Telegram Group Search
Guyyaa Iidaallee #nama_sagalii tola Rabbiitiin arganne. Alhamdulillah

Godina #Gujii_Bahaa, #Aanaa_Gooroo_Doolaa, magaalaa #Harqalloo tola Rabbiitiin #nama_sagal (9) gara Amantii dhalootaatti (#Islaamummaa) deebi'uu argannee, hawaasa buqqaatota achi jiran dubbisnee, amaanaa Ustaaz Qamar Huseen irraa arganne biraan qaqqabsiifnee, Zuhurii irraatti magaalaa Waadaraa fi Asraa irraatti ammoo Adoolaa ziyyaarree dhaamsa gaggabaabaa hawaasa dabarsinee, hiree Rabbiin nu badhaaseen Alhamdulillah jennee, gara biyya keennaa nagahaan galle.

Ka nu taajjabullee jiraachuu ima beeknaa, garuu hawaasa nu jaalate nu barbaadu filannee, hojii Rabbiin ittiin nama milkeessu waan hin beekneef haga hireen jirtu toltuu  carraaquu woyyaan jennee deemnee, eddoo Rabbiin nuuf fedhe oollee Alhamdulillah. Hireen ganda duniyaa isiinuu gabaabdu, osoo Rabbiin fixattee bahi hin jenne bahuu woyyaa wol taajjabu dhiifnee woliin haa diiniif hojjannuu koottaa isiniin jedhaa. Hunda keennaa Rabbiin nu haa milkeessu. Amin

https://www.tg-me.com/Turullee Dhugatu Mo& 39;ata/com.Xaaliburidallah
#Magaalaa_Arba_Goona
Marsaa lammaffaaf
#Namoota_225 tuu #Islaamummaa_fudhate.

#Naannoo_Sidaamaa
#Magaalaa_Arba_Goonaatti #Guyyaa 18/06/2024 or 11/10/2016tti Jilli da'awaa Shek Habiib Leencaatiin dursamu sochii taasiseen, dhiiraa 195 fi dubartoota 30, wolumaa galatti #namoota_225 gara Amantii Dhaloota isaanitti deebi'anii jiruu. Masjid nuuf ijaaraa, nama nu barsiisu nuuf qacaraa, sana booda waan Ummanni Sidaamoo ta'uu jiru nu laalaa. Namni Islaamummaa irraa duubatti deebi'u tokkoo hin jiruu jedhan. Faaruun kan Rabbii keennaatii. Alhamdulillah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah. Hawaasni keenna maal jettu mee dubbii tana irraatti? Yaada keessan nuuf bareessaa.

https://www.tg-me.com/Turullee Dhugatu Mo& 39;ata/com.Xaaliburidallah
Qaamoleen kitaaba Saayinsii hawaasummaa kutaa 7ffaa irratti amantaa Islaamaa bifa dogongoraatiin ibsan ifatti bahanii dhiifama akka gaafatan waamichi dhihaate

Haarun Miidiyaa:Waxabajjii 13/2016

Haarun Miidiyaan kitaaba Saayinsii hawaasummaa kutaa 7ffaa (Social Studies), kan biiroon barnoota magalaa Finfinnee qopheessee fi amantaa islaamaa bifa dogongoraatiin ibsu ilaalchisee tibbana ogeessa sirna barnootaa Obbo Abdulfattaah Kabbadaa waliin turtii godheera.
Itti fufa....
Obbo Abdulfattaan akka jedhanitti, kitaabonni barnootaa yeroo qophaahan of eggannoo cimaan tahuu akka qabu himuun, keessumattuu dhimmoota amantaa irratti barreeffamni barattootaaf dhihaatu osoo hin maxxanfaminiin duratti, hayyoota amantichaatiin qoratamanii mirkanaahuu qabu jedhan. Kanaan alatti dogongorri hammana gahu kan uumamu amanticha hubaachuu dhabuu irraa, yookaan ammoo jibbiinsa amantaa Islaamaatii qaban irraa tahuu mala jedhan. Bifuma kanaan qaamoleen kitaabicha qopheessan ifatti bahanii ummata muslimaa dhiifama gaafachuu akka qaban hubachiisan.

Ogeessi barnootaa kun akka jedhanitti, dogongorri hamaan kun sirraahuu kan dandahu garuu, kitaabni saayinsii hawaasummaa kutaa 7ffaa kun sassaabamee akka haarayaatti sirreeffamee maxxanfamuu qofa taha jedhan. Dabalataanis dogongorri akkanaa lamuu akka hin uumamne, kallattiin cimaan kaahamuu qaba jechuun Haarun Miidiyaaf himan.

Maddi odeefannoo
👇
...
©Haarun Miidiyaa

https://www.tg-me.com/Turullee Dhugatu Mo& 39;ata/com.Xaaliburidallah
2024/06/21 00:42:56
Back to Top
HTML Embed Code: