Telegram Group Search
Waamicha Yuunivarsitii Madda Walaabuu

Yuunivarsitiin Madda Walaabuu waamicha barattoota haaraa Caamsaa 01fi 02/2014 ta'uu beeksiseera.

Guyyaa jedhamaanin duras ta'e booda baratootaa dhufan kan hin keessummessine ta'u ibsaniiru.
Yuunivarsitii haanga amma Waamicha taasisan

Yuunivarsitii Finfinnee
Eebla 24-25

Yuunivarsitii Walayittaa sooddoo
Eebla 27-28

Yuunivarsitii AASTU
Eebla 28-29

Yuunivarsitii ASTU
Eebla 28-29

Yuunivarsitii Batnootaa Kotobee Meetraapooliitaanii
Eebla 28-29

Yuunivarsitii Bahirdaar
Eebla 28 - 30

Yuunivarsitii Debre Birhaan
Eebla 29- 30

Yuunversitii Madda Walaabuu
Caamsaa 1-2

Yuunvarsitii Odaa Bultum
Guyya seensa Caamsaa 8-9
Guyyaa galmee Caamsaa 10-11

Yuunivarsitii Bulee Horaa Caamsaa 01fi 02/2014
Yuuniversitii haanga amma Waamicha taasisan

👉Yunversitii Finfinnee
Eebla 24-25

👉Yunivaristii Wolaita sodo
Eebla 27-28

👉Yunversitii AASTU
Eebla 28-29

👉Yunvarsitii ASTU
Eebla 28-29

👉 Yunversitii Metroopolitaanii Kotebe
Eebla 28-29

👉Yunvarsiitii Bahirdar
Eebla 28 - 30

👉Yunversitii Debre birhan
Eebla 29- 30

👉Yunversitii Madda Waalabuu
Caamsaa 1-2

👉Yunvarsitii Bulee Horaa
Caamsaa 1-2

👉Yunvarsitii Odaa Bultum
Guyya seensa Caamsaa 8-9
Guyyaa galmee Caamsaa 10-11

👉Yunversitii Dabra Taboor
Caamsaa 8-9

@Arsirobej
@Arsirobej
Waamicha Yuunivarsitii Waachaamoo

Barattoota haaraa bara 2014 Ministeera barnootaatiin gara yuunivarsitii Waachaamootti ramadamtaniif guyyaan galmee Caamsaa 09fi-10/2014 ta'uu yuunivarsitichi beeksiseera.

Ragaa barnootaa kutaa 8ffaa-12ffaa orijinaalaafi koppii akkasumas suuraa gabaabaa 3×4 saddeet, uffata ispoortii fi,ansoolaa qabattanii dhufuu qabdu.

@Arsirobej
@Arsirobej
➡️ Yuunivarsiitiilee hanga ammaa waamicha godhan.

Yuunivarsiitii Eebla 24 hanga Eebla 30/2014 waamicha godhan.

➀ Yuunivarsiitii Finfinnee (24-28)
➁ Yuunivarsiitii Walaaytaa Sooddoo (27-28)
➂ Yuunivarsiitii Dabra-Birhaan (29-30)
➃ Yuunivarsiitii Baahirdaaar(28-30)
➄ Yuunivarsiitii Barnoota Kootabee(28-29)
➅ Yuunivarsiitii ASTU/AASTU (28-29)


Yuunivarsiitii Caamsaa 01 hanga 06/2014tti waamicha godhan.

➊ Yuunivarsiitii Hawaasaa (01-05)
➋ Yuunivarsiitii Buleehoraa (01-02)
➌ Yuunivarsiitii Madda-Walaabuu (01-02)
➍ Yuunivarsiitii Arbaaminci (01-02)
➎ Yuunivarsiitii Goondar (01-02)
➏ Yuunivarsiitii Wal-qixxee (03-04)
❼ Yuunivarsiitii Mattuu (03-04)
❽ Yuunivarsiitii Dabra-Maarqos (04-05)
❾ Yuunivarsiitii Jimmaa (04-05)

Yuunivarsiitii Caamsaa 06 hanga 14/2014tti waamicha godhan.

⓵ Yuunivarsiitii Dabra-taabor (08-09)
⓶ Yuunivarsiitii Odaa-bultum (08-09)
⓷ Yuunivarsiitii Haramaayaa (12-14)
⓸ Yuunivarsiitii Maqdallaa Ambaa (10-11)
⓹ Yuunivarsiitii Injibaaraa (09-11)
⑥ Yuunivarsiitii Waachaamoo (09-10)

Jama’aa barattoota muslima Arsii Roobee
As wr wb
Walaloo gabaabduu tana dubbisaa.
Godaannisa Musliimotaa fi Mootota Itoophiyaa

Asalaamualeykum
Obbleewwan diinii
Waa xiqqoo dubbadhu
Naan jette qalbiinii
Caalaa ummatootaa
Nu godhus rabbiinii...
Har'a akkam jirra
Kaleessa eessa turree
Gargar faffacaanee
Nutoo taanan burree.....
Yahuudaaf nasaaran
Nurratti walkaaftee
Luubbuu musliimotaa
Lafarraa mancaaftee....
Lafarraa balleessuuf
Qabaatanis hawwii
Silas karaan haqqii
Hin dhabu adawwii....

Jalqaba ifaan diinii
Addunyaadhaf ifee
Ergamaan ilaahii
Haqqii qabee dhufee.....
Adawwiin balleessuuf
Wanta meeqa gootee
Booddee dharti kuftee
Haqqiin biyya mootee...
Handhuura addunyaa
Hundaafuu walakkaa
Dachee kabajamtuun
Baate biiftuun takkaa
Hunda caaltuu lafaa
Biyyoo biyya makkaa....
Jalqaba ifaan haqqii
Achirraan hanga'ee
Kallattii hundaanuu
Addunyaa wal ga'ee....
Roorroof rakkoon cimtus
Hundumaa dandeessee
Qaanqeen ifaa sanaa
Biyyaa keenyas geessee....
Mootin biyya keenyaas
Gammachuun simatee
Gaafas abdii kutee
Adawwiin rifatee.....
Gaafa ifaan haqqii
Habashaa qaqqabee
Najjaashin immimman
Qabachuu dadhabee....
Dubbiin haqqii ta'uu
Yoosuu isaaf galee
Haqqiin hundaaf ifa
Beekaa mormu malee...
Najjashin gammachuun
Qabatee shahaadaa
Haqqii ol taasisuuf
Gaafas seene waadaa...
Najjaashin dubbate
Sagalee ol qabee
Tokkichummaa rabbii
Habashaaf lallabee.....
Gahee leencaa bahee
Kan diinii olqabee
Akkasiin anallee
Shahaadan qaqqabee....
Ifaan haqqii latee
Lalisee fireessee
Gaheen kan kee maali
Dabareen si geessee....
An beekumsa hin qabu
Waa tokko hin danda'uu
Waa hunda barreessuuf
Yeroon naaf hin ga'uu......

Kanaaf keessa fiigee
Tuqee mata duree
Silaa naaf mijatee
Tokko hin dhiisu turee.....
Mootota Itoophiyaa
Kan Najjaashii boodaa
Jararraa waan xiqqoo
Mee isiniif qoodaa.....
Yohannis afraffaaf
Teewodroos dabalatee
Ummanni musliimaa
Biratti salphatee....
Kumaatamni du'ee
Rabbii isaan walgahee
Kumaatamni ammoo
Bar kaafira ta'ee......
Biqiltuu Najjaashin
Gad fageessee dhaabee
Buqqisuuf addawwii
Bara hedduu ta'aabee.....
Mataa irraa murraan
Hiddi latee margee
Kan dhalootni ammaa
Ifaa diinii argee...
Milnik lammaffaf
Kan bara zawdituu
Ijji jiraattedhaaf
Bar haqqii hin argituu...
Shiraan ukkamsuudhaf
Gaafas dubbii haqaa
Heedduu musliimotaa
Jijjiiraniis maqaa...
Haqqii abaan rabbii
Kunoo jiraachisee
Amantii Bareedduu
Kana nu dhaalchisee...
Bara lij iyyaasuu
Kan ija banannee
Roorroo bara meeqaa
Irraa bayannannee......
Masjiida ijaarrannus
Eeyyama argannee
Rabbitti shakkarrus
Yeroodhaf gammannee....
Yeroo xiqqoo booda
Lij iyyasuun kufee
Mootummaan zaalimaa
Booda Hayileen dhufee
Ummata musliimaa
Karra nutti cufee.......
Hedduun osoo arguu
Dhiisee daandii haqaa
Fakkaatee jiraachuuf
Jijjiiratee maqaa...
Ulamoota hidhee
Isa kaan fannisee
Itti yoo naqellee
Kaan bishaan danfisee
Haqqiin har'a geesse
Bar rabbiin hambisee.....
Hayleen awwaalamnaan
Booda dargiin dhufee
Roorroon musliimotaa
Ammas itti fufee.......
Boodarra kuffisnaan
Rabbiin dargii cabsee
Wayyaanen olba'ee
Mootummaasaa labsee.......
Alhamdulillahi
Kan mirga argannee
Jennee osoo fiignu
Yeroodhaf gammannee.......
Addaan nu qoqqooddee
Maqaa nutti baaftee
Ummata musliimaa
Kan gargar facaaftee..........
Tokkummaa nu dhoowwuf
Shira meeqa footee
Carraa ulamootaa
Mana hidhaa gootee.......
Hayyoota islaamaa
Hidhatti uggurtee
Waggoota dheeraadhaaf
Kan dararaa turtee .........
Qabsoo dheeraa booda
Jarris ni salphattee
Waan saamte guurrattee
Maqaletti galtee .........
Jara booda yeroof
Biiftun takka baatee
Akka ifaa birraa
Kan iftee hangaatee.....
Dukkana san booda
Kan ifa agarree
Nu hunduu gammadnee
Rabbitti shakkarree.......
Ulamoonni keenyas
Hidhaadhaa ba'anii
Sosochii eegalan
Tokkummaan ka'anii........
Ummanni musliimaas
Waamicha dhaga'ee
Ulamaa simate
Tokkuummaadhan ba'ee.....

Dhaamsa hayyootarraa
Galaa guduunfannee
Afuu waliif jennee
Kan walimmufannee......
Ulamoonni ifaadha
Ifaa san ibsannee
Fuuldurattu bahuuf
Tokkummaa cimsannee......
Wayta nu kaanetti
Adawwiin gubatee
Dubbiin haqqii ta'uu
Ilaalee hubatee........
Fiignee dabarfachuuf
Gufuu qaba karaan
Callifnee taa'uudhaf
Obsa dhabee garaan
Bifa jijjiiratee
Jalqabee dararaan......
Egaa har'as jiru
Sanyiin jara kalee
Ummata musliimaa
Yeroof sobu malee.........
Kaayyoon jaraa guddaan
Kufrii ol kaasuudhaa
Ummata musliimaa
Addaan facaasuudhaa.....
Dammaquun musliimotaa
Yoom isaan raffisee
Mana rabbii gubee
Qullaa nu hambisee.........
Kumaatamni ammoo
Qe'erraa buqqa'ee
Harka namaa ilaaluun
Carraa keenya ta'ee....
Ta'us kaleessarra
Har'umatu caalaa
Rabbiin ol nu kaasa
Gaaf tokko inshallaah
Kana caalaa jechuuf
Anatuu dadhabaa
Akkanatti hin hafnu
Rabbiin ol nu qabaa......
Fuuldura kootitti
Anis waa haajamaa
Du'aayii naaf godhaa
Anaafis yaa jamaa.....

@Arsirobej
Ministeera Barnootaa

Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Koodiiwwan 12'n (Composition of Question Set) gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira.

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Nagga akka jedhanitti qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka taa'umsa gaafii adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12 taasifamaa jira.

Hanna qormaataa ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko ta’uu kan himan Prof. Birhaanuun tartiiba gaaffilee barattoota wal cinaa taa’anii tasumaa walitti hidhamiinsa akka hin qabne eeranii jiru.

Qormaanni kun Yuunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee federaalaatti akka kennamus ibsaniiru.

Ibsa Prof. Birhanu Nagga EPDf kennan:

"... Qormaanni mataan isaa ministeera federaalaa waan ta'eef dhaabbilee federaalaa qofa keessatti haa kenninu. Amma barattoota hunda fidnee, naannoo isaaniitin alatti bahanii, yunivarsitii keessatti qoruuf qophiirra jirra."

@Gadaapost
@arsirobej
#kutaa_12ffaa
#Qormaata Biyyaalessaa

Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 irraa eegalee ni kennama.

Qormaanni kun Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksiseera.

#Dambii qormaataa cabsuun seeratti nama gaafachiisa.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 kennuu bira darbee gowwoomsaafi hanna ittisuuf koodii 12n (composition of questions) kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru guyyoota muraasa dura beeksisuun ni yaadatama .

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Neegaa; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka ta'umsa adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12tti hojjetamaa jiraachuu ibsani turan.

Kunis tarkaanfiiwwan qormaataa gowwoomsuu ittisuuf fudhataman keessaa tokko yoo ta’u, tartiiba gaaffilee qormaata keessatti barattoota itti aananii fudhataman tasumaa walitti dhufeenya akka hin qabne gochuuf yaadameeti.


https://www.tg-me.com/️JBMAR⭐️/com.Arsirobej
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Barattoota kutaa 12ffaa qophii qormaatatti jirtan hundaaf
👇👇👇👇👇👇
👉Osoo of hin cinqin waan isin hafe dubbisaa gara xumuraatti dhiyaadhaa keessa deddeebi_aa
👉Hin rifatinaa Miira tasgabbiitin of qopheessaa.
👉 Rabbiin kadhaa.
👉Gaaffilee qormaata Hojjadhaa
👉 Hiriyyoota keessaniin yaada waljijjiiraa walhubachiisaa.
👉 tension keessa hin seenina
#Breaking_News
#MoE

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30/2015 irraa kaasuun marsaa lamaan akka kennamuuf karoorfameera.

Qormaanni biyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti akka kennamu murteeffamuun isaa ni yaadatama.

Qormaatichis Fulbaana 30, 2015 irraa kaasee eegaluun #Marsaa_lamaan akka kennamu karoorfamuu Deetaan ministeeraa Dr.Saamu'eel Kifilee mallatteessuudhaan yuunivarsitii 42'f erguu isaanii Miidiyaan @Abdii_Sabaa xalaayaa sirrii ta'uu isaa ilaaluu danda'eera.

Kanuma sababeeffachuun Fulbaana 28 irraa kaasuun hanga Hagayya 17, 2015tti Yuunivarsitiiwwan keessatti:-

1.Nyaanni idilee barattoota akka hin jiraanneefi akka hin qopheeffamne.
2.Itti aansuun lakkoofsa barattoota ibsamuun nyaata qopheessuuf qophii akka godhu.
3.Bakka turtii qormaataa akka qopheessan fi
4.Akkaataa kenniinsa qormaatichaa irratti Perizadaantiin yuunivarsitichaa, Diiniin kaapaasiiwwanii, Aangawwonni Ol'aanoon Yuunivarsitichaafi qamoleen nageenyaa waliin ta'uun haala akka mijeessan ergaan dabarfameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://www.tg-me.com/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
Oromiyaatti barattoonni kumni 361 ol qormaata seensa Yuunivarsiitii ni fudhatu jedhame.
Oromiyaatti bara kana barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuunivarsiitii kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Naannoo oromiyaatti xiyyeeffannoon barnootaaf kennamee hojjetamaa jiraachuufi, qabxiin seensa Yuunivarsiitii barattoonni naannichaa galmeessaanis bara baraan dabalaa jiraachuu eerameera.
Bara kana Oromiyaatti barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuuniiversiitii kutaa 12 fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsameera.
Qormaatichi barattoota Saayinsii Hawaasaa barataniif Fulbaana 30/2015 - Onkoloolessa 3/2015tti kan kennamu ta’uu eerameera.
Barattoota Saayinsi Uumamaa barataniif ammoo Onkololessa 8-11/2015tti kan laatamu ta’uu biirichatti Daariktoreetii Madaallii Barachuu Barattootaafi Bulchiinsa Qoruumsaa Obbo Huseen Qaasim ibsaniiru.

Maddi:- kominikeeshinii Oromiyaati.

@Arsirobej
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
kitaabilee haaraa kan sirna barnoota haaraa gadhiifamee jira waan taheef buufadhaa itti fayyadamaa.
👇👇👇👇👇👇👇
linki armaan gadii kana tuqi
https://www.tg-me.com/oeb2020
Forwarded from Jemal
السلام علیيکم ورحمت الله وبرکاته
🎁Wal-dorgommmii Marsaa
#20ffaa🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🕋Maqaa:Sammaan She Abdurrahmaan
⛺️Arsii Roobeerra
#CODE_05
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
📚عن ابی هريرة رضی الله عنه:” ان رجلا قال للنبي صلی الله عليه وسلم :اوصينی ؛ قال :لا تغضب. فردد مرارا؛قال:لاتغضب“زواه البخاری.
↗️Abii Hureeyraa Rabbiin isarraa haa jaalatu;Namtichi wayii Rasuulan(Nagaafi Rahmanni Rabbii irra haa jiraatuu):Naaf dhaami? jedheen.
Hin dallanin jedhaniin jedhaniin.
Namichi irra deddeebi'ee Naaf dhaami jedheen.
Isaanis Hin Dallanin(Hin Aarin) jedhaniin.
Hadiisa kana Bukhaaritu Gabaase ykn odeesse.
👇👇👇👇👇👇👇
Kanaafuu Dallanuun ykn Aarun Hin barbaachisu yoo Haqa Rabbiitif taate malee.
1⃣ffaa kan baheef 400MB🎁🎁🎁
2⃣ffaa kan baheef 300MB🎁🎁
3⃣ffaa kan baheef 200MB🎁
Wal-dorgommmicha irratti hirmaachuudhaaf
🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🎢JOIN&SHARE 🕌🕌🕌
👇👇👇👇👇

@quwwatulislaam
#quwwatulislaam
#quwwatulislaam
#kutaa_12ffaa

Barattoota kutaa 12ffaa maraaf

Qormaata seensaa bara 2014/15 gara mooraa itti ramadamnii yeroo imalan wanta qabachuu qaban, wantota hayyamamaniifi hin hayyamamne.

Wantota qabachuun danda'amu
⁉️Uffata qorraa
⁉️Uffata Firaashii fi hirkoo
⁉️Nyaata qooraa
⁉️Uffataafi Boorsaa
⁉️Kaardii qorumsaa, Irsaasii, Laaphisii, Qalama, daftara yaadannoo, waraqaa qulqulluu, kitaaba

Wantoota qabachuu hin danda'amne

⁉️Wantota sagalee viidiyoofi suuraa waraaban.
⁉️Kaameeraa
⁉️Wantota sarara teeleenis ta'e sanaan ala ergaa erguufi fudhachuu danda'an,(Taabileetii, Laaptooppii, bilbila, Haard Diiskii, Filaashii Miimoorii)

Sagantaa

⁉️Barattoota Saayinsii Hawaasaa
🕔26-28/1/205 Seensa Yuunivarsitii
🕔29-01/2015 Oorenteeshinii
🕔30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa


⁉️Barattootaa Saayinsii Uumamaa
🕔05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii
🕔07/02/2015 Oorenteeshinii
🕔08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa
Odeeffannoo yuunivarsiitotaa afaan amaaraan bot gadii kana keessaa ni argattu.

@Z_CAMPUSBOT
2024/04/27 14:44:15
Back to Top
HTML Embed Code: