Telegram Group & Telegram Channel
Forwarded from Keyralumma
👇SEENAA KANA DUBBISAA

Khaatimaa (xumura) Badaa nama na argaaf hojjatuu!

Mansuur İbn Ammaar (rahimahullahu) ni jedha: hiriyyaa nafsee ofii irratti daangaa darbee ergasii tawbate tokko qabaan ture. Ibaadaa baay’ee kan hojjatuu fi halkan kan salaatu ta’ee argaa ture. Guyyaa tokko ani isa dhabe. “Inni dhukkubsate jira” nan jedhan.
Anis gara mana isaa dhufe. Intalli isaas natti gadi baatee akkana jette: Eenyuun barbaaddaa?” Anis, “Ebaluun” jedheen. Ishiinis akka mana seenu naaf hayyamte. Anis itti seenee walakkaa manaa keessatti isa arge. Firaasha isaatirra ciisa. Fuulli isaa gurraachate, ijji isaa bulee taate, hidhiin isaa shaakkaroofte. Anis isarraa kan sodaadhu ta’ee akkana isaan jedhe: Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Innis ija isaa banee gara kiyya ilaale. ni gaggabe. Anis yeroo lammataaf, “Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Jedheen. Yeroo sadaffas ni jedheen. Ergasii ija isaa lamaan banee akkana jedhe: Yaa obboleessa kiyya Mansuur! Anaa fi jecha tana jidduu dhoowwaan seenee jira. (Jecha tana jechuu hin danda’u.)” Anis, “Laa hawla walaa quwwata illa billahil aliyyul aziim.”
Ergasii, “Yaa obboleessoo! Salaanni, soomni, tahajjunni, halkan dhaabbachuun suni eessa jiruu?” jedheen.
Innis ni jedhe: Suni Rabbiin ala kan biraatiif ture. Tawbaan kiyya kijiba ture. Kan ani san hojjachaa tureef akka waa’een kiyya dubbatamuu fi itti yaadatamuufi. Namoota agarsiifachuuf san hojjachaa ture.
Yommuu kophaa kiyya ta’uu, balbala cufee fi maggaarajjaa gadi buusee khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuga. Gooftaa kiyya nan faallesse. Haala kana irra yeroo murtaa’ef ni ture. Ergasii dhibeen na tuqe. caafi badii irra gahe.” (Kanaafu, hojii gaggaarii hojjachuu waliin niyyaa qulqulleessuun garmalee barbaachisaadha.)
Mawsuu’atu akhlaaqi wa zuhdi wa raqaa’iq-1/14-15, Yaasir Abdurahmaan

tg-me.com/hafiz_jihad/527
Create:
Last Update:

BY 🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/hafiz_jihad/527

View MORE
Open in Telegram

Hafiz ibn hajer official 🦜 Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

If riding a bucking bronco is your idea of fun, you’re going to love what the stock market has in store. Consider this past week’s ride a preview.The week’s action didn’t look like much, if you didn’t know better. The Dow Jones Industrial Average rose 213.12 points or 0.6%, while the S&P 500 advanced 0.5%, and the Nasdaq Composite ended little changed.

Tata Power whose core business is to generate, transmit and distribute electricity has made no money to investors in the last one decade. That is a big blunder considering it is one of the largest power generation companies in the country. One of the reasons is the company's huge debt levels which stood at ₹43,559 crore at the end of March 2021 compared to the company’s market capitalisation of ₹44,447 crore.

Hafiz ibn hajer official 🦜 from us

Telegram 🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜
FROM USA