tg-me.com/jechootahayyoota/710
Last Update:
Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta. Namni si cina dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa karaa ati irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphachuu dandeessa.
Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin! Jireenyi gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki! Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira. Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira. Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
BY JECHOOTA HAYYOOTA
Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280
Share with your friend now:
tg-me.com/jechootahayyoota/710