NAGAA KOOTI...!

Kumaatamaan walit qabee...
Manaa dhabus baay'ee wayyaa
Waan tokkotti yaaddoon qabu
Jireenyi koo martuu fayyaa.....

Godoon Kan koo gadi duufee
Ta'uu baatus akka mootii......
Inni anaaf homaa miti
Keessi Kan koo nagaa kooti..
...
Deemsa dhaabee yoon bututee
Fakkaadhullee kottee cabaa...
Keessi Kan koo gammadaadha
Yesuus qaba tiksee jabaa.....

Irri kankoo daalachaa'ee
Fuulli kankoo yoo bututee
Kessi kankoo haara'aadha
Tasa hin beeku abdii kutee...
...
Rukuchaadhaan miidhameetoo
Foonni kankoo yoo eela'ee...
Qabeenyi koo gad hir'atee
Qoonqoon Kan koo yoo beela'ee..
Manni Kan koo duwwaa ta'us
Homaa dhabus lafaa kuusee
Boriin Kan koo na eeggata....
Abdii guutuun firee buusee.....

Chala Beyisa
MAALIIF UUMAMTEE?

Kutaa 1ffaaa

Boca sitti baasee
Sitti tolchee qalbii
Dachee kanarratti
Maaf si uumee rabbii?
Teessee yaaddee beektaa
Wanta jiru kaaftee...??
Kaayyoo uumamuu kee
Beektaa addaan baaftee?
Qaamota kee hundaan
Akkasiin kuulamtee...
Dachee kanarratti
Maalumaaf uumamtee?

Sammuu yaadu baattee
Akkasiin kuulamtee...
Biyya lafaarratti
Maalumaaf uumamtee??

#Chala Beyisa....

Kutaa 2ffaa........
Tokkummaa kaleessaa
Achumatti dhiiftee....
Barri darbe seetee
Wal nyaachuutti ciiftee?

Galaana guddaat hafeem
Yoom gamatti ceetee.....?
Waanuma biqiltee...
Guddatte of seetee..?
Dhaabachuun maal godhaa
Hin cimin hundeenii......
Gaafa wayii dhufee...
Si fuudha bubbeenii..

Walumaan walummaakee
Maaf buuftaa dhagaattii
Dhiisiitii jiraadhumee....
Tokkummaaf nagaattii....!

By Chala Beyisa
Anii of ta'eetan jiraadha
Hin hawwu waan ormaa.....
Na kadhataa laa jettee
Nattin baatin mormaa..😉

Shantama jiraattee....
Kumayyuu nuuruukee
An dhimmasaan qabuu
Hin dhiibin uuruukee.....
Narraa faffagaachuuf
Maaf barbaaddaa ulaa...
Of ta'ii jiraadhu
Mana kees hin dhufuu
Of ta'eetan bulaa.....👊!

#Chala...
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Gaafa...
By #Chala Beyisa
#Share & Follow
Dhamni dhadhaa ba'aaree...?
Kolfan malee ta'aaree......?
Lilmoon dhagaa uraaree..?
Boo'uun rakkoo furaaree...?
Fardi seenaa oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Addumatti immoo injifannoon yeroo #Adawaa gootonni keenya ittiin galmeessan kan dagatamu miti. " SEENAA RIRMI HIN NYAATU" Jedhe artistiin keenya jaalatamaan #Hacaaluu Hundeessaa♥️
#FOLLOW US☝️☝️
Ayii.......👇👇👇

Waanti ati burqaa seetuu
Isheen edaa cobduudhaa
Namni ati guddaa seetus
Isheen edaa sobduudha..!
....
Wanti ati nagaa seetuu
Jireenyisaa bir'uudhaa
Wanti ati guutuu seetuus
Keessoon isaa hir'uudha...🥱
...
Inni ati hoolaa seetes
Keessoon ishee majaadhaa
Wanti ati shittoo seetus
Fooliin ishee ajaadhaa.... 😏
...
Biqilaankee gaafa goguu
Dadhabbiinkee kantuudhaa
Irri namaa bareedullee
Keessoon ishe gantuudha... 👊
Afaniin sobee fakkeessa
Keessoon isaa dhagaadhaa
Nama hundasimmoo miti
Tokko tokko nagaadhaa.....
.....................................

✍️ Chala Beyisa
Ammayyuu gaaffiin Koo
Maaliif kan jedhudhaa
Hin arganne furmaataa
Burjaajofnee deemna...
Qilleensa darbutu
Urgufee nu baataa .....

Qilleensa xiqqishoon
Raafamnee raafamnee
Wanta maqaa hin qabneen
Iddoodhaa kaafamnee......
Bifti keenya badee....
Daarofnee luqqaanee....
Humni keenya dhumnaan
Iddoodhaa buqqaanee......
Gadheen safuun beektuum
Harkashee ol kaaftii......
Kara deemtuun ormaa
Akkamiin nu raaftii......?

Hafuurri nu citee
Raafamnee raafamnee
Godoon keenya jigee
Iddoo dhaa kaafamnee...
Hafteen keenya Marti
Guuramee darbamee....
Mirgi namummallee
Iddoodhaa sarbamee.....
Akka waan waa miinee
Akka waan cubbamnee
Kallattii wallaallee.......
Gidduutti lubbamnee....😭

Wansaayyuu nuun galleem
Rakkina keessoofii
Rakkinoota alaa......
Nuti dadhabneerraa
Yaa rabbi birmadhuu
Nu oolfadhu balaa.🤲.....!

✍️ Chala Beyisa
Callisaniitu deemuuree
Qabaataniidhumaaf lukaa
Kan keessi offaas jiraam
Bifaan kan fakkaatu muka...
.....
Yoo muka fakkaachuudhaaf
Gosa sagaltamaan daraare...
Muka jennee nii waamnaa....?
Shambaqqoon mukaaree......??
......
Nii fakkaata malee lakki!
Adda baafne oollee bullee
Kan gubbaan calaqqisaa...
Kan keessisaa ulullee.......!

✍️Chala Beyisa....
Bara 1969 seenaan isaa eegale🤷🏽‍♂️
Dargaggoo 3 hiriyoota waliif ta’an hojiilee meeshalee xixxiqqoo namaaf erguu (Delivery) irratti bobba’anii konkolaataa bifti ishee irraa luqqa’ee jiru #Duster jedhamtu qabaniin socho’ii eegalan
Maqaan isaanii
#Adrian_Dalsey, #Larry_Hillblom, #Robert_Lynn ergasii maqaa isaanii irraa gabaajeen fudhatamee dhaabbata #DHL jedhamu dhaaban.
Waggaa 55 fuulduratti ariitiin deemne yeroo ilaallu dhaabbanni #DHL kun yeroo ammaa
Xiyyaara 250
Konkolaatoota 32,000
Hojjetoota dhaabbii 550,000 biyya hundumaa keessaa qabu
Galiin isaanii bara 2022 gara doolaara Biliyoona 94.4ti tilmaamama.
Bakka jirturraa eegalu, Waan qabduun eegali, tasuma abdii hin kutiin guddachuun kee hin oolu.
Waa jalqabuuf guddaa tahuu hin qabdu
Kan jalqabdu Guddaa ta’uuf ammuma eegali
Kanan dubbise irraan siniif Hiike.
Yeroo gaarii qabaadhaa🙌🏼
Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!"  Albert Inistaayin

* Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa osoo deemuu gurbaan duuriyyeen/kash-labbeen tokko duuba isaan dhufee dhiite. Albert ofuma irra mil'atee, ilaalee, dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert ammas ilaaleetuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albert'n akkana jedhan. "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattuu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhaniin.
⁃ Albert maal jedhe beektaa?
"Ofirraa dhorkuuf ani yeroo hin qabu; Seeratti himachuuf manni murtii harree itti himatan hin jiru. Namni nama hin dhiitu; kan nama dhiitu harreedha" jedheetuma deemsa isaa itti fufe!

Ilaamee....Ganaa dhaabattee harree waliin aasoftee yeroo kee hin gubin. Ati namadha. Harreenis harreedha. Kan nama dhiitummoo harreedha....Harree waliin dhaabattee aasoftee harree hin taa'iniitii, callisii deemsa kee itti fufi. Namoonni kaayyoo hin qabne dhaabatanii harree waliin aasa'u, Isaan eenyummaa isaaniis hin beekan. Eessa Akka dhaqanis hin beekan. Callisani waan Isaan muudate hundumaaf deebii kennaa oolu. Kunimmoo harrummaadha. Ati garuu kaayyoo qabadhu! Eenyu waliin Akka aasoftu adda baasi! Galma kee akkeekkadhu! Yoos nii milkooftaatii......🙏
Akkas akkas taane egaa!

Gajamoo citte taane
Hidda muruu dadhabne
Xaddee dulloomte taane
Tabba ba’uu dadhabne
Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dha’e
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga’e….

Fooyyee dhabne takkuma
Tollis - lollis yakkuma!
Quncee fo’uun nu dhibe
Duunees boo’uun nu dhibe!
Ajjeesaa imimmaan cobsu
Garaan koo maalitti haa obsu?

@Waloo_Leta
Ergaa jireenyaa.....

Part 1

Ati nama, nama ta'uukee nii shakkita yoo ta'eef irra deddeebiin ani nama jedhii ofitti himi! Nama guutuu ta'uukee mirkaneeffadhu...maafan jedhe beektaa? Nama baay'eetu nama ta'uusaayyuu shakkaam! Ani Amma namaa? Kan ofiin jedhaa oolu nama meeqa seete. nama ta'uukee erga mirkaneeffattee booda ...maaliif akka uumamte of gaafadhu! maaliif akka uumamteefiyyuu hin beektu taanaan , namoota maaliif akka uumaman beekani itti jiraacha jiran sanaaf dibbee rukutaa jiraatta. Kana jalaa si haa baraaru gooftaan maccaa. Dibbee rukutuu, afuufuu, of wallaaluu, maal jedha seete barreessaan wayii? "Of wallaaluun of awwaaluudha" jedha mitiiree? sababa uumamuu keetii adda baaftee hubatteetta jechuun kaayyoo jireenya kee sana milkeessiteee dabarta jechuudha. Haga kana hin goonetti garuu.....bara jireenyakee guutummmaan guutuutti garba namootaa taatee jiraatta....jireenya mataakee osoo hin argin jireenya ormi jiraatuun burjaajoftee addunyaa kanarraa dabarta. Mee itti yaadi! Jireenya uumamteef osoo hin jiraatin adunyaa kanarraa deemuun akkam akka ulfaataa ta'e itti yaadime............itti fufa....!

✍️Chala Beyisaatiin

Gaaffiif yaada yoo qabaattan... 👉@Chalchalish
BEEKUMSA WALII-GALAA👇

1. Namni yeroo jalqabaatiif  ji'a(moon) irra qubate Neil Armstrong jedhama.

2. Dubartiin yeroo jalqabaaf gaara Everest yaabde Junko Taibei(Japan) jedhamti.

3. Dubartiin yeroo jalqabaaf galaanota murtoossoo addunyaa torba(7) daakkidhaan qaxxaamurte Bula Chaundhury(India) jedhamti.

4. Dubartiin yeroo jalqabaaf Pireezidaantii taate Maria Estella Penon jedhamti.

5. Dubartiin yeroo jalqabaaf Muummee Ministeeraa taate Mrs. Srimavo Bhandarnaike jedhamti.

6. Biyyi yeroo jalqabaatiif Saatalaayitii hawaatti ergite Russia dha.

7. Namni yeroo jalqabaaf Ardii Awurooppaa irraa Chaayinaa dhaqqabe Marco Polo jedhama.

8. Namni yeroo jalqabaaf xiyyaara oofe obboloota lamaan Wilber Wright fi Orville Wright jedhamu.

9. Namni yeroo jalqabaaf addunyaa naanna'e Ferdinand Magellan jedhama.

10. Biyyi yeroo jalqabaatiif Kitaaba Maxxansite Chaayinaa dha.

11. Dubartiin yeroo jalqabaatiif  Olompikii irratti badhaasa Geeba Warqee(Gold Medal) mo'atte Charlotte Cooper jedhamti(UK), Tennis dhaan(1990).

12. Biyyi yeroo jalqabaatiif Maallaqa Waraqaa (paper money) Maxxansite Chaayinaa dha.

13. Namni yeroo jalqabaaf bantii Kaabaa (North Pole) bira gahe Robert Peary jedhama.

14. Dubartiin Musliimaa yeroo jalqabaatiif badhaasa Noobeelii argatte Shirin Ebadi jedhamti, Noobeelii Nageenyaa(2003).

15. Namni yeroo jalqabaatiif Bantii Kibbaa (South Pole) bira gahe Amundsen jedhama.

16. Magaalaan yeroo jalqabaatiif Atomic Boombiin irratti dhoofame Hiroshima (Japan) dha.

17. Namni yeroo jalqabaatiif Hawaa keessa gahe Yuri Gagarin (Russia) jedhama.

18. Magaalaan Asia yeroo jalqabaatiif Olompikii qopheessite Tokyo (Japan, 1964) dha.

19. Movie'n yeroo jalqabaaf Addunyaa kanarratti hojjatame "The JazzSinger( 1927)" jedhama.

20. Biyyi Yeroo jalqabaatiif Olompikii ammayyaa qopheessite biyya Giriikii dha.

    #SONAWALALOO
Abdii kutuun lubbuu baasuudha. Ati gaafa abdii kutattu, lubbuu kee akka dhabde beeki😢 Abdii kuttu malee lubbuukeerratti tarkaanfii hin fudhattu waan ta'eef. maalif ree? Abdii kutuu keessa lubbuu balleessuun akka jiru erga quba qabaattee.....egaa amma dafii lubbuu kee oolfadhu. Goonkuma abdii hin kutatin( Never Give up) jireenyuma addunyaa kanatu akkasi, takka ol si baasaa takka gadi si buusa. Al takka nii gammaddaa al takka nii gaddita. Kuni haalota(situation) dha.

Nii dukkanaa'ee jechuun hin bari'u jechuudhaaree? Har'a harkaa dhabde jechuun borus hin qabaattu jechuudhaaree? Har'a kufte jechuun bor hin milkooftu jechuudhaaree? Goonkumayyuu akkas jechuu miti. dadhabuunkee har'aa cimina dhabuu kee isa borii hin murteessu. Haalonni har'a jireenya keerratti calaqisan kamiyyuu yeroosaanii eeggatanii godaanu. Girrisanii wal guurratanii sirraa cala'u.....🏃 Eeyyen!

Addunyaan ati keessa jiraattu kun....addunyaa gufuuf qoraattiidhaan guuttedha. Nii tarkaanfatta, nii gufatta nii kufta😢 Abdii yoo qabaatte garuu tattaafattee kaata💪 Kufe jettee achi ciifnaan garuu, achumatti rirmi si nyaata😢 Hin ciisin! Tattaafadhuuti ka'ii deemsakee itti fufi... fuuldura kee qofa ilaalii fiigi! Waca simbiraaf yuusa waraabessaatti gurra hin qabin! Saree si duubaa duttutti dhagaa darbachuuf hin dhaabatin! Maalif? Dutuun sareedhaaf amala🐈....Akkasumas dhaabbatanii dhagaa darbachuun amala nama kashalapheeti. Rom'uun, akkasumas sodaatanii abdii kutuun amala nama sodaattuuti🙄 Atimmoo akka goota taate nan beeka. Kanaafuu tarree saree fii tarree kashalapheetii maal dalagdaree? Tarree abdii kutuutii maal dalagdaree? Namni jabaan abdii hin kutatu. Tattaafateetu fuulduratti fiiga malee....jabaadhu...Ammas jabaadhu. Abdii hin kutatin malee, lafa yaadde sana inuma geessa💪

Waan dubbifteef galatoomi🙏

✍️ Chala Beyisa


Telegram 👉https://www.tg-me.com/Waloo/com.bashannanuuf
2024/04/27 04:24:23
Back to Top
HTML Embed Code: