Kootti Aaree Garaan Na Gubatee Wanta Haaraa Argee Wanta Dur Hinturree Wal Bukkeetti Arginaan Jilbaaba Fi Surree Dhaabbadhee Yoon Laaluu Wallaalee Akkataa Innumtuu Kaafiraa Kunoo Muka Baataa
Qalbiin Kee Si Sobdee Maalif Si Dhamaaftee Kabajaa Kee Warqii Alagaa Badhaaftee Ishee Akkasii San Anoo Maaf Ilaalaa Isheedhuma Xiqqoo Eeggachuun Naaf Caalaa
Rabbiin Abbaan Qudraa Keessaa Fuudhe Quwwaa Gubbaan Nama Sobdii Egaa Keesson Duwwaa Maaf Dubara Qofaa Dhiirris Lafa Guutee Inni Qalbiin Isaa Tasa Jalaa Buutee
Sunnaan Nabii Keenyaa Bar Akkana Hin Turree Lafaarra Harkisaa Gadi Buusee Surree Sunnaa Isaa Dhiisee Kan Ormaa Jabeessaa Rifeensa Ol Dhaabee Kaafirran Fakkeessaa Yoo Halaalaa Ilaalte Maraattuu Fakkaataa Mormaaf Harkarrattis Bar Sibiila Baataa
Ana Ofiin Jedhaa Irra Caalan Namaa Zikriinsaa Muuziqaa Galgalaaf Ganamaa Gaafa Guyyaa Jum'aa.......
Bariidhan Ol Ka'ee Yoo Shaaworii Galee Mu'minni Hin Jiru Gaafas Isa Malee Dafee Fiigee Ba'aa Yoo Salaatee Geessee Torbanitti Dhufaa Erga Gaafas Dheessee Dhamaatuu Akkasaa Hiriyaa Baafatee Gibbii Keessa Jooraa Harka Irra Kaawwatee
Guyyaanis Wal Jalaa Waan Hin Buune Seetee Maalif Shawwadamta Waan Hin Duune Seetee
Allahn Sittamist Ye Alamaat Geetaa Gaafatamuuf Jirtaa Asiin Hafta Seetaa Qabeenyaf Jabeenyas Waan Dalagde Cufaa Guyyaa Ofirraa Dhiiftee Biraa Deemtu Dhufaa Akkas Ofiin Jechaa Meeqa Qalbii Cabee Karaa Rabbiirratti Inni Sabrii Dhabee
12, Ijoolle Oromiyaa
Assalaamualeykum Ijoollen Oromiyaa Osoo Adda Hin Qoodin Kan Bahaa Fi Dhiyaa
Deemsa Koo Eegaluuf Baha Biiftuu Irraa Horree Babaldhannee Bakka Maraa Jirraa Bahaaf Lixa Jedhee Hin Qoodu Gargarii Akkam Nagaa Jirtuu Ijoollen Hararii
Galamsoof Baddeessaa Kan Gaara
Muldhataa Biyya Gootaaf Hayyuu Seenatu Dubbataa Asaboot Machaaraa Awwadaay Gad Buunaa Magaallan Harargee Takkaa Harka Fuunaa Yoo Jaalalaa Malee Hiraar Hin Beekanii Isin Hoo Maal Jette Xumureera Anii Achiin As Dabarraan Mee Ijoollen Arsii Cilaaloo Fi Kaakaa Boqqojjiirra Marsii Asallaa Dabarraan Shaashetti Qajeellee Adaabbaaf Dodolaa Kan Arsii Nageellee Saawwan Buburraalee Horanii Bobbaasuu Yoo Bishaan Gaafatte Aannan Si Obaasuu
Suutuma Naanna'e Bar Haara Galfachaa Nyaata Aadaa Arsii Cuukkoo Alanfachaa Baalen Achi Baanan Waabee Gaba Ce'e Goota Achii Bookisu Waaqoo Guutuu Se'ee Roobeen Dabalatee Gindhiirif Sinaanaa Takka Karaa Bullee Shawaatti Dachaanaa Du'aayii Ulamaa Kan Qabannee Finnee Handhuura Oromiyaa Yoo Geenyu Finfinnee
Biyyaaf Keessummaadha Hin Beeku Anis Hoo Shawaa Qaxxaamuree Yoon Gahu Walisoo Naan Jette Qalbiin Too Gibee Qaxxaamurraa Bunashee Unachaa Takkaa Jimmaan Turraa
Jimmaatti Qajeelle Qaxxamurree Gibee Hunduu Guutee Jira Silas Maaltu Dhibee
Dafee Naan Qaqqabe Anis Fardi Kootii Ahriibuu Nuun Jedhan Ijoollen Sanyii Mootii Sarboo Gadi Buunan Feenan Limmuu Saqqaa Yoo Jaalalaa Malee Jibba Hin Beekan Takkaa
Gommaa Gadi Buunan Biyya Argama Bunaa Keessuummaanshee Hundi Nadhii Dammaa Unaa Jimmaarraan Dabarree Qajeelle Iluttii Jennee Karaa Bullaa Yoo Barfates Nuttii Kan Bunnoo Beddellee Gad Buunan Cawwaaqaa Kan Asiin Nu Gaheef Galanni Kan Waaqaa Ashamaa Nuun Jedhan Mammagaallan Mattuu Fuula Gammachuutin Keessummaa Simatuu
Achiinis Dabarree Gujiitti Qajeellee Lafa Gootaf Hayyuu Yoo Geennu Nageellee Uumamaan Badhaate Qabaattuu Waa Maraa Jara Sooddoo Daaccee Kan Daallee Waabaraa
Shaakkisoon Gad Buunan Warqeen Laga Dambii Kan Keenya Osoo Rafuu Kan Sooromteen Ambii
Hangafa Oromtichaa Dhaamsa Irraa Fuunee Aannan Dhuguu Feena Booranaan Gad Buunee Gaafa Rabbiin Jedhe Walitti Dachaanaa Yeroo Yoo Qabaanne Wallaggatti Ol Yaanaa
Ol Ka'ii Falmadhu Yoo Roorron Siif Gamtee Jarri Dambidoolloo Gimbii Fi Naqamtee Waliin Gahuu Baadhus Oromiyaa Balloo Ka'eetan Dubbisa Oromoota Walloo Maaltu Faffacaase Sila Ilmaan Aayyaa Tigraay Keessaa Jiru Oromoonni Raayyaa Wal Qoqqooduu Dhiisaa Jabeessaa Tokkummaa Jibbaan Bu'aa Hin Qabuu Hin Yaadin Gonkumaa
Inni San Kan Bahaa Kuun Ammoo Kan Dhiyaa Inni Kun Magaalaa Sun Immoo Baadiyyaa Inni San Kan Kaabaa Inni Kaan Kan Kibbaa Tokko Nan Jaaladha Tokkommoo Nan Jibbaa Gargar Wal Hin Qoonnu Walibbaafnee Maqaa Yoomillee Musliimaf Tokkummatuu Haqaa Inni Kuun Wallaggaa Inni Kuun Kan Dirree Bahaaf Lixa Jennee Yoo Addaan Wal Hirree Kuni Nuuf Hin Ta'u Dhagahaa Yaa Jamaa Musliimni Hundarra Tokkummaatti Haajamaa

@mahiralioffers
NAGAYATTI CORONA🖐️

Rakkoofi balinas
Si wajjin qoodadha
Kan naan jettee turte
Akkamiin dagatta
Arra na garsiisi
Jaalala tee ifatti
Coronaan na qabnaan
Maa na dheeysita miti
Wal maleen jiraannu
Nuti waliif duuna
Kan naan jette turte
Arra dhugoomsina
Koottuu na dhungadhu
Walumaan qufaana
Jimaadhas nuu fidi
Wajjumaan qamaanaa
Shiishafii bishaanis
Afaanii Wal dhuyna
Hanga yoom coronaaf
Qamaati lakkifna
Qamaane mirqaannet
Sheenaa firraa baafna
Achi booda duunus
Sheenaa maalit qabna
Shahaadaa qabanneet
Qabrii waliin ciifna
Jiruu.dhuman qabne
San booda jiraanna
Biyya Aakiratti
Ilillii dhaabbannee
Waliin itti fufna
Jaalala hoo'ifne
Corona hinaafsifna
Dhungoo Wal quubsine

✍️ @xpmahe 👈 yaadafis

JOIN JOIN
👇👇👇👇👇
@Mahiralioffers
@Mahiralioffers
Asalaamu alaykhum warahmatullahi wabarakaatuhu
🔸🔹🔸🔹🔸🔹🔸🔹🔸

Channel armaan gadii kana Join gochuun daawaa fi oduu akkasumas seenaa rasuula rabbii (s,a,w) irratti bareeffamanii gad-dhiifamanu irraa haga tokko barnoota irraa argachuu waan dandeessaniif affeerraa keenya #JOIN gochuun nuuf afeeramaa.

⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️
@Sdgroup_channel
@SDgroup_channel
@SDgroup_channel
⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️

T.me/SDgroup_channel
Waan siin taane tokkoon
Naan taane jettee diduun
Mirga keeti beeki
Waan tokkon fiduu
@Mahiralioffers
Mahir ibnu Ali official pinned «Assalamu Alaykum Warahmatullahi Wabarakatuhu Akkam jirtan Obboleyyan Inshaa Allaah Dhaamsa, walaloo, seenaa fi kkf argachuuf Channel kiyya kana join godhaa. @Mahiralioffers @Mahiralioffers T.me/Mahiralioffers»
Forwarded from BABILE VINE
MAALLAQNI
┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄┄
→ Mana malee, maatii hin bitu!
→ Siree malee, irriiba hin bitu!
→ Kophee malee, miila hin bitu!
→ Amartii malee, jaalala hin bitu!
→ Fuullee ijaa malee, ija hin bitu!
→ Qoricha malee, fayyaa hin bitu!
→ Rasaasa malee, jireenya hin bitu!
→ Cubbuu malee, qulqullummaa hin bitu!
🙏🙏🌴 JOIN 🌴🙏🙏
@Babilevine
@Babilevine
Forwarded from Deleted Account
adunyan bakuma lamati
gari fi hamtunis isuma kessati
rakko fi balonis isuma kessati
jirun adunya yoom gargar hafti
akka shanshalatati umaan nama jini
garruma keysati rabbiin hamtu nun hin fene
numa if naqeti namni sila yoom dhaqaba
malaqa hulayu naqa adunya kijibdu
sahiba malaqa booru namu kafana
tokkon qabri irra dhaqaa
J A C H O O T A
" Mul'ata kee atummaan ijaari, kana ta'uu bannaan nama mul'ata isaa ijaarutu si hojjachiifata" Farra Gray.

" wamti tokkichaan siifi mul'ata kee jidduu jiru yaaluuf hamilee qabachuufi ni ta'a jattee itti amanuudha" Joel brown.

" Yoo carraan balbala rukutuu baatte, balbala ijaarradhu" Milto berlie.

" Ani hin kufne, karaa 10, 000 kan hin hojjanneen arge" Tomas edson.

@Mahiralioffers
👉 Hayyuun eenyu?

Hayyuun nama if-baree rabbii isa uume baree waan uumameef beeke, qixa sirritiin itti hojjatuudha.

👉 Gootni eenyu?

Gootni nama amantii isaatiif jecha wareegamu, kan tuqaa amantii isaa hin dandanyee, bakka amantiin tuqamtetti kan ajaa'iba agarsiisuudha.

👉 Jabaan eenyu?

Nama jabeenya rabbii hubatee, dandeytii rabbiin isaaf khanneen nama hin miineedha.

👉 Obsaan eenyu?

Obsaan kana mokkora rabbii irratti obseedha, nama dilii irraa if-qabuu keysatti obseedha, nama toltuu hojjachuu irratti obseedha.

@Mahiralioffers
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 11 months. If it remains inactive in the next 30 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 11 months. If it remains inactive in the next 10 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.
2024/04/27 21:06:17
Back to Top
HTML Embed Code: