Telegram Group Search
Hibboo Wal-Xaxaa

"Qarshii 15'n qabdaa?" nan jedhe mucaan naannoo kessa qarshii nama gaafatu tokko
Anis sababonni inni dhiyeefatu baayyeen waan na dinqaniif maal ittiin goota? jedheen gaafadhe innis kokkolfaa "ofiikoo ajjeesuuf jedheen fo'aa( funyoo ) gaariisaa bitachuu barbaade" nan jedhe anis qarshii jijjiirraa waantan hin qabneef fo'aa (funyoo) gaariisaa meetira lama qarshii 10'niin bitadhu jedheen qarshii abbaa 50 kenneef innis dinqamee "hanga kana maalan godharee?" jedhee na gaafate anis qarshii kudhaniin fo'aa, qarshii digdaman immoo sigaara, aqarshii kudhan kan biraatiin immoo qalamaaf waraqaa bitadhu jedhen bira darbe ammas na wamee "kan hafeen hoo?" na
an jedhe anis dhiirri boorsaa duwwa hin duutu jedheen itti qoosee biraa deeme galgala gaafa sanaas du'a isaan dhaga'e hardhi erga inni du'ee guyyaa sadaffaadha kunoo teenyee kaartaa taphachaa jirra waraqata inni itti barreesse du'etu achi jira du'a koof ispoonsera waan naaf taateef galatoomi jedhe maqaa koo waliin barreesseera
Anis dubbiseen....
Itti fufaa....
Yaada fi qeeqa qabdan nuuf barressa.
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 2ffaa

Anis dubbiseen...

Duuti isaa sammuu kootti ulfaate waanti an godhe kun gaarummaa moo hammina mee kamitti lakkaa'adhu? jedheen dhiphina sammuu kan biraa keessa gale akkas jedha barreefamichi "kanaan dura si'a baayyee qarshii naaf laatteetta guyyoota baayyeemmoo qoosaan na bira dabarteetta hardha garuu maaliif akkati qarshi hanga kana naaf laatte naaf hin gallee sanuummoo waantan ittiin godhadhu toora naaf galchitee
Tarii kolfa fuula koorra ture sanatu si goyyomsee laata waantan qoosu sitti fakkaatee laata moo boris qarshii akkan sin gaafanneef isa xumuraakee akka kanatti naaf laatte isa siif waaqa keetu beeka wantootati natti himte hundayyuu godheera fo'aa gaarii jenne sana bitadhee sigaaraa sanas xuuxee fixee kunoo qalamaaf waraqaa ati bitadhu jette sana bitadheen barreessuutti jira garuu gaaffiitu ammas keessa koo jira dhiirri boorsaa duwwaa hin duutu innati naan jette na dhiphisaa jira qarshii kudhanii sana borsaatti baadheen du'uuf deema garuu maal akkanni naaf godhu hin beeku waraqaan kuniif qarshiin kun bor booda akkasaan si qaqqaban nan beeka waraqaa kana dubbiftee gaafa xumurtu atis waraqaaf qalama bitadhu qarshii kudhanii hafte sanaan"
Jedhee naaf barreessee akkuma xumureen of ajjeeseera anis kunoo amma.........
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 3ffaa


Gaaffii baatanii jiraachuu irra gaaffii baatanii du'uun salphaadha.

Utuun deebii siif qabaadhees akkamitti siif deebisu eessattis na dhageessa? wantan si gaafadhus immoo akkamitti naaf deebifta eessattisin si dhaga'a?

Waanta baayyeetu sammuu kootiif gaaffiidha inni jalqabaa akkuma ati jette waantan siif godhe kana gaarummamoo hamminatti lakka'adhu? inni kan biraan immoo utuun qarshii kana siif hin laanne ta'ee duuti kee kun hin hafaa laata ? jedheen akka malee of dhiphisaa jira kana malee immoo gaaffii kee kana akkamitti akkan siif deebisuuf gaaffii anaaf keessee duuta? Deebiisaa akkamitti anarraa dhaga'ufi?

Kolfi fuula keerraa sun nama du'aaf deemu hin fakkaatu ture qoosaan kees kan yeroo kan biraa wajjin tokkuma ture hin qoosta jedheen anis qoosaan waanta amma kana sitti hime ati garuu dhugaa kee naan jechaa turte isa maaliin beeku? nama kaleessa qoosaaf dhugaan isaa hin beekamne akkamitti hubadhu ? Akkas gootaakees maaliin shakku? salphiftee waanta ulfaata goote. Ati amma miira kamiinuu keessa hin jirtu an garuu dhiphina ibsuuf ulfaatu keessattin rakkachaa jira maal ta'a utuu ati gaafa sana natti hin dhufne ta'ee?, maal taa'a utuun qarshii hin qabu ta'eera ta'ee? maal ta'a utuun si didee si dhowwadheera ta'ee?, maal ta'aa utuu waanta ati ittiin godhatuu sin gaafanne ta'ee?, maal ta'a utuun wantoota ati ittiin godhattu sitti hin himne ta'eera ta'e maal ta'a atis gocha goote kana utuu qoosaama gootee dhiifteetta ta'ee ?

Maal ta'a? Maal ta'a? Maal ta'a ?

Anis dabaree koo waraqaaf qalama ati jette bitadheera ati argitee dubbisuu baattus calliseen barreesa ajajakee sana fudhachuuf jedhee

Bakki ati jirtu bakka an jiru irra hin wayya ati haalota sitti ulfaatan hundumaa irraa bilisa taateetta an immoo haalota natti ulfaatan kaleessa dheengaddaarrayyu kan natti ulfaatan danuun keessumeessaa jira....
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 4ffaa

Qarshii ati na gaafatte siif kennuu koo akka balleessaattii hin fudhadhu jedheen of amansiisuuf yaala garuu keessi koommoo siif kennuun koo akka balleessa ta'e irra deddeebiin natti himee na jeeqe, asaasni keessa kootii akkas naan jedha qarshii laachuufiin kee gaariidha garuu utuu inni waanta ittiin godhu sitti himuu nama of ajjeesuuf deemuuf qarshii laachuun kee du'a isaatiif haala mijeessuudha diduu ni dandeessa turte tarii utuu dhowwattee namni kun jiraachuu mala ta'a tarii innii qoosaaf akkas jedhe ta'a garuu jechooti ati jettee isa deggerte sun akkanni yaadasaa kana dhugoomsuuf isa dhiibeera(jajjabeesseera) ta'u mala jedhee asaasni keessa kootii nagaa na dhowwata

Dhiphadheen sammuu caba
Si yaadeen Nagaa dhaba
siif hamileen koos cabe
Waa'eekeef deebiin dhabee
Tuullaa gaaffi na dhaalee
Deebiisaan dhabeem yaalee
Atii duuteetta an fayyaa
Na mannaammoo si wayya
Ati hin jirtu waan beektu
Badiikeef of hin qeeqxu
An garuu fayyaan jiraa
Qeeqeen sammuu of cira

Anamoo asaasa keessa koo jiru kanatu sirriidha laata? jedheen ergan asaasicha dhaggeeffadhee fixee gara ofii kootittii deebi'e, sana booda asaasichi akka inni sirrii ta'en murteesse amma isa kaleessaa caalaan dhiphinaaf gaabbiidhaan jireenya koo reebuu jabeessee itti fufe guyyoonnis bubbulanii darban.

Kunoo qarshii waanta jedhamu ergan ijaan argee harkaan qabee torbanoonni darbaniiru fo'aa gaafan ijaan arguu nagaa kootu na jeeqama iyyeen lafaaf fuula koo of cira humni gaabbii cimaadha hoo , qalamaaf waraqaan erga diinakoo ta'anii guyyaan bubbuleera eenyu illee karaa irratti akka natti dhufu waantan hin barbaanneef karatti ergan ba'ees akkasuma bubbuleera...
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 5ffaa

Bakka hojii ooleen namoota gadda irra jiran jajjabeessuufan mana gaddaa jira. Galgala gaafa guyyaa sadaffaa walitti baayyannee waliin mana gaddaatti kaartaa taphachaa turre utuu taphannuu gidduutti nammi wahii waraaqaa wahiif qarshii abbaa kudhanii qabatee gara keenya dhufe mucaa nu waliin taphatu tokkotti waraqaa kanaaf qarshii abbaa kudhanii itti kenne nu biraa sokke mucichis dubbisuu eegale suuta fuulli isaa jijjiirame daqiiqaa murtaa'ee keessatti guutuu guutuutti jijjiirame immimmaan sagalee hin qabnetu maddii isaarra ya'e waraqaa sanaaf qarshii sana walitti cafaqee fiigichaan bakka sanaa deeme guyyaa gaafa sanaatii eegalee dhiphinaaf haala ulfaata keessa akkanni ture dhaga'aan ture waanta inni dubbise nuti hin argine maal akkanni jedhus hin beeknu waanta akkam namatti ulfaatu haa ta'u laata? Fiigee qaqqabuuf yaaleen ture garuu hin dandeenye inni ammaa eenyuun iyyuu ijaan arguu hin barbaadu qofummaan jireenya isaa isa haaraa ta'eeraaf taateen kun ta'ee ji'oota muraasa booda nama sammuun isaa toora irraa kaate kan barreefama waraqata guddaa tokko irratti kun gaarummaa moo hamminaa? jedhee mallattoo gaaffii guddaa tokko faana barrefame baatee adeemutu bakka wahi dhaabbata fo'aa waraqataaf sigaaraa kana malee immoo qarshii abbaa kudhanii baatee jira anis itti goreen....
Forwarded from Keenyaan Tube
𝐓𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐬𝐚𝐟𝐟𝐢𝐬𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐁𝐚𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐀𝐰𝐚𝐚𝐬𝐡 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐛𝐚𝐝𝐝𝐮?
𝐌𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐀𝐩𝐩 𝐀𝐰𝐚𝐬𝐡𝐁𝐢𝐫𝐫 𝐛𝐮𝐟𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚

👉Kindly download Awash Mobile banking app from https://bit.ly/3r68biG
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 6ffaa


Anis itii goreen Waanta inni ta'e baruuf yaale. Maal taate? jedheen gaafadhe innis sagalee isaa ol kaasee "kun gaarummaa moo hammina ×3" ? Jedhee na gaafate anis xiqqoo rifadhee sagalee tasgabbaa'een maaltu? Wanti ati jettu naaf hin galleen jedhe innis sagalee bareedduu tokkoon walaloo wahii naaf jedhe

"Wawwaxalee na gube
Dhukkubbiidhaan na hube
Qara qaba na ure
Aalbee caalaa na mure
Reebicha natti labse
Dullaa caalaa na cabse
Madeessee na luqqise
Nan nyaadha na huqqise
Dhiphisee sammuu na cire
Yaadakoo sagalitti hire
Guyyaaf halkan na jeeqe
Rakkisee natti seeqe
Natti asaasee natti ololaa
Gaafa hundumaa ana lola
Nan dhiphadha rafeen ciisu
Uleen gaabbii gad nan dhiisu"

Kana sagalee garaa namaa cabsu tokkoon naaf dubbisee anis gaabbiin jireenya isaa akka miidhaa jirtun hubadhe "gaaffi wahii si gaafadhuu?" naan jedhe immimmaan isaa ofirra haqaa anis na gaafadhun jedhe "amma utuun ofan ajjeesaatii fo'aan bitadha qarshii naaf kenni siin jedhee naaf laattaa?" Naan jedhe anis lakki tasumaa siif hin kennu jedheen deebiseef fo'aa wahii baatee gatii tureef "gatiin qabuuf jettee na didaa jirtaa?" naan jedhe lakki isaaf jedhee miti of ajjeesi jedhee siif hin bitu jedheen deebiseef sagalee guddaa tokkoon iyye fuula of cire miira balleessummatu irraa mullata seenaa ulfaata tokko utuu waa irraa hin hanbisin hundumaa anatti hime anis seeraanan dhaggeeffadhe haasaa isaa addan hin kutne akka nama of ajjeeseef qarshii fo'aa kenneefis anatti hime ammas waan si gaafadha naan jedhe anis na gaafadhun jedhe "nama ofa ajjeesseef qarshii kenneeraaf an balleesseera moo hin ballesine?" jedhee na gaafate anis waantan deebisuufan dhabe daqiiqaa muraasaaf jalaa callisuufan dirqame mucaan kun isa ji'ota muraasa dura mana gaddaatti waraqatiif qarshiin abbaa kudhanii itti kennamedha seenaa inni natti himerraan bare malee namummaan isaa akka malee jijjiirameera baayyee na gaddisiise biraa adeemutu anatti ulfaate itti siqee sossobuufan yaale sana booda...
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 7ffaa


Ittii siqee teessiseen hammadhe, Obboleessa koo tarii ati qoosaaf jette ta'aam maaliif akkasittiin sammuu kee amansiiftee? Jedheen gaafadhe innis "ammaa waanta gorsikee kee kun keessa koo mo'u sitti fakkaataa? gosa gorsa keetii kana namoonni danuun na gorsaniiru garuu nan jijjiirre asaasni keessa ofii jiru hagam akkanni nama miidhu isin hin beektan, of sobee,of dhokadhee miira koo ganuun dadhabe yeroo hundumaa asaasa keessa kootiitu na mo'a...sababa koof namni kun du'eera... dhiismee eenyuyyuu naaf hin hubatuu" jedhee maddii isaa isa qoore ammas immimmaaniin jiise miirri isarraa mullatu miira baayyee nama gaddisiisudha fuula isaa gaabbiidhaan of ciccireera "asaasa keessa kootiin dadhabeem uuuuuuuuu" jedhee mataa qabatee iyye sammuun isaa guutuu guutuutti tauu baatus toora irraa kaatera namummaan isaas akkasuma

Ifa isaatu dhaame
Ija isaatu jaame
Sammuut toora diige
Onnee isaatu dhiige
Qalbii isaatu cabe
Jooree nagaa dhabe
Iyyee harqee bo'a
Gaabbiitu isa mo'a
Fuula isaat caccabee
Miilla isaat dadhabe
Hamilees dhabeera
Abdiinsaas cabeera

Irraa badee fuulli seeqaa
Du'a hawwa du'a eegaa

Namummaan baayyee waanta ulfaataadha mucaan kaleessa sana fakkaatu gaafanni jireenya akkasii keessatti kufu arguu kootu nagaa na dhowwate akka isaa iyyee fuula of ciruu baadhus immimmaanni koo danuun na keessaa dhangalaa'aniiru tarii guyyaa tokko miira kana keessaa ni baataa garuu waanta tokko sitti himuun jedhe innis "yoo waantaa haaraadha taeef natti himi" naan jedhe anis adaraakee waraqata baaattee deemtu kanaaf fo'aa kana gati kanuma qofaa akkati gootun barbaadan jedheen innis akka kolfuu ta'ee "wahii si'ii! kana hundumaa nan gatee haa jennuu asaasa keessa kooti sanammoo akkam godhu jedhee gaaffii ulfaata na gaafate...
Asoosaama Isiinif dhiyeessa jiru kanatti gammada jirtu moo hin jirtani?
Yaada fi qeeqa kessan nuuf barressa....
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 8ffaa


Utuu isin ta'ee maal deebiftuuf? gaaffiin akkas ulfaatu jiraa? dhugaadha asaasa keessa ofii mo'uun baayyee ulfaataadha yaadota bakkeedha gara kee dhufan baayyee isaanii ittin falmitee ofirraa dhorkuu ni dandeessa asaasni keessoo keeti garuu akka gaangiriiniiti ni dabala malee hin hirdhatu isa kaleessa si dhiphisu caalaa hardha si dhiphisaa adeema garuu dandeettin dandammachuu namaa immoo wal caala.

Anis keessa kootti takka dhiphadheen yoo maal goote asaasa keessa keetii kana moota? yoo maal goote si dhiisa? jedheen gaafadhe "ihimmm deebi gaaffii keeti kana utuu nama naaf deebisu argitee fiddee na dhiisa" naan jedhe anis hooooooo nama dhibda ati jedheen kan biraa hoo maaltu furmaata? jedhee utuun hin xumurin guddisee iyyee "na dhiis abboo gaaffi warra keessa kootii na nyaatanuu ofiikoof hin deebifne gaaffii biraan sammuu koo hin dararin" nan jedhee daqiiqaa keessatti natti jijjiirame immimmaanii isaa eessaa akkas akkanni ya'u anaaf hin galu yoo barbaade kolfaas ni bo'a "waaqa sodaadhu adaraa waaqaa anarraa deemi" naan jedhe anis jechi isaa sammuu kootti ulfaatee bakka nagaa turi jedheen nagaa itti dhaamee deemuu eegale utuun achi hin siqin "mee as deebi'i" naan jedhe tole jedheen dafee itti deebi'e "amma utuun ka'ee of ajjeesee gaaffiwwan kun hundi na dhiphisuu ni dhiisu mitii? sammuun koo akkas nagaa na dhabe kunis na boqota mitii?" jedhee gaaffii isa gaaffii warra kaanirra caalu na gaafate anis nan rifadhe yoon eeyyee jedhee deebisef yoo inni of ajjeese anis qooda inni jiraachaa jiru kana jiaachuufan adeema garuu sammuun koommoo eeyyee jedhii deebisiif naan jedha dhugumas immoo yoo du'e wanta kana hundumaattii ni boqota sammuun isaas dhiphina kanaaraa ni boqota naan jedha hoooooo jedheen ofirra gad quphanee miira nama dhiphisuun hafuuraa dheeraa tokko baafadhee harkaa koo lamaaniin fuula koo qabadheen....
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 9ffaa

Kottu erga asaasa keessa keetii mo'uu dadhabdee of ajjeesi atis kana hunudumaatti boqodhu jedhee utuun hin xumurin sagalee "kun gaarummaa moo hamminaa?" jedhe ana garasii iyyu dhaga'een na'ee ol ka'e si haa galatu waaqaakoo baga waantan jedhe kana na hin dhaga'in jedheen gammade yeroon akkas jechaa ture inni ana biraa achi fagaateera anis gaaffiin of gaafadhe amma utuu inni ka'ee jechaa koo kana dhaga'ee of ajjeesee kun gaarummaa moo hamminaa? jedheen of gaaafadhe moo tarii na dhaga'eera laata kanaaf akkas jechaa ana biraa sokke jedheen ofitti gungumuu eegale akkan itti dhiisee biraa adeemun dhabe nan shakkee fiigee qaqqaabeen siiniim'n jedheen "maaltu si hafemmoo ammas gaaffii baattee dhufte akka hin taane" naan jedhe anis lakkii innoo gaaffii kan biraa mitin jedheen "maaliree?" naan jedhe anis akka inni wantan ittiin jedhe sana dhaga'eef hin dhageenye adda baasuuf jedheen xumura irratti wantan siin jedhe ni yaadattaan jedheen natti kolfee "xumura irratti wanti ati naan jettee kunoo isuma amma naan jette kanadhaka" naan jedhe lakki amma mitiim utuun fiigee hin dhufin duran jedheen "kan atuu hin yaadanne animmoo maalan yaadadharee?" naan jedhe anis dhaga'eeraaf hin dhageenyee isaa akkan itti adda baafadhun dhabe. "kan jedhaniif kan godhan gatii nama baasisuu hin oolu" naan jedhe anis isa silaa caalaan shakkuu jalqabe namni kun na dhaga'eera jedheen sodaadhe utuun isa faana jiruu lafti dhiye biraa deemuuf of ajjeessaa jedheen sodaadhe achi buluu immoo hin barbaadu innis waraqata isaas fo'aa isaas baadhatee muka tokko jala quphanee akkas jechuu jalqabe

"Gaariin kamii?
Kamtu daba?
Kamtu okkola?
Kamtu caba?

Kunis gaaffii sunis gaaffii
Deebiin dhabe
Kanaaf sammuunkoo na cabe

Inni anaaf deebisu
Eessa jira beektuu?
Moo
Maraatuun maal beekti?
Jechuun natti seeqxu"

Ammas gaaffii biraa ana keessatti uume anis...
Asoosamaa
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 10ffaa

Nammi kun na dhaga'era. Akkan jedhe akkannii hin goone jedheen ofitti gungumuu jalqabe asaasa kan biraan immoo yoo du'es dhimmasaa maa'inni nama meeqatu akka salphaatti du'a hoo jedheen of amansiisa gungummii kana lamaan keessa ta'een biraa deemuuf dirqame
"maaltu keessa ke jira? maaltu si dhiphisaa jira?" naan jedhe
anis :- maal jedhee akkan itti himutu naaf galuu dideen aaaay hoomtun jedheen
"yoos deemikaa dukkana'aa jiraam" naan jedhe
atoo? jedheen gaafadhe
"an bakka deemsa hin qabu bakkuma itti natti dukkanaa'etu anaaf bakka" naan jedhe Tole isammoo bakka nagaa bulin jedhe.
"Ameen siin hin jedhu garuu ganama asiin gorii na hubadhu" naan jedhe tole jedheen biraa deeme qaamni koo isa dhiisee bakka sanaa yoo deemes yaadni koo isuma bira na jira maal godha kan jedhun sammuu koo keessatti yaada deemee mana ga'ee irbaata nyaadhee dadhabee wantan tureef ciisee boqochuuf gara kutaa irribaa kootiin deeme garuu tasumaa sammuun koo na boqochuu hin dandeenye keessi koo dhiphataadha jeeqamaadha hirriban dur nagaan rafee bulun dhabee daqiiqaa tokkoofillee rafuu hin dandeenye yaadni koo guutuu guutuutti bakkan itti nama sana dhiise dhufe sana na jira halkan guutuu yaada dhiphinaa keessa buleen ganama akka sinbirroonni iyyaaniin fiigeen bakkan itti isa dhiisee gale sana deeme yeroon bakka sana ga'u namni sun....
Asoosamaa
"Hibboo Wal-Xaxaa''

Kutaa 11ffaa

Namni sun mukatti rarra'aa jira jilba kootu bishaan na ta'e kutaa sammuu kootiitu na goge deemuufis dhaabbachuufis mogoleen dhabe tarii reefuu of fannisaa laata jedheen immoo humna ana keessa hin jirreen akkuma isaatti hafuuraa naasuutiin gara isaatti fiige garuu akki an yaade hin taane innoo sombi isaa iyyuu harganuu dhaabeera onneen isaas dhiiga raabsuu dhiiseera walumaa gala du'aa isaan qaqqabe eegaa du'eera jedhee akkasitti dhiisuu hin dandeenye mukicha yaabeen fo'aa sana hiikee suuta du'aa isaa lafaan ga'e
Waraqati mallattoo gaaffii faana kun gaarummaa moo hamminaa? Jedhu sun fo'aa kan biraatiin cina isaatti fannifamee jira gaaffii isaaf deebii utuu hin argatin du'e akkuman isa argee gadi ilaaluun muka sana jalattin waraqata arge suuta miira sodaatiin gad jedheen fuudhe nan diige

"Akka ati na hubachuudhaaf ganamaan dhuftu nan beeka garuu barfatteedha kanati dhuftu kanan si waameefis na oolchiidhaaf osoo hin taane du'aan koo mukarratti hin hafiniidhafidha inni kana booda kan keessani feetan na awwaala feetan na gataa an hiree koo isa naaf kenname jireenya dachee kanaa asumattin xumuree kana dura gaaffii baatanii jiraachuu irra gaaffii baatanii du'uun salphaadha jechaan ture isammoo kunoo dhugeesseera gaaffii baadhee asaasa keessa kootiin lolaamaa jiraachuurra ofii koo waliin asaasa keessa kootii ajjeesuu filadheera garuu siif gaaffii ka'ee du'uu hin barbaadu kan gara kanaatti jireenya koo fidee gaaffi namni anaaf ka'ee du'edha anis immoo gocha kana irra deebi'ee gaaffii siif kaa'ee hin du'u garuu si galateefachuun barbaada ati nama hamaa miti amma sammuu keetii na gorsiteetta haalan keessa ture sana keessaa na baasuudhaaf hamma humna keetii yaalteetta ati namoota warra kaan irra hin wayyita isaan maal taate jedhanii illee ana hin gaafanne anarraa goranii darbuun amala isaanii guyyaa guyyaanii ture gaaffii koof deebii dhabdus...
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 12ffaa

Ati amma tokko sammuu koo amansiisuuf akkan yaaluuf dhiibbaa anarrattii uumteetta garuu animmoo isa hin dandeenye asaasani keessa ofiitii nama nyaatu baayyee ulfaataadha kanaafan dadhabe. Sana baadhee jiraachuun immoo waanta anatti ulfaateef akka kana godhee ofirraa salphisuuf dirqameera

Of keesssatti gad qabee
Dandammachuun dadhabe

Asaasa keessoo isa na nyaatu
Yaadan jiilee yaadan gu'e
Baqa gaaffii deebiin qabneen
Dhiphuu baqan Ofiin du'e

Haalonni ulfaatoon lama gara jireenya keetii yeroo wal fakkaatutti yoo dhufan, dhukkubbii ulfaatoon lama yeroo wal fakkaatutti gara jireenya keetii yoo dhufan isa irra hin salphata jettee yaaddu filachuun dirqama garuu gatii siif ta'eef miti isa tokkoo sana irra gatii inni salphatuuf qofa anis asaasa keessoo kootiitiin dhiphachuu irra, isaan guyyaaf halkan lolamaa jiraachuu irra isaa wajjiniin du'uun salphatee waan natti muldhateef utuu hin jaalatinis haa ta'u isa kana filadheera. Isati kaleessa "Kottu erga asaasa keessa keetii mo'uu dadhabdee of ajjeesi atis kana hunudumaatti boqodhu" nan jette sana yaada keessa koo jiru waliin walitti dabalee murtoo kanarra ga'eera atis deebii dhabdee dhiphinni koo si gaddisiisee akkati filannoo kana natti himte hin shakku maaliif jennaan waanta ulfaataa lama keessaa ulfaata isa irra salphaa filachuun dirqama akka ta'e nan beeka an qarshii kenneefii namni wahii of ajjeesee kun gaarummaa moo hammina gaaffii jedhuun utuun dhiphadhuun carraa namicha sana qaqqaabeen anis akkuma isatti of fanniseen du'ufi atis immoo akkas godhi naan jechuun kee kun gaarummaa moo hamminaa jettee akka of hin gaafanne adaraa gaaffiin kun keessa keetti uumamnaan namummaa lamaan jiraachuu eegalta tokko sammuun kee isanni yaaduun tokko immoo asaasa keessoo keetii sitti dhufuun isaan kana lamaan gidduu jiraachuun immoo hammam ulfaata akkanni ta'ee namoota argan keessa an isa tokkodha adaraa tasumaa akka gaaffii akkasii ofii keetiif hin dhiyeesine egaa qalamnikoos ana harkatti gara dhumutti...
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 13ffaa

Egaa qalamnikoos ana harkatti gara dhumutti dhufteetti seeraanis anaaf barrressaa hin jirtu waraqaan koos bakka hin qabu anis kana caalaa waantan jedhu hin qabu isa naaf goote hundumaaf fayyaa kee ta'i isa kana boodaa immoo waanta sammuun kee si ajaje godhi waan tokko garuu jireenya kee keessatti gaafa hundumaa gochaa jiraadhu nama dhiphina ulfaata keessa jiru yeroo kamittuu keessatti hin ilaalin isa maraates irraa gortee hin darbin nama miira isaaf dhukkubbii isaa isaaf hubatuuf barbaada gatii ta'eef inni kun immoo isan si ajajee du'udha kan biraan immoo" jedhee asumatti addaan citee barreefamni isaa. Qalama isaatu barreessuufi dide fakkaata waraqaan isaa iddoo xiqqoo tokko malee hin qabdu anis tarii waraqaa biraan jiraa jedheen muka sana jala barbaaduu jalqabe garuu homaayyuu argachuu hin dandeenye qalama lafatti irra ejjetamtee caccabde wahiin arge miilli akka malee caccabseera anis akka inni gaafa qalama sana fixe aaree irra ejjetee caccabsen hubadhe maal ta'inna laata ajajni isaa inni utuu inni hin barreessin hafe sun jedheen dhiphina kan biraa keessa galuu jalqabe sana booda...
Asoosaama
"Hibboo Wal-Xaxaa"

Kutaa 14ffaa

Du'aa isaa irra quphaneen sammuu koo faana gungummiif wal mormii jalqabe Gaafan amma itti yaadu, of ajjeesii asaasa keessa keetiirraa boqodhu jechuunkoo hammina ta'ee? gaarummaadha ta'ee? naaf galaa hin jiru ta'us garuu inni na galateefateera sababa keetiifan of balleesses anaan hin jennee, gaaffii anaaf kaa'ee du'uus hin barbaanne, garuu utuu inni gaaffii anaaf kaa'ee du'eera ta'ee anaaf salphata ture isaaf deebii barbaaduu nan danda'a sababa ta'eef amma garuu waanta sammuu na cabsu, waanta dhiphina ulfaataa keessa na galchu naaf kaa'ee du'e qalamni isaa iddoo maleetti isa harkatti dhumuun ishee anaaf gaarii miti maal ta'inna laata? kan inni na ajaajuuf ture, maalis na gorsuuf ture, maalidha laata wanti inni natti himuuf turee baadhatee du'e?

Maal natti himuuf turte?
Keessa kee maaltu jira?
Kan natti hin himin hafte
Ajajni kee inni biraa?

Utuu hin dhumin qalamni kee
Maaliif naaf barreessuu dhiifte?
Ajaja of keessatti baattee
Maaliif utuu hin baasiin ciifte?

Atoo deebii naaf hin laattuu
Ofiifuu erga duutee qaata
Maal naan jechuuf akka turte
Eenyutu natti hima laata?

Gaaffiin dhuguma jireenya namaa biraa hin haftu maal ta'inna wanti inni anatti himuuf ture????????
Kunoo anis toora isaaniin qabachaa jira fakkaata jedheen naasuudhaan yaada gaaffii kana keessaa of baase...
Waliin Dubbii Ajaa'iba
Gaaf tokko otoon mana barumsaatii galaa jiruu karaarratti shamarree bifaa fi dhaabbii bareedaa qabdu tokkotu fuuldura koo deemaa jirti. Silaa akka amaleeffannaa ta’ee nuti ijoolleen dhiiraa gaafa shamarran bira geenyu otoo waa itti hin dubbatiin hin dabarru. Yoo osoo hin haasofsiisiin darbine shamarran ofiima isaanii qeeqa qaban nutti agarsiisu. Dhugaa dubbachuuf nutis warri dhiiraa otoo shamarran karaarratti argine hin qoccoliin darbuu hin dandeenyu; hin feenus. Egaa anis kanumaafan suuta jedhee sagalee koo qarachaa akkasumas waanan dubbadhu itti yaadaan ariifadhee ishee qaqqabe. Duraan wal hin beeknu yoo ijaan argama ta’e malee. Kanaaf nan saalfadhe. Gara jigetti haa dhangala’u jedheen haasaa koo gaaffiidhaan eegale.

Moonenus: Dhiifama obboleetii waa si gaafadhuu?

Shamarree: Maal na gaafatta? Eessatti na beekta? Maal jedha tortoraan kun? Ohoo hin qaanoftuu yommuu waa si gaafadhuu, naan jettu?

Moonenus: Maaliif akkas dheekkamuun barbaachise, waan hin beekne gaafachuun cubbuudhamoo yookaan hammina maalii qabaa?

Shamarree: isin warri dhiiraa lafumaa kaatanii dubbii nu irraa barbaaddu. Kanaafan akkas jedhe malee cubbuudhas hamminas qaba hin jenne. Waanuma fedheefuu na gaafadhu yoon danda’e siin deebisa; hin danda’u taanaan itti yaadeen yookaan gaafadheen guyyaa biraa sitti hima.

Moonenus: tole galatoomi. Ani kanan jedhu mana barumsaa keenya keessatti manni fincaanii kan dhiiraa fi kan dubartootaa maaliif adda adda ta’ee? Kanuma si gaafachuun barbaade.

Shamarree: maali isheen itti gaafatamtuu dhimma mana fincaanii mana barumsaa keenyatti siin jedhanimoo? Maal jechuu keeti?

Moonenus: akkas jechuu koo miti garuu anatti yeroo baay’ee waan gaaffii natti ta’eef tarii kan ati beektu ani hin beeku; kan ani beeku ati hn beektu kanaaf walirraa baranna jedheen malee.

Shamarree: akkan yaadutti, yoo manni fincaanii kan dhiiraa fi dubartootaa tokko ta’e rakkoon dhufu salphaa sitti hin fakkaatiin. Mee laali lafarrattiyyuu baay’inni uummataa daran dabalaa jira: gaafa manni fincaanii dhiiraa fi dubartootaa tokko ta’ummoo maaltu akka dhufuu danda’u yaadi. Lafaa gadittis baay’inni uummataa dachaa baay’een dabaluunsaa kan oolu miti. Kanaaf natti fakkaata jechuudhaan deebii ajaa’ibaa fi barnoota waliin wal qabate naaf deebifte. Waanan itti deebisu dhabeen dhiise. Kolfaa gaggabaa gara mana keenyaatti galle.....
Hamma Gaalaa

Utuu sammuun nama waan hunda dagatee
danda'eeti dhiisee
Wanta dabarsiineef jaalalan siif qabun dagadha callisee
Jaalalli utuu ta'ee akka huccuu haaraa bor
moofa'ee badu
Jaalalaakee baadhee tasa iyyuu hin dhiphadhu
dukkanaaf ifa aduu.

Dubbiikee bilchaataan qabattee onneeko erga
dhuunfatteeti
Onneekee naaf laatte erga anaan jette an qabeenya keeti
Dhugaanan sijaalla an siin ala hin qabu nama onnee dhugaa
Anaan jettee kaatee maaf nattii harcaate akka
baala mukaa

Ani reefuun arge edaa jaalallikee lakkii asoosama
Hiyyeessa akkakoof gadduu ta'aa malee maaf itti qoosama
Yeroof nagodhattee siif ta'ee argameera madda
bashananaa
Garuu bu'aa hin qabu dubbiin faallaa ta'ee bor
kan kees si ganaa

Maal akkam bareedu jechoonnikee sun kan naaf
ta'aan kiyyoo
Utuun uffee jedhuu kan afaan na ka'aan damma
makaan biyyoo
Ani homaa hin ta'u madaa'es nan fayya naaf jira waaqayyoo
Garuu kankee hin beeku gatii dabakeetii dhuma
keetiif wayyoo

Karaa sobaan darban gala nama dhiba jedhanii
mammaaku
Har'umaaf maleessa boriif gatii hin qabu waa
hunda walmakuun
Jechaan na sobde malee ijikee hin dandeenye
injifachuu haala
Nama amanuu irra mixii coomsu wayya gochuuf
hamma gaalaa!
2024/03/28 10:58:01
Back to Top
HTML Embed Code: