tg-me.com/obsiilink/242
Last Update:
Yaadnikoo siqofa
Galgalaa ganama
Balballi onnee koo
Furtuu keen banama
Jaalalaan na seentee
Onnee Koo mooteetta
Guutummaa qaamakoo
Kee qofa gooteetta!
Hidhaan Jaalala kee
Sansalata cimaa
Keessa koo sin dhoksu
Dhagay sittan himaa
Ati qaroo kooti
Somba kiyyaaf tiruu
Simale Jireenyi
Tasa naaf hin jiru!
Si argachuuf jecha
Gaaraaf godan bu'a
Akka tasaa dhufus
Bakka kee nan du'a
Si dhabee jiraachuu
Hin danda'u ani
Akkuma koo bante
Onnee kees naaf bani
Cophee dhumaan jira
Halkan guyyaa dharraani
Ati anaaf dhalattee
Orma-n fedhin narraanii
@obsiilink @obsiilink
BY OBSAA CHANNEL
Share with your friend now:
tg-me.com/obsiilink/242