Telegram Group Search
Injiffaattoota Dorgommii Qur'aana idil adduunyaa biyyaa libiyaatti moo'ataniif magaalaa Jijjigaatti simannaan hoo'aan taasifameef

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€ Caamsaa 20/2016
Dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa Liibiyaatti gageeffamaa ture irratti Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgommii gaggaeesaaniin Injifannoo gara biyyatti kanneen deebi'aniif har'a Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti simannaan ho'aan taasifameeraafi.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Dorgommmii sadarkaa addunyaatti biyyoonni 60 ol irratti hirmaatan kana irratti Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgomtoonni gosoota dorgommmii lamaan kan dorgoman yoo ta'u qara'iin Jigjigaa irraa Itiyoophiyaa bakka bu'e Abdulwahaab Ibraahim gosa dorgommmii qiraatal ashariin sadarkaa 1ffaadhaan akkasumas magaalaa Finfinnee irraa kan hirmaate Muhaammad Mahmud dorgommmii Qur'aanaa juuza soddomaatiin sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Gama biraatiin abbaan murtee dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa lammiin Itiyoophiyaa Ustaaz Nuuraddiin Qaasim abbaa murtee ta'uun hirmaataa turani.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ www.tg-me.com/ethioislamicmedia
Hawaasa Muslimaa ummata biyyattii keessaa lakkoofsa walakkaa ol qabu moggatti dhiisuun mariin gaggeeffamu buโ€™a qabeessa akka hin taane ibsame
>>>

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€ Caamsaa 20/2016
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa marii biyyaalessaa irratti โ€˜โ€™lakkoofsi bakka buutota hawaasa muslimaa xiqqaadhaโ€™โ€™ jechuun komii dhiheesseef deebisaan osoo hin kennaminiif, komishinichi guyyaa hardhaa magaalaa Finfinnee keessatti marii jalqabuu beeksiseera.

Haaluma kanaan marii biyyaalessaa irratti aanaa irraa hanga naannootti, bakka buutota ummataa marii kanaaf filataman keessaa lakkoofsi muslimaa akka malee xiqqaa tahuufi, ajandaalee hawaasa muslimaa irraa dhihaatan sirritti hubachiisuudhaaf, akkasumas dhimmoota ijoo biyyoolessaa keessatti akka hawaasa tokkootti mariโ€™atamee waliigaltee irra gahuudhaafis, bakka buutonni ummata muslimaa akka malee xiqqaachuun rakkoo kan uumu malee walii galtee kan fidu akka hin tahin namoonni heddu yaada isaanii kennataa jiran
>>>>>
Namoonni hawaasa muslimaa bakka buโ€™an xiqqaachuu ilaalchisee, hoggantoonni majlisaa angawoota komishinii marii biyyaalessaa waliin irra deddeebiin marii gaggeessanis, hanga ammaatti furmaatni qabatamaan itti kenname hin jiru jedhameera. Filannoon hirmaattotaa waldaalee fi ijaarsa hawaasaa amma dura turan, kan hawaasa muslimaa baldhinaan hin hammatin irratti hundaahuun gaggeeffamuun isaa, bakka buutonni muslimaa gar malee akka xiqqaatan godhuufi, kunis adeemsi filannoo hirmaattotaa sirrii kan hin tahin, akkasumas hojmaatni kun nannolee hunda keessatti walfakkaataa tahuu ibsameera.
>>>>>>>
Kanumaan walqabatee hirmaattonni marii biyyaalessaatiif naannolee jiraattonni isaanii dhibbeentaa 90 ol Muslima tahan, kanneen akka Affaar fi Somaalee keessattis bakka buutonni hawaasa muslimaa akka malee xiqqaafi dhibbeentaa 50 hin caalu jedhameera.
Gama biraatiin, manni marii dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa, ajandaalee marii hawaasni muslimaa dhiheesse sanadaan qopheessee dhiheessuu komishiniin marii biyyoolessaa ibsa kaleessa kenneen mirkaneessee jira. Haatahu malee ajandaawwan dhihaatan kanneen marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu ilaalchisee wanti jedhe hin jiru.
>>>>>>>>
Dhimmoota woloo biyyaalessaa irratti waliigaltee fi beekkamtii walii kennuun hafee waldhiibutti sababaalee galchan jidduu tokko, hawaasa tokko jalqabumarraa bakka buutota dhabsiisuu, kunis osoo beekamuu sirreessuu dhabuun ammoo daranuu rakkoo wal xaxaa tahe waan uumuuf, komishiniin marii biyyoolessaa oolee osoo hin bulin rakkoo kana saffisaan furuu qaba jedhameera.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ www.tg-me.com/ethioislamicmedia
"Mirgii Keenya yoo Sarbamee akka duraa san qolee keenya gadi cabsinee hin teenyu"

Pireezidaantii mana marii waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Kabajamoo Dr.Sheeyk Hajjii Ibraahim Tufaa
Gaazexeessaa, miidiyaa, fi qorataa Biriteen kan ta'e ๐—ฅ๐—ผ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฟ๐˜ ๐—–๐—ฎ๐—ฟ๐˜๐—ฒ๐—ฟ erga Islaamummaa fudhatee booda ...

Suuraa isaa kana fb isaa irratti maxxansee akkana jedhee barreesse:

โ€œMaaliif Nama hundaatti Muslima ta'uu kee itti himuuf qaanfatta ?! โ€

itti aansee akkana jechuun barreesse: โ€œWarri Qur'aanaa fi nabiyyii jaallatamaa, Nabi Muhammad (nageenyi isaa irratti haa jiraatuu) irratti duulan hundi Islaamummaan amantaa Awurooppaa keessatti saffisaan guddachaa jiru ta'uu ni beeku.โ€

Galanni Rabbiif haa ta'u,
Rabbiin injifannoo keenya jedhee dubbii isaa xumure.

Rabbiin gadi isa haa dhaabu. โค
2024/05/30 10:33:21
Back to Top
HTML Embed Code: