Telegram Group Search
Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe.

"Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti.

Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti.

#Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin.

Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!"

#Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi.

Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis!

Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra.

Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!"

﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu!!
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🐘Seenaa As-haabal-fiil(warra Arbaa)
👑Mootii Abrahaa ka'abaa jigsuuf kaayyaffate
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📹0:48 🔗 3.4 MB
Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok
🌍
https://alrisalatube.blogspot.com
Forwarded from Al-risala-tube
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
@m2vbot
Convert To Voice
Ramadaana Akkamitti Simanna?

🎙Dr Jeylaan H/Khadiir

Sadarkaa baatii Ramadaana, barbaachisummaa barnoota waa'ee baatii Ramadaana......
Sooma maaltu balleessa, shuurxii soomanaa...
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
🎙36:22 🔗4.8 MB
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Al-risala-tube
soomanarraa kana beekhuu qabda 2022.pdf
1 MB
#Soomanarraa kan beekuu qabnu.

Barruun gabaabduun dhimma soomanaa ibsitu tuni kennaa obboleeysi iimaanaa isiniif kenne.
Ramadaana hubannoon beekkumsarratti, iimaanaa fii taqwaan soomannee akka
milkiin galluuf qopheeyse.

💳 Jafar Bayan
Forwarded from Nuuralhudaa (Abu K)
#BreakingNews
RAMADAAN MUBAARAK
Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe.
Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a.
Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu.
Nuuralhudaa
Baga rabbiin ji'a ramadaanaatiin isin gahe.

Islaamaani bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi ramadaana bara kanaa kan milkiifi jaalala. Kan sodaa rabbii itti dabalannu nuuf haa tayu.

Nama haqa isaa eegee soomnus rabbi nu haa godhu.

Nabiin akkana jedhan “Soomanaa fii qur’aanni guyyaa qiyaamaa saahiba isaaniitiif ni magantaawan. Soomanni akki jedhu yaa Rabbi nama kana naatu nyaataafii fedhii lubbuu isaa bahachuu isa dhoowwee na maganteessi isa keessatti...

: »الصيام والقرآن يشفعان للعبد يوم القيامة، يقول الصيام: أي قال رسول الله s.a.w رب، منعته الطعام والشهوة، فشفعني فيه،
Forwarded from Al-risala-tube
Soomana Arrabaa.

#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.

Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.

#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.

#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.

Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.

#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.

Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.

#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.

#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Al-risala-tube
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa.

#Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuuruuf deemaa jirra.

#Nuti hoo ibaadaan dabalaa jirra moo akkami?

#Buliiwwan muraasa hafte tana, dalagaa keeyrii keessatti dabalaachaa haa deemnu."

Ramadaanni Ji'a Araaramaati.

#ﺭﻏِﻢَ ﺃَﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺫُﻛِﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻩُ ﻓﻠﻢ ﻳﺼﻞِّ ﻋﻠﻲَّ ،ﻭﺭَﻏِﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺩﺧﻞَ ﻋﻠَﻴﻪِ ﺭﻣﻀﺎﻥُ ﺛﻢَّ ﺍﻧﺴﻠﺦَ ﻗﺒﻞَ ﺃﻥ ﻳُﻐﻔَﺮَ ﻟَﻪُ ، ﻭﺭﻏﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺃﺩﺭَﻙَ ﻋﻨﺪَﻩُ ﺃﺑﻮﺍﻩُ ﺍﻟﻜﺒﺮَ ﻓﻠﻢ ﻳُﺪْﺧِﻼﻩُ ﺍﻟﺠﻨَّﺔَ . ﺍﻟﺮﺍﻭﻱ : ﺃﺑﻮ ﻫﺮﻳﺮﺓ

Hadiissati "...Nama ramadaanni isarra dhufee osoo dilii isaatiif araarama hin argatin irra lufe/darbe abaarsi/salphinni isaa sabate..."

#Yaa rabbi warra salphinnii fi abaarsi isaa sabatuu mitii, warra milkiin isaaniif sabattu nu taasisi. Amiin
Forwarded from Al-risala-tube
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu.


ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha.

#Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha.

#Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa.

Yaa allaah nu waffaqi.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 97
#Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr

🎙Sh/Rashaad 1.5 MB 🎵 6:11

📜【BOQONNAA MURTEE】📜

० بسم الله الرحمن الرحيم

#Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba)

1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر
#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.}

2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ

#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? }

3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ

#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti.

4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن
ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ

#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.}

5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ

#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. }

#Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
Forwarded from Al-risala-tube
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
Forwarded from Al-risala-tube
🎙 Ustaaz Abdul-mannaan waa'ee zakaa fixrii gabaabinaa yoo ibsan.

MB 1 gadi. 🎵 2:30
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1445ffaatiin isin gahe.

Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu.

عيد مبارك!

تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير
Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro
TvIslaamaa
Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro

🍿 TvIslaamaa | YouTube link
https://youtu.be/HMnqViUZSbk

#iida Ramadaan dabrsine nu jalaa balleessu osoo hin taanee, iida sunnaa rasuulaa hordofe gaggeeffachuuf.
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 6.9 MB
🎙 Daqiiqaa 51:47
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Forwarded from Al-risala-tube
🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha.

② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.

③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.

④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.

⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.

⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan,
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.

※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.

"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".

※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.

∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹
https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
²
https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
2024/05/12 02:46:27
Back to Top
HTML Embed Code: